'Lubbuu nama tokkoo oolchuf birrii miliyoona 1.3 gaafatamne'

Madda suuraa, AFP
Faayisal Adaam namni umuriin isaa waggaa 40 ta'u dargaggeessa umuriin isaa 25 Anuwar Ahimed jedhamu kan eessumatti ooluuf waliin Oromiyaa Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaa irra naannawa baatii Bitootessa darbee manaa bahan.
Lamaan isaanii dallaaltootaaf mallaqa guddaa kanfalanii karaa Sudaan irraan gara Liibiyatti akka godaanan miseensa maatii kan ta'e Tamaam Ahimad BBC'tti himeera.
Erga Liibiyaa ga'anii garuu waanti isaan muudate akka isaan yaadan hin taane. Namoota(wanbadoota) daddabarsaa namoota hojjataniin ukkamfamanii dararamaa jiru.
Akka Tamaam jedhutti maatiin Lubbuu isaanii oolchudhaaf birriin miliyoona 1.3 (nama tokkof) akka ergamu gaafataman.
''Yeroo isaan dararan sagalee, suuraa fi viidiyoo nutti ergu, yoo mallaqa kana nuuf hin galchine ta'e nu ajjeesuuf deemuu jedhanii guyyaa guyyaan nutti bilbilamaa'' jedhe
Faayisal qotee bulaa yoo ta'u, abbaa ijoollee lamaati. Anuwaar ammoo barnoota kutaa 9tti adda kutee eessuma isaa kana waliin garas imale. Amma maatiisaanii jireenyi itti ulfaate jireenya fooyyee barbaaduuf dhiisanii deeman irraa waligalatti birrii miliyoona lamaa fi kuma dhibba ja'atu eegama.
''Maatiin namoota harka qal'eeyyi baadiyya keessa jiraatan waan ta'aniif waan isaan jedhan kana gochuun itti ulfaate' jedha Tamaam. Kanaanis guyyaa guyyatti dararaa fi reebichi hamaan irratti rawwatamaa jira.
''Reebicha hamaa utuu isaanirraan gahaa jiranuu bilbilanii maatii dhageessisu. Suuraa, sagalee fi viidiyoo ganamaa galagala reeban nutti ergu. Amma maatiin waan qaban gurguranii achiin booda fira gargaasa itti gaafachuutti jiruu,'' jedhe Tamaam.
Baatii Amajjii darbellee Shamarree Nahimaa Jamaal jedhamtu haala suukaneessaan yeroo dararamtu mul'achuun maatiin maallaqa gaafataman kanfalanii harka namoota kanaa ishee akka baasan ni yaadatama.
Kun kanneen dhimma isaani dhaga'amee gara miidyatti bahan malee namootni hedduun haala kanaan Liibiyaa fi Sudaan keessatti dararamaan ykn ajjeefaman heddu akka ta'an ragaaleen kan mul'isan.
Iyya birmannaa hin qabne
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lammilee Itoophiya qofaa utuu hin taane lammileen gurraacha Afrikaa hedduun jireenya fooyyee barbaadduf godaansa seeran alaa filachuun manaa ba'an hedduun isaanii karaa Liibiyatiin gara Awurooppatti ce'uuf yaalu.
Garuu gareen waanbadoota gurmaa'an namoota akka kanaa adamsuun maallaqa guddaa gaafatuu. Kanneen maallaqa isaan jedhan hin kanfallemmoo ammoo dararaa hanga lubbuu ajjeessuu ykn akka garbaatti gurguruun miidhaa daangaa hin qabneef hanga saaxilutti geessisu.
Kanneen gidiraa hedduu booda maallaqa hedduun lubbuu isaanii oolfatanis heddudha.
Kun taatee godaansa seeraan alaa keessatti heddu dhaga'amu ta'us, Liibiyaa keessatti garuu hojii ifatti hojjatamuu fi iyya birmannaa hin qabne erga ta'ee oolee buleera.
Dararaa hammataa jaarra kana keessa haala kanaan nama irratti raawwatamu kun hoggantoota Liibiyaa qofaa utuu hin taane hanga dhaabbilee addunyaa gurguddootti waan beekamuu ta'uus waggootaaf iyya birmannaa hin qabne ta'ee itti fufeera jedha aktivistiin mirgaa godaantotaaf falmuu fi kanaan dura haala kanaan dararamee lubbuun hafe Deeviid Yaambiyoo
'Waanti baqattoota kana irra gahu garuu mallaqa gaafachuu qofaa utuu hin taane, ajjeesuu, bishaanitti darbuu, gudeeddiifi jumlaan awwaaluufaa akka ta'es hima.
Deevid sababa wal dhabdee Sudaan keessatti ta'aa tureef biyya isaa baqatee wayita karaa Liibiyaatiin gara Awurooppatti baqachuuf yaalaa turetti qabamee akka meeshaatti namaa namatti dabarfamee gurguramaa gidirfamaa ture.
Gidiraa daangaa hin qabne sana keessa darbee har'a Liibiyaa keessatti dhabbata mirgaa namoota akkasiif falmu hundeessee akkasumas hojii 'aktiivistummaa' hojjachuun waanti isarra gahe akka namarra hin geenyeef falmaa jira.
Amma Xaaliyaan, Boolonyaa kan jiraatu Deevid, hundeessaa fi pirezidaantii dhaabbata Baqattoota Liibiyaa (Refugees in Libya)ti.
Dhabbanni Godaantota Liibiyaa addunyaan dhimma kana callistee ilaaluu akka hin qabnee fi lammileen harka wanbadootaa keessa jiran akka ba'aniif akkasumas erga ba'aniis haala ittiin deeggaranii gara biyya sadaffaatti koolu galtumma argatan irraatti hojii abukaatummaa hojjataa jira.
Dhaabbanni Godaantota Liibiyaa kun, kan Faayisal Adam dabalatee lammilee Itoophiyaa harka wanbadoota kanneenitti dararamaa jiranii suuraa fi viidiyoon wayita reebichi hamaan irratti raawwatamu agarsiisu argachuun karaa dhabbata Godaantota aduunyaa dhibbaa taasisaa akka jiran himaniiru
Hundessaa dhaabbatichaa Deevid Yaambiyoo akka BBCtti himanitti, amma lammileen Itoophiyaa 600 ol ta'antu hidhattoota(wanbadoota) Liibiyaatin ukkamfamanii maatiin isaanii maallaqa miliyoona tokkoo ol erganii lubbuu akka bitaniif gaafachaa jiru.
Waggoota muraasa darban keessa rakkoolee suukaneessaa dhaga'uuf ulfaatan waliin wal'aanso qabaa jira. Daldala namaa Liibiyaa keessatti hojjatamaa jiruufi yakkoota suukaneessa nama irratti raawwatu jalaa namoota baraaruun baayyee rakkisaa ta'uu hima.
Deevid amma dhimma Lammilee Itoophiyaa fi Eertiraa irraa Libiyaa keessatti dararamaa jiraanii kan namoota 11 qabatee hordofaa kan jiru yoo ta'u maatii isaanii qunnamuun ragaa qindeessuun namootni kun akka baraaraman rirriatti hojataa jiraachuu dubbata.

