Dhibeen asmii ganna keessa maaliif namatti hammaata?

Madda suuraa, Getty Images
Ganna yeroo qorraaf duumessi hammaatu namoonni dhukkuba hargansuu asmii ykn xiixaa qaban ni yaadda'u, sababni dhukkubbii itti cimsuuf.
Namoonni asmiin rakkatan wayita harganan sagalee xiixu dhageessisu, harganuuf dhiphatu.
Asmiin (asthma) yoo hammaate ukkaamsee hanga lubbuu namaa galaafachuutti gaha. Dhibeen kun oksijinii qaamni keenya barbaadu dhabsiisuun lubbuu namaa dabarsa.
Maalummaa dhibichaa fi falasaarratti hakiima dhimma fayyaarratti karaa miidiyaa hawaasa hubannoo uumuun beekaman Dr Naafiyaad Geetuu gaafanneerra.
Kanaa malees, ragaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) fi Biiroo Tajaajila Fayyaa Biyyoolessaa UK irraa argame soneessineerra.
Asmiin maali?
Asmiin dhibee hargansuu ujummoo qilleensaa gara sombaa geessuu fi ujummoo somba keessa keessatti argaman danqudha jedhu Dr Naafiyaad Geetuu maalummaa dhibichaa wayita ibsan.
Ujummoon qilleensaa dhiphachuu hordofuun namni asmiin qabame harganuuf ni rakkata.
Qilleensi ujummoo qilleensa dhiphaa keessa yeroo darbu qufa’uu, sagalee xiixu dhageessisu jedhan.
Ujummoon qilleensaa dhiphachuu hordofuun, qaamni nama dhibichaan qabame dhangala’aa furdaa maddisiisa jedhan.
Ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) akka agarsiisutti, asmiin bara 2019 namoota miliyoona 262 qabe keessaa lubbuu namoota 455,000 dabarse.
Harki caalaan namoota du'anii biyyoota guddataa jiran keessatti mudata.
Itoophiyaatti lakkoofsi namoota du'anii sirnaan beekamuu baatus, dhibeen kun namoota hedduu huba.
Tajaajilli Fayyaa Biyyaalessaa UK akka himutti, dhibeen hargansuu danqu kun namoota umrii hundarra jiran huba.
Yeroo hedduu garuu dhibeen kun ijoollummaan nama eegala, garuu umrii ga’eessumatti nama qabuu mala jedha.
Mallattoolee ijoo
- Qufaa waliirraa hin cinne, keessattuu halkan
- Wayita hargansuu sagalee xiixu ykn siiksu
- Boqonnaa otoo jiranillee hafurri addaan nama ciccituu,
- Laphee walitti suntuuruu, hafuura dheeraa baafachuu nama dhowwuu
Maaltu namatti fida?
Maddi dhibicha kallattiin namatti fidu himamu jiraachuu baatullee, waanti asmii nama qabsiisu danuudha.
- Miseensa maatii asmii qabu qabaachuu, keessattuu haadha ykn abbaa ykn obbolaa dhibichaan qabaman qabaachuu.
- Alarjii qabaachuu (gogaa dafee dheekkamu, foolii daraaraa fa'aa jibbuu).
- Ijoollummaatti dhibee somba miidhaniin qabamuun carraa asmiin qabamuu ni dabala.
- Daa'imni otoo hin gahiin dhalachuu, aara tamboof saaxilamuu fi waantota qilleensa faalameef saaxilamuun fa'aa ni eeramu.
- Keemikaalota ykn dhukkee qilleensa faalaniif saaxilamuun rakkoo kanaaf akka nama saaxiluu danda'u Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tarreesse.

Madda suuraa, Getty Images
Asmiin ganna maaf namatti hammaata?
Dr Naafiyaad akka jedhanitti, namoonni dhibee asmaa qaban namoota kaan waliin wal bira yeroo madaalaman qaamni isaanii wantoota qaama keenyaaf alagaa ta'an dafee ofirra lola.
Ganna biqiltuun daraaruu hordofee fooliin harca'aan daraaraa uumamu asmaa dhukkubsattootatti dammaqsa, akkasuma lolaan, qorri, baadiyyaatti ammoo dhoqqeen loonii fa'aallee dhibee kana namatti kaasa jedhan.
Sababoota waantonni dhibee kana namatti dammaqsan heddummataniif ganni namoota dhibichaan qabaman akka yaaddessu kaasan.
Dhibeen kun akka utaalloo nama tokkorraa kaanitti kallattiin hin darbu.
Wal'aansa barbaachisu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhibee asmaa guutumaan guututti fayyisuun hin danda'amu. Haa ta'u malee, akka hin hammaanne to'achuun ni danda'ama.
Malli hedduu baratamaan tokko meeshaa dawaa kallattiin gara sombaatti geessitu 'inhaler' ykn hargansiiftu gargaaramuudha.
Meeshaan kun dhibicha to'achuuf, akkasuma dhukkubsattoonni jiruu idileesaanii akka hojjatan ni gargaara.
Meeshaan kun gosa lama qaba, akka Tajaajilli Fayyaa Biyyaaleessaa UK himutti.
Gosti meeshaa kanaa inni tokkoffaan mallattoolee dhibichaa saffisaan wayyeessuuf fayyada. Inni lammataammoo guyyaa guyyaatti mallattoon asmaa akka hin mudanne ittisuuf gargaara.
Kunis mallattoo dhibichaa itti wayyeessuuf gargaara. Meeshaa kana garuu biyyoota baayyeetti argachuun rakkisaa ta'uutu eerama.
Biyyoota guddataa jiran keessatti garuu dawaan 'bronchodilators' jedhaman bara 2021 irraa eegalee tajaajilarraa oolu Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ibseera.
Dr Naafiyaad akka himanitti, dhukkubsattoonni hedduun erga dhibichi itti hammaate booda mana yaalaa isaan bira dhaqu.
Namoota dhibee kanaan hubamaniif dawaan ujummoon gara sombaa geessu akka bal'atuuf gargaaru kennuu hanga wal'aanuu hanga Oksijinii hospitaalatti kennuufitti yeroon dhukkubsattoota wal'aanan jiraachuu kaasan.
Waantoonni dhibicha namatti kaasan garuu garaagara ta'uu malu.
Maaltu asmii namatti kaasa?
Yeroo baayyee waantonni asmaa namatti dammaqsan isaan ijoo:
- Wantoota qaama keenya dallansiisan kanneen akka dhukkee mana keessaa fi rifeensa bineensotaa
- Aara ykn qilleensa qorra ykn daraaraa
- Sochii qaamaa
- Qufaa ykn utaalloo
Maaltu gorfama?
Namoonni asmii qaban waanta isaanitti kaasu irraa akka fagaatan gorfama.
- Namoonni asmii qaban bakka xuraa'aa oolu yoo ta'e maaskii keewwachuu.
- Yeroo dilallaa mana turuu
- Dawaa ogeessaan ajajameef sirnaan fudhachuun dhibee kana to'achuun ni danda'ama jedhan Dr Naafiyaad.












