Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Rakkoon amma Oromiyaa keessatti mul’atu kun akkanaan itti fufnaan Itoophiyaa gaaga’a
Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa Haala qabatamaa amma Oromiyaa fi kutaaleen Itoophiyaa kaan itti jiran, yaaddoo qabanii fi yaadota furmaata ta’u jedhan irratti xiyyeeffachuun BBC waliin turtii taasisaniiru.
Sababa rakkoo nageenyaatiin waggoota sadan darban keessa miidhaan Itoophiyaa keessatti gahe hammaataadhaa kan jedhan Abbaan Gadaa kun, addatti Oromiyaan ammoo rakkoolee ciccimoo keessumeessaa jirti jedhan.
“Guyyaa guyyaadhaan namni du’uun, guyyaa guyyaan qabeenyi gubachuun, namni qe’eerraa buqqa’uun, waggoota sadan darban kanaaf Oromiyaa keessatti baayyee hammaatee jira. Bakka kaaniirras Oromiyaatti kan hammaates Oromiyaan dirree misoomaa fi siyaasaa waan taatefidha” jedhan.
Haata’u malee “Uummanni Oromoo kun biyya safuu fi safeeffannaadhaan bulu. Sirni Gadaa isaa jaalataadha, hammataadha. Dachiin Oromoo kunis dachii jiituu irratti hojjetanii argatan waan taateef kuufamni namaa kallattii hundaan itti baayyataa ture,” jechuun akkaataa sabni hedduun Oromiyaarra jiraachuu ittiin filate ibsu.
Oromiyaan dachii nagaa fi tasgabbii qabdu waan turteef saboonni hedduun ammaan dura Oromiyaatti Kuufamaa waan dhufaniif amma yeroo haalli gaarii hin taane kanatti rakkoon Oromiyaarratti akka hammaatu taasiseera yaada jedhus qabu Abbaan Gadaa kun.
“Kuufamni namaa dura dhufaa turee Oromiyaarra qubate kun gaafa nageenyi akka ammaa kanatti rakkoon uumamu bakka kaan caalaa nageenyi isaa baayyee gaaga’ama, sababii kuufama namaa qabuuf jecha. Oromiyaarratti baqachuun, wal ajjeesuun kan hammaatef sababa kanaanii,” jedhan.
‘‘Dhiibbaa fi cunqursaan Oromoon waggoota dheeraaf dabarseen booda yeroo Oromoon hiree argatutti tuttuqaan baayyate’’ jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.
“Biyyi Oromoo kun kaleessa hacuuccaa hedduu keessa ture. Saboota biraatiifis gabroomfamaa ture. Araddaasaatirraa, biyyasaatirraa baqataa ture. Har’a ammoo Oromoon ennaa bilisummaa argadhe jedhee qe’eesaatitti deebi’u eddoon jalaa qabatamee wal tuttuquutu jira,” jedhan.
Haala Oromiyaa fi yaaddoo
Nageenyi Oromiyaa keessaa nageenya Itoophiyaatiif murteessaadha kan jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa, rakkoon nageenyaa Oromiyaa kun haaluma amma jiruun yoo itti fufe biyyattii gaaga’uu mala yaaddoo jedhu qabu.
“Haalli Oromiyaa keessa jiru kun yoo akkanumaan kan itti fufu taate baayyee rakkisaadha. Biyya tana ni gaaga’a. Maalif yoo jette waanti Itoophiyaan qaba jettu baayyeen Oromiyaa keessa jira waan ta’eef,” jedhu.
Waldhibdeen mootummaa fi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduu jiru furamuu dhabuunis hawaasa Oromoo aarsaa hin malle kaffalchiisaa jira jechuunis dubbatu.
“Mootummaan olaantummaa seeraa mirkaneessuuf tarkaanfiin fudhadha jedha. WBO’nis haawaasa Oromootin bilisoomsa jedha. Gidduu kanatti biyyi Oromoo kun gaaga’amtee jirti. Baayyee miidhamtee jirti.”
“Guyyaa guyyaadhaan wanti Oromoorratti raawwatamu, guyyaa guyyaadhaan wanti sabaa fi sablammii duraan Oromoo keessa nagaan jiraatu irratti raawwatamu baayyee kan nama yaachisu. Kan yeroo namaaf hin kennine,” jedhan.
Yaada furmaataa...
Gareen lamaan Oromiyaa keessatti wal waraanaa jiranii fi hawaasarra miidhaan akka gahu godhan ‘Biyya Oromoo tanaaf marartee qabaachuu qabu’ jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.
“Gareen lamaanuu biyyi Oromoo tun maal akka taate, maal keessa akka dhufte hubachuu qabu. Oromiyaan tun dugda biyya kanaati. Oromiyaan miidhamtus kaleessa biyya nagaa turte. Kaleessas uummanni kun osoo biyya hin diigin, qabsoo isaas osoo hin dhiisin ilaa fi ilaameedhaan rakkoo furachaa ture,” jedhan.
Haala amma jiruun Oromoo ta’ee, qaamni Afaan tokko dubbatu akkamitti mariidhaan rakkoo furachuu dadhaba?” jechuunis gaafatu.
“Oromoo ta’ee namni afaan tokko dubbatu, namni duudhaa fi safuu qabu akkamiin mariidhaan rakkoo furachuu dadhaba? Waraanni duudhaa fi safuu sigachisiisa. Sirna Gadaa keessatti kun jibbamaadha,” jedhan.
‘Dhukkuba qileen qabi, diina waraanaan qabi, beela misoomaan qabi’ jedhee sirna Gadaa keessatti yoo seeratus hangamilleen cunqurmafu Oromoon biyyisaa akka baddu waan hin barbaanneef akka ta’es himan.
“Nuti akka abbaa Gadaatti kaleessas kan jechaa turre ‘Gadi taa’amee haa ilaalamu’ kan jedhudha. Abdii kutachuun hin barbaachisu. Wanti mariidhaan hin hiikamne hin jiru. Kanaafuu mariirraa abdii kutachuun hin barbaachisu,” jedhan.
Wal waraanuu keessa dararaa uummatarra gahuun ala bu’aan argamu waan hin jirreef qaamni mootummaatis, qaamni dallanee bosona jirus osoo marii filatee yaada jedhu dhiheessan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.
Waldhibdeen ammaa mootummaa fi WBO gidduu jiru kun mariidhaan furuun akka danda’amus himan.