Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dooniin waraanaa US diroonota Yamanirraa dhukaafaman Galaana Diimaa keessa kuffise
Dooniin waraanaa US diroonota sadii dooniiwwan daldalaa Galaana Diimaa keessaarra qiyyaaffatanii turan haleeluu, Ajajni Giddugalaa US beeksise.
Dooniin waraanaa USS Carney jedhamtu dooniiwwan daldalaa sadii, kan hidhata biyyoota 14 qaban baraaruun himameera.
Taateen kun Dilbata kan raawwate ogguu tahu, haleellaan kun kan irraa ka'es Yamanitti iddoowwan finciltoota Huutii Iraaniin deeggaraman irraati.
Waraanni kun dabalee waan jedhe, dooniin lama misaayelaan kan rukutaman tahus, miidhaan qaqqabe garuu hinjiru.
Dubbi-himaan garee Huutii, humni galaanaa isaanii dooniiwwan Israa'el lama haleeluu himan.
Waraanni Israa'el gamasaatiin dooniiwwan kunniin Israa'el wajjin hidhata hinqaban jedheera.
Gareen Huutii Iraaniin deeggaraman, erga mootummaan biyyattii kufee 2014 irraa eegalee iddoowwan Yaman gariin to'ataniiru. Erga sanaas biyyattiin waraana waliiniin muddamaa jirti.
Dhiyeenya kanas dooniiwwan Israa'eliin hidhata qabaniifi Galaana Diimaarra socho'an haleeluu eegaleera.
Kunis waraana Israa'el, garee Gaazaa keessaa Iraaniin hoogganamu Hamaas wajjin waraana erga seente boodadha.
Ajajni Giddugalaa US Centcom jedhamu akka jedhetti, Dilbata ganamarra dooniin Unity Explorer jedhamtuufi alaabaa Bahaamaas mirmirsitu cinaa misaayelli baalistikii dhoohuu hime. Dooniin meeshaa feetu kun kan UK akka taates himameera.
Boodarras doonii kana dabalatee doonii alaabaa Paanaamaa mirmirsan biroo lama, misaayelaan rukutaman jedhan waraanni kun.
Kana malees dirooniiwwan dhukaafamaa turan sadiis rukutee kuffisuu himeera.
Centcom akka jedhutti haleellaan kunniin "lubbuu hojjettoota doonii lammummaa biyyoota akka akkaa qabanii balaarra kan buuseedha," jechuun, daldala idiladdunyaa fi nageenya geejjiba bishaaniirraaf kallattiin yaaddoo kan uume tahus ibse.
"Haleellaan kun garee Huutii Yaman keessa jiranirraa dhukaafamanis, guutummaatti Iraaniin kan deeggarame tahuu ni amanna," jedhe Ajajni Giddugalaa US.
"Yunaayitid Isteetis michuuwwan ishee idiladdunyaa wajjin tahuun ,deebii barbaachisaa tahe fudhachuuf [qophoofti]."
Torban dabre keessa Ameerikaan, hidhattoota doonii Israa'el dhiyeenya Yamanitti to'atanii turan to'annoo jala oolchuu himtee turte.
Gareen Huutii gurmuu Iraaniin hidhata qabaniifi "axis of resistance" jedhaman keessaa tokko tahuu ifatti labseera. Gurmuun kun Israa'el, US fi biyyoota Lixaa jedhaman kan mormanidha.