Ogeeyyiin fayyaa hojii dhaabuun seera Itoophiyaatiin attamiin ilaalama?

Madda suuraa, Getty Images
Ogeyyiin fayyaa Itoophiyaatti argaman Kibxata Caamsaa 13, 2025 irraa kaasee kutaalee tajaajila murtaa'aniin alatti mormii hojii lagannaarratti argamu.
Ogeeyyiin mormicha kan eegalan erga gaaffiin baatii tokkoon dura Ministeera fayyaafi dhaabbilee mootummaa dhimma ilaalatu biraatti galfatan deebii hin argatiin hafeen boodadha.
Mormii hojii lagannaa ogeeyyii fayyaa kana hordofees, hospitaaloonnii fi buufataaleen fayyaa hojjattoonnisaanii hojiirratti kan hin argamne yoo ta'e ''tarkaanfii bulchiinsaa barbaachisaa'' akka fudhatan akeekkachiisaniiru.
Mormiichii eegalee guyyoota lamaan booda ibsa ministeerri fayyaa baaseen ''tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta'e'' akka fudhatu akeekkachiiseera.
Ministeerichi ibsa isaa kanaan dabaluun ''ogeeyyiin fayyaa gama seeraatiin dameewwan hojii dhaabuu hin dandeenyee keessaa tokko ta'u ifatti labsameera'' jedhe.
Haata'u malee, Ministeerri fayyaa labsiin kam dhorkaa kana akka kaa'ee hin eerre. Ogeeyyiin fayyaa komii mindaafi faayidaawwan garaa garaa wayita dhiyyeessan kan eeran labsiin bulchiinsa hojjattoota mootummaa federaalaa, waa'ee mormii hojii dhaabu ilaalchise wanti kaa'e hin jiru.
Mormiin ogeeyyii fayyaa seerootaafi heera mootummaa Itoophiyaan attamiin ilaalama?
Mirga hojjattootaa ilaalchisee heerri mootummaa biyyatti, gareen hojjattootaa murtaa'een ''mirga hojii dhaabuu dabalatee mormii dhageessisuu'' akka danda'an labseera.
Mirgi kun kan kennameef hojjattoonni warshaa fi tajaajilaa, qonnaan bultoota, hojjattoota qonnaa, hojjattoonni baadiyaa biraa, kanneen sadarkaa itti gaafatamummaa murtaa'een gadiitti argamaniifi hojjattoota amalli hojiisaanii hayyamuu ta'u heera mootummaatiin ibsameera.
Heerichi itti dabaluudhaan, ''[kunis] hojjattoonni mootummaa mirga fayyadamu danda'an seeraan murtaa'a'' jechuun kaa'eera.
Abukaatoofi ogeessa seeraa kan ta'an Obbo Daani'eel Faqaaduu waa'ee mormii hojii dhaabuu ogeeyyii fayyaa kana ''heerri mootummaa labsii ifaa ta'e hin qabu'' jedhu.
Haata'u malee, heerri motummaa mormii hojii dhaabuu ilaalchisee labsii ifaa ta'e qabaachu baatulleen, seeroonni idil-addunyaa garuu mormii hojii dhaabuu gochuu akka mirga namoomaatti akka lakkaa'an ogeessi seeraa kun kaasaniiru.
''Waliigalteewwan addunyaa Itoophiyaa mallatteessite qaama seera biyyattiiti'' jedhamuun heera mootummaa irratti barraa'eera.
Seeroonni addunyaa attamiin hiikamu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Daani'eel seerri addunyaa haala itti hiikaman irratti, yaadi riimee lama akka jiran kaasu. Isaanis yaada 'monist' fi 'dualist' jedhaman akka ta'e kaasu. ''Itoophiyaa kan keessa akka taatee baruun rakkisaadha'' jedhu Obbo Daani'eel.
''Ta'u garuu falmiiwwan dhaddacha oliyyannoo fi maneen murtii kaan irratti taasifamuun hiikamanii qaama seera Itoophiyaa hanga ta'aniitti osoo hin eegamiin, kallattiin mana murtiitti yoo falmiin irratti taasifamu qabatamaan ni mul'ata. Kanaafuu seerri Itoophiyaa gara 'Monist'tti kan caaluudha'' jechuun ibsu.
