Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattootni Huutii doonii Jappaan erga butanii booda 'jalqabbii lola galaanaati' jedhan
Hidhattootni Huutii doonii fe'isaa qabeenyummaan isaa kan UK ta'eefi warri Jappaan ittiin hojjetan butuu isaanii hordofee Jappaan gochicha balaaleffachuun ibsa baaste.
Dubbi-himaan milishoota Huutii doonii meeshaalee fe'u kan butan doonichi qabeenyummaa isaa kan Israa'eli jechuun, taateen kun ''jalqabbii lola galaanaati'' jedheera.
Israa'el dooniin butame kanshee akka hin taane yoo ibsitu , dubbii himaan mootummaa Jappaan ammoo qaabeenyummaan isaa kan UK ta'us dhaabbata biyyasaa Nippon Yusen jedhamuun hojii hojjechaa akka jiru ibseera.
Barreessaa olaanaan Kaabinee biyyattii dooniin kun akka gadhiifamu hojjechaa akka jiru ibseera.
Ministirri Muummee Isra'eel Beenyamiin Netaaniyaahuu hidhattoota Huutii Iraaniin deeggaramaniin gaafatamaa godhaniiru.
Netaaniyaahuun doonichis ta'e namotni doonicha gubbaa hojjetan kan isaanii akka hin taane dubbachuun ''warri Iraan doonii idila addunyaa haleelan'' jedhan.
Dooniin waraanaa US ammoo naannoodhuma sanatti misaayela Yamanirraa dhukafame fashalseera.
Dhaabbanni fe'isa galaana biyya Jappaan Nippon Yusen kan maqaa NYK Line jedhamuunis beekamu ammoo dooniin isaa Galaxy Leader jedhamu hojjettoota doonii 25 qabatee gara Hinditti imalaa osoo jiruu Yaman bakka Hodeida jedhamutti butamuu ibse.
Kanneen doonicharra hojjetan lammiilee Bulgaariyaa, Meksikoo Filippiinoo fi Yukiireen fa'aa akka ta'an amanama.
''Mootummaan Jappaan gocha akkasii jabeessee balaaleffata'' jedhan barreessaa olaanaa Kaabinee Jappaan Hirookaazuu Matsuno. Itti dabaluunis hojjettoota doonicharra jiran keessa lammiileen isaanii akka hin jirres dubbatan
Ministiroonniifi ejensiiwwan biyyoota dhimmichi ilaallatuun waliin dooniifi hojjettootni dafanii akka gadhiifaman hojjechaa jiraachuu dubbatan.
''Biyyootni hariiroo qaban akka Saawdii Arabiyaa, Omaaniifi Iraan Huutiin doonii kanaafi hojjettoota achirra jiran atattamaan akka gadhiisu waamicha akka godhan gaafanna.''
Dubbii himaa hidhattoota Huutii kan ta'e Mohaammed Abdulsalaam yaada X gubbaa maxxanseen butamuun doonii kanaa ''lolli galaanaa eegalamuu'' qofa agarsiisa jedhe.
Dubbii himaan waraana Huutii Yaahiyaa al-Sarea ammoo dooniin butame kan Israa'el ta'uufi gara qarqara galaana Yaman fudhatamuu dubbate.
Dooniin kun kan dhuunfatamu nama tokkoo oliin yoo ta'u, namni daldalaa lammii Israa'el warra isa dhuunfatan keessaa tokko.
Warrii Huutii amma dura waaye lola Gaazaatti godhamuu yoo dubbatan tarkaanfii haaloo bahuu Israa'el fudhataa jirtuuf deebii kennuuf humni isaanii bakka qaqqabu keessa doonii Israa'el socho'urratti akka xiyyeefatan beeksisanii ture.
Humni Ittisaa Israa'el haleellaa kana taatee baayyee hamaa dhiibbaa idila addunyaa qabu'' ittiin jedheera.
Akka waraanni Israa'el jedhutti dooniin kun osoo Turk irraa gara Hindi imalaa jiruu Galaana Diimaa dhiyeenya Yamanitti butame.
Ministirri Haajaa Alaa Iraan Hoosiyeen Amiir Abdollaahiyaan dhiyeenya kana yaada kennaniin humnoonni Iraan waliin hidhata qaban Israa'eliifi deeggartootasheerratti dhiibbaa uumuuf akka gaariitti haala mijeessaa akka jiran ibsanii ture.
Jalqaba ji'a kanaatti ammoo hidhattootni Huutii qarqara galaanaa Yamanitti diroonii waraanaa US tokko dhahanii kuffisuu qondaaltotni US ibsaniiru.
Hidhattootni Huutii erga bara 2014 waraana mootummaa Yaman kan Saawdii Arabiyaan deeggaramu waliin gaggeessaa jiraniin barootaaf waraana keessa jiru.