Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tuuti Gadaa Michillee warra Dullachaa Karrayyuu erga ajjeeffamanii booda Gadaansaanii akkam ta'aa?
Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadir Hawaas dabalatee miseensonni luba Michillee, kan gosa Dullachaa ta'an bakka waggaa afur dura qubatanitti erga ajjeeffamanii qaawwi bulchiinsaa uumameera.
Hawaasni bulchiinsa sirna gadaan jiruu fi jireenyisaa qajeelu kunis erga taateen kun mudatee tasgabbaa'ee hooggansa Sirna Gadaasaa kana bakkatti hin deebiifanne.
Ofii egereen Gadaa Karrayyuu kana booda akkam ta'a? Eenyutu bakka bu'ee ga'ee hooggansaa ba'a? Walumaagalatti abbaan Gadaa osoo aangoo hindabarsiin dura yoo du'u akkamiin gadaan itti fufa?
''Yoo kaan waaqaa itti hirkafatu, yoo kaan diinaa dursa gumaa baasu''
Barreessaa Gamtaa Abbootii Gadaa kan ta'an Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa, ''Abbaan Gadaa dirqama aangoo inni fudhatee keessaa inni jalqabaa diina daangaasaa weeraruuf yookiin sabasaa miidhuuf dhufe jalaa hin dheessu,'' jedhan.
Egaan abbaan Gadaa tokkoo ''haala akkasii keessatti lubbuusaa dabarsee waan aarsaa godhuuf diinaan du'uu danda'a. Guyyaansaa yoo geessee ammoo dhukkubsatees du'uu danda'a. Kan Abbaa Gadaa Karrayyuu kun diinaan ajjeefame waan ta'eef waan hunda dura gumaatu ba'uu qaba,'' jedhan.
Wayita Abbaan Gadaa osoo aangoorra jiruu diinaan ajjeefamu sirna kabajaa fi gootummaasaa faarsutu geeggeeffama kan jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa, Sirnasaa kanarratti boollasaa daadhiin haa guutu, Jannanni isaa jimaa haa magarsu jedhu.
''Fakkeenyaaf akka kan Karrayyuutti kan amma du'e Dullacharraati. Kanaafuu miseensi Dullachaa boollasaa daadhiin akka guutu kadhatee, awwaalchasaatti jimaa kabee wayita as garagalu hulluuqqoo ba'a. Hulluuqqoon ba'amee yoo abbaan beekame gumaa nama saniitu ba'a.''
''Erga gumaan ba'ee sabni qabbaneeffatee booda bakka abbaa gadaa san itti hirkafatu. Itti hirkafata malee abbaa gadaa biraatuu hin muudu. Korma qalee itti hirkafatee erga jedhee booda sirni gadaasaanii sun bakkatti deebi'a,'' jedhan.
Hawaasi tokko bakka abbaa Gadaa isaa itti hirkafata jechuun abbaan gadaa du'e sun hanga yeroon gadaasaa obba'utti boollisaa kabaja qaba, namni biraan bakkasaa bu'ullee isumatu akka Abbaa Gadaatti ilaalama jechuudha.
Abbaan gadaa Karrayyuu yaa'asaa waliin kan ajjeefame aangoo qabatanii waggaa sadaffaarra osoo jiraaniiti, kanaafuu gosi Dullachaa fi hayyuun saba dullachaa mari'atee murteesaa ni fudhata.
''Uummanni karrayyuu uummata durii ka'ee gadaasaatti cichee waan jiruuf hayyuu gadaa fi saba qajeelchu qaba, isaaniin gadaan qajeela,'' jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa.
Warra korma garaa hidhan (eegdota/jaldhaaba abbaa gadaa/abbaa bokkuu) kan abbaa Gadaa Kadir Hawaas waliin ajjeefaman Jiloo Diidoof obooleessa maandhaa/quxisuu kan ta'an Obbo Lalisaa Bareechoo, uummanni Karrayyuu yeroo ammaa qe'eerraa gara daangaatti baqatee faffaca'ee waan jiruuf sadarkaa jila taa'ee gadaasaa sirreeffaturra hin jiru jedhe.
Lalisaan akka jedhutti, akka sirna gadaa Karrayyuutti bakka abbaa gadaa Kadir Hawaas namni bakka bu'u maatii keessaa ta'uu quba qaba.
''Silaa bakka kana bu'ee kan gaggeessu obboleessa isaa Gadaa Hawaas. Inni amma biyya keessa waan hin jirreef obboloota jiran keessaa nama tokkotu bakka bu'ee gaggeessa. Daa'ima xiqqoo qofatu jira yoo ta'ellee daa'ima sanatu bakka bu'a malee maatii keessaa hin ba'u,'' jedha.
''Maatii keessaa hunduu dhumanii daa'imni xiqqoon yoo jiraatte hawaasni daa'ima sanatti aangoo kenna, garuu hanga daa'imni of barutti beekamtiidhaan nama ogummaa fi muuxannoo qabu bakka buusuufii danda'u.''
Yeroo ammaa Kanaadaa kan jiran Aab Gadaa Hawaas (hangafi Abbaa Gadaa Kadir Hawaas-kan boqotan), waggaa 11 jiruu baqaarra erga turanii boda bara 2018 sirna baallii fuuchuu irratti hirmaachuuf biyya galanii yeroo sanas haalli waan hin mijanneef obboleessa isaanii quxisuu/maandhaa akka bakka buusan himan.
Lubni Michillee durumaanuu wayita rakkoof namoota eeggattummaan kaa'eera kan jedhan Aab Gadaa Hawaas, ''Abbaan Gadaa/Abbaan Bokkuu, Warri korma garaa hidhe(eegdonni/jaldhaabi Abbaa Gadaa), Abbaan Duulaa, Abbaan Diingadee fi kaan eeggattootaa sadi sadi filatanii qabu. Kanaafuu isaanumaaf faajjii lallabuu malee filannaan haaraa gaggeeffamu hin jiru,'' jedhan.
''Abbaa Gadaa ta'uuf kan eeggattummaan jiru ilmi abbaa Gadaa Kadir Hawaas, Hawaas Kadir Boruu waan jiruuf isuma jajjabeessuudha hojiin keenya. Isa harkatti kan tissu namni biraan ammallee ni jira.''
Akka Sirna Gadaatti namni abbaa gadaa ta'u umurii dabballummaatti baannatamee, erga lallabamee waggoota dheeraaf gadