Qarqara Yamanitti US doonii Israa'elitti hidhata qabdu hidhattootarraa buuste

Dooniin waraanaa US hidhattoota doonii fe’isaa - taankarii Israa’elitti hidhata qabdu qarqara Yamanitti gaafa Dilbataa qabatanii turan to’achuu qondaaloti waraanaa US ibsan.

Kanneen haleellaa raawwatan jedhaman bidiruun osoo miliquuf yaalanii dooniin waraanaa Ameerikaa faana bu’eera.

Achii misaa’elonni lama bakkee Yaman hidhattoota Huutiin to’atamerraa gara doonii waraanaa US dhukaafamuu Ajajaan Giddugalaa US ibseera.

Hidhattooti Huuti Yaman keessa jiran sababa waraana Hamaas waliin qabduuf Israa’el akka gaadu kana dura ibsee ture.

Israa’el erga Hamaas Onk. 07 daangaa ce’ee haleellaa raawwatee namoonni 1,200 ajjeefamaniifi 240 ol butamanii fudhataman booda haleellaa haloo bahuu banteetti.

Eegasii, namoonni 14,500 ol - keessaa 40% ol daa’imman ta’an dabalatee – Gaazaa keessatti ajjeefamuu ministeerri fayyaa Gaazaa Hamaasin hoogganamu ibseera.

Hidhattooti Huutii michuu Iraanidha. Miseensa walta’insa Giddugala Bahaa Israa’el dura dhaabatan akka ta’es ifatti labsaniiru.

Taankariin guyyaa Dilbataa haleellaan irratti raawwatame ‘Central Park’ akka jedhamu kaampaaniin taankarichaa ibseera.

Taankarii kana kan to’atu dhaabbata lammii Israa’eliin hundeeffameefi buufata isaa Landan godhateedha.

Kanneen taankarii sanarra turan 22 keessaa lammiin Raashiyaa, Viyeetinaam, Bulgaariyaa, Hindii, Joorjiyaa, fi Filippiins ni argamu. Kan oofu immoo lammii Turkiidha.

Hidhattooti taankariin fosfariik asiidii baatte kuni gara buufata Yamaniitti yoo qajeeluu dhabe akka haleelan dhaadataniiru.

Ibsa baheen, wa dooniin US, USS Mason jedhamu, deeggarsa michuuwwaniin hidhattooti doonii daldalaa kana akka gadhiisan barbaaduu ibse.

Namoonni hidhatan shan boodarra bidiruu saffisa qabu yaabanii miliquuf yoo jedhan dooniin US, USS Mason, jedhamuu faana buutee boodarra harka kennu ibsi bahe hima.

Misaa’eloonni lama gara doonii waraanaatti dhukaafaman dooniirraa fagaatee bu’u ibsi US baaste agarsiisa.

Taateen kuni haleellaa hidhattoota Huutiin raawwatama jiru keessaa isa teellanaati.

Israa’el Hamaas waliin erga waraana eegaltee booda misaa’eliifi diroonii garagaraa gara Israa’el dhukaasaniiru.

Haa ta’u malee, kanneen dhukaafaman doonii waraanaa US kan Galaana Diimaa jiruun akka akka fashalan taasifamuu ibsamee ture.

Torban darbe, hidhattooti Huutii Galaana Diimaarratti doonii fe’isaa Israa’el to’achuu ibsanii turan. Israa’el garuu dooniin kiyya miti, lammiin Israa’el tokkollee irra hin jiru jettee turte.

Gama kaaniin eeguma Israa’eliifi Hamaas lola bananii hidhattooti Huutii diroonii US rukutuun lafa buusuu isaanii Ameerikaanis mirkaneessitee turte.

Hidhattooti Huutii erga bara 2014 eegalee mootummaa Yaman deeggarsa Sa’udii qabu waliin walloluutti jiru.