Seeroonni addunyaa Itoophiyaa mallatteessiteefi mormii hojii taasisuu hayyaman jiraachi kan kaasan ogeessi seeraa kun, ''seeroonni addunyaa kunneen qaama seera biyyattiiti. Heerri mootummaafi seeroonni addunyaa ammo waliif gita'' jedhu.
Konvenshinoonni Dhaabbanni Hojjattoota Addunyaa (ILO) bara 1948 fi 1949 barbaachisuummaa bilisummaa ijaaramuu, mirga mormii hojii dhaabuu jala mureera jedhu oggeessi kun.
"Itoophiyaanis akka miseensa dhaabbatichaa qajeeltoowwan kanneen kabajuudhaaf dirqama qabdi'' kan jedhan Obbo Daani'el, ''labsiiwwan ILO Itoophiyaa keessatti hojiirra ni oolfamu jechuudha'' jechuun ibsu.
Haata'u malee, hojjattoota Itoophiyaa ilaalchisee labsiiwwan lamatu jira. Isaan keessaa labsiin tokko, kan wagga jaha dura akka haaraatti fooyya'e bahe labsii dhimma hojjataafi hojjachiisaa yoo ta'u, kan lamataa ammo, labsii hojjattoota mootummaa federaalaa Ammajii bara kanaa keessa kan mana maree bakka bu'oota ummataatiin raggaasifameedha.
Ogeeyyiin fayyaa baatii tokkoon dura wayita ministeera fayyaatti dhiyeeffatan kan eeran isaan dabaltee hojjattoota mootummaa irratti hojiirra kan oolfamu labsii isa lamaataa ture.
Labsii hojjattoota federaalaa kun waa'ee mormii hojii dhaabuu kan jedhu omtu hin jiru. Obbo Daani'el, ''ogeeyyiin tokko tokko labsiin waa'ee dhimma mormii hojii dhaabuu kan hin eerre yoo ta'e akka hayyameetti lakkaa'ama jedhanii falmu. Yoo hin eerree hin ayyamnees kan jedhanis jiru'' jechuun falmii labsicha irratti ka'an dubbatu.
Gamabiraatiin ammo labsii dhimma hojjachiisaa fi hojjataa waa'ee mormii hojii dhaaburratti tarree labsii qaba. Ta'us ammo labsiin kun hojiirra kan oolfamu, dhaabbilee dhuunfaa fi dhaabbilee misomaa mootummaa irrattidha.
Labsiichi ogeeyyii fayyaa irratti daangaa hojiirra oolmaa qabaachu baatulleen, labsii waa'ee mormii hojii dhaabuu hamate haa ilaalu.
Labsiichi ''hojjattoonni… faayidaalee isaanii eegisiifachuuf tarkaanfii hojii dhaabuu fudhachuuf mirga qabu'' jedha. Kana malees. Hojjachiiftoonni ''morga tarkaanfii hojii dhaabuu fudhachu'' akka qaban kaa'eera.
Haata'u malee dhaabbileefi hojjattoonni ''tarkaanfiiwwan kunneen'' fudhachu hin dandeenye akka jiran labsiichii kaa'eera. Isaanis kanneen labsichaan ''dhaabbilee ummataaf tajaajila addaan hin cinne kennan'' jedhamuun kan kaa'amaniidha.
Dhaabbilee kanneen keessaayis hosipitaaloota, kilinikoota, dhaabbilee qoricha raabisanii fi maneen qorichi itti gurguraman keessatti argamu.
Labsiichi dhaabbilee wallaansaa kan ''hojii dhaabuu fi hojii cufuu'' dhorkeef, ''tajaajilwwan baayyee barbaachosoodha jedhee kaa'e keessatti wallaansi waan argamuufiidha'' jedhu Obbo Daani'el.
Haata'u malee, yaada 'baayyee barbaachisoo' jedhu mataasaa bakka lamaatti qooduun ilaaluun akka danda'amu kaasu.
''Akka ogeeyyiin fayyaa mormii hojii dhaabuu gutummaatti taasisuu dhorkuu fi dhiphifamee hiikamuu hin qabaaneetti, sababiinsaa labsiichi seera addunyaa ta'unsaa ifa waan ta'ef'' jedhu.