Madda suuraa, David Yambiyoo
Dhimma lammilee Itoophiyaa 11 Deevid Yaambiyoon qabatee irratti hawaasa addunyaa beeksisaa jiru keessa Faayisel Adam fi kan inni Eessumatti ooluuf Anuwaar Ahimed Huseen isaan tokko.
''Dhimma Fayisal Adaam Soomoo irratti ragaa maatirraa argachuu dandeenye walitti qabne gara dhabbata UN'tti galchineerra,'' jedha Deevid.
Jireenyi namoota Afrikaa beekamaadha, haala kana keessatti maatiin maallaqa gara doolara kumaa sagal ta'u gaafataman kana kanfaluun hedduu ulfaata.
Maallaqni ergamuu dhabuun isaa ammoo xiinsammuu maatii fi turtii dararaamuu hanga lubbuu galaafachuutti waan geessuuf gama keenyaan sochii namoota kana baraaruu adda addaa taasisaa jirra jedha Deevid.
Viidiyoon fi suuraan isaan ergan kan BBC'n daawwate akkaan suukaneessaadha.
Kana malees, shamarraan Lammii Itoophiyaa Afaan Oromoo dubbatan lama akkasuma maallaqa gaafatamuu fi daladala saalqunnamtiif akka oolfamaa jiran kanneen birmannaa gafataan akka jiranillee eera.
''Dubartoonni kunneen viidiyoo sanarratti Afaana Oromo dubbatu. Hata'u male, odeeffannoo fi ragaa dabalataa waa'ee isaanii argachuuf ammatti maatiisaanii argachuu hin dandeenye'' jedhe.
Kana malees namoota biroo ragaa viidiyoo fi suuran dhaabbata isaanii qaqqabeefi kannen biroo lammilee Itoophiyaa 11 ta'an hordofanii harka hidhattoota kanneen itti baasuun danda'amu irratti hojjataa jiraachu hima.
Garuu kun salphaa akka hin taanee fi deeggarsi hawaasaa akka barbaachisullee dubbateera.