''Haala kanaatiin ilaalamee gonkumaa mirga hin qabdan jedhamee dhorkuun hin danda'amu. Kan baayyee barbaachiisaadha jedhama add abaasuu qabaatu'' jedhu Obbo Daani'eel. Tajaajiloonni ''Baayyee barbaachisaadha'' jedhaman ammo tajaajiloota balaa tasaa, dahumsaa fi kutaa kunuunsa daa'imannii kan hammatu ta'u akka danda'u dubbatu.
Kutaaleen kunneen ammo, ammas hojji kann hin dhaabne ta'u kann dubbatan oggeessi seeraa kun, ''ogeeyyiin fayyaa hojii kutaalee kanneenii akka itti fufan godhaniiru. Kanaafu seera hordofuu kan fakkkaatu hin jiru'' jedhu.
Kun yoo hin taane ammoo, "bu'uraan hojjattoonni fayyaa hojjattoota dhuunfaa miti. Hojjattoota mootummaa gaaffiisaanii dhiyeessaa jiraniidha. Motummaadhaan mindaan nuf haa dabalamu jechuun gaafataa kan jiran. Kana ammo seerri ifatti waan dhorku hin qabu'' jechuun ibsan.
Ogeeyyiin fayyaa itti gaafatamoo ta'uu?
Ogeeyyiin fayyaa era mornii hojii dhaabuu taasisuu eegalanii as hojjattoonni fayyaa hedduun hidhamaniiru. Hidhaa ogeeyyii fayyaa kana ilaalchisee, motummaan gamasaatiin ifatti ibsa kennuu baatulleen, ministeerri fayyaa ibsa isaatiin ''ogeeyyii fayyaa bakka hojiisaanii irratti hin argamne irratti tarkaanfii seeraa barbaachisaa ta'e'' akka fudhatu akeekkachiiseera.
Ofii ogeeyyiin fayyaa mormii hojii dhaabuu taasisuudhaan yakkaan itti gaafatamu?
Obbo daani'el yakki wantoota sadii of keessaatti hammachu qabaata jedhu. Isaanis gochaa, gochiichi raawwachuun nama adabsiisuu isaatiif seeraa fi ragaalee seerichi cabu agarsiisan jiraachu qabaatu jedhu.
''Seerri tokko cabeera jedhamuuf jalqabarratti gochaan sun ifatti kan dhorame ta'u qabaata'' kan jedhan Obbo Daani'eel, Itoophiyaatti ogeeyyiin fayyaa mormii hojii hdaabuu akka hin taasifneef seerri ifatti dhorku akka hin jirre kaasu.
Kana malees, ''seerris jiraatee wanti sun ifatti yoo cabfame malee gara seera yakkaa deemuun hin danda'amu. Seerri mormii hojii hdaabuu sana dhorku bakka hin jirreetti gara yakkaafii hidhaa haalli itti deemamu hin jiru'' jedhu.
''Gama seeroota addunyaa wayita deemnu ammo mirga mormii taasisuu ni hayyama. Akka mirga namoomaatti lakkaa'a. Itoophiyaan ammo seeroota tana mirkanneessite jirti'' jedhu itti dabaluun.
Heerri mootummaa mirga mormii hojii dhaabuu fi ijaaramuu, ''hojjattoota mootummaa fayyadamu danda'an seeraan murteeffama'' jedhulleen, labsiin hojjattoota federaalaa waa'ee kanaa omaa hin jenne.
''Seerri ogeeyyii fayyaa amma mormii gaggeessaa jiran kanneen ilaalchiisee dhorku hin jiru'' kan jedhan Obbo Daani'eel, seerri heerri mootummaa nib aha jedhe bahuun, ''hanga tarreen labsii hin jiraanneetti, heerrii mootummaa hojiirra oolmaa qaba. Kanaafuu heerri mootummaa dhorkeera jechuu hin dandeenyu'' jechuun dubbatan.
Itti dabaluunis ''haala heera mootummaatiin hidhamtan jedhamu hin danda'amu. Kanaafuu haala tarreen labsii hin jirreetti hidhaan seeraan ala jechuudha'' jedhan.