Madda suuraa, Refugees in Libya
Dhabamuu gargaarsa Idil-addunya

Madda suuraa, David Yambiyoo
Dhabamuun gargaarsa Idil addunyaa rakkoon kun daran akka hammaatuuf sababa ta'uu him Deevid Yaambiyoo
''Maddi rakkoo kanaa rakkoo kanaa dhaabbileen idil-addunyaa kanneen akka UNHCR fi qaamoleen mootummaa biroo bal'ina daldala namaa Liibiyaa keessatti raawwatamu furuu dhabuu isaaniiti.''
Gabaasni Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii akka mirkaneesseetti daldalli namaa indaastirii guddaa milishoota Liibiyaa fi mootummoota Awurooppaa dabalatee qaamolee hedduu fayyadamoo taasisu ta'uu isaa eera.
Kanaaf hedduun faayidaa irraa argatu waan ta'eef daldala namaa Liibiyaa keessatti raawwatamu kana namuu dhaabuu hin barbaadu jedhe.
Hawaas idil addunyaa rakkoo kana utuu arguu dhaga'uu akka hin arginee ta'uun daraaraan namarratti ta'u kun akka itti fufu ta'eera.
Keessumaa godaantota Itoophiyaa irraa garas deeman irratti qaamoleen mootummaa qorannoo taasifamuu keessatti odeeffannoo kennuu dhabuu ykn tarkaanfii fudhachuuf fedhii dhabuun kan Itoophiyaa adda taasisaa jedha Deevid
"Lammiileen isaanii asitti dararamaa jiraachuu amanuu hin barbaadan," jechuun ibsa.
Akkasumas birokraasiin dhaabbilee akka baankotaa ykn aangawoota Liibiyaa qunnamuu dhabuu tattaaffii baraarsaa daran walxaxaa taasisa.
Haata'uu malee, dhabbatni isaanii kun dhaabbilee mirga namoomaa waliin hojjetaniifi dhaabbilee seera kabachiisan idil-addunyaa kan akka Intarpool dabalatee, addunyaa guutuutti michoota ijaaruu danda'uu hima.
Haaluma wal fakkaatuun baatii Amajjii darbe shammarreen waggaa 20 Nahimaa Jamaal jedhamtu haala kanaan dararamaa turte maatiin maallaqa gaafatamana erganiifi gadhiifamuun ishee gabaafamaa ture.
Dhaabbanni Godaantoota Libiyaa kun dhimmi ishee akka xiyyeffannoo argatuu hanga biyya sadaaffaa koolu galtummaa itti argattuttii dhabbilee dhimmaa godaantota irratti hojjatan waliin ta'uun haala kan miijesseef ta'uu undeessaafi pirezidantiin dhaabbata 'Refugees in Libya' kan ta'e Deevid Yaambiyoo BBC'tti hime.
Bakka Awwaalcha Jumlaa

Madda suuraa, UN
Viidiyoo fi suuraan gocha waanbadootni kun raawwatan agarsiisu dararaa qofaa utuu hin taanee ajjeechaa gara jabeenyan irratti raawwatamullee kanneen mul'isan hedduudha.
Liibiyaa keessatti dhalli namaa jaarraa kana keessaa haala kun irrratti raawwataa utuu jiru addunyaan dugda itti garagalfattee callisuun gochii kun akka seera qabeessatti akka ilaalamu taasiseera jedha Deevid.
"Kun dhugaa Liibiyaan har'a keessa jirtuudha, gochi akkanaa kun gara jabummaa jedhamee ibsamee bira darbamuu qofti gahaa miti, sanaa olitti waan ibsamuu hin dandeenye" jedhe.
Kanaaf Liibiyaan godaantota Afrikaaf bakka awwaalchaa taatee itti fufte jedha. Awwaalchi jumlaa godaantootni kunneen itti awwalaman hedduun Liibiyaa keessatti kan argaman ta'uullee hima.
Kanaaf "haqni taa'anii ilaaluun dhufu hin jiru, gocha kana dhaabsisuuf kutannoo hawaasa addunyaa gaafataa jedha.
Hireen namoota akka kanatti dararamanii fi ajjeefaamaa jiraanii akkaataa addunyaan deebii itti kennitu irratti hundaa'a kan jedhu Deevid yakkamtootni adabbii malee hafuufi callisni idil addunyaa gareen kun akka ciman taasisaa jiraa jedhe.
Kanaaf addunyaan dhugaa hadhaa'aa kana fuuldura dhaabbachuu akka qabdullee waamicha taasisa.
Imaammanni biyyootni Awurooppaa dhimma godaantoota irratti qaban balaa kana kan hammeesse akka ta'ettillee himama.
Dararaa godaantoota Itoophiyaa Liibiyaafi kutaalee Baha Giddu-galeessaa biroo kan akka Yaman fi Sa'uud Arabiyaa keessatti raawwataman irratti BBC'n gabaasa adda addaa dhiyeessaa turuun ni yaadatama.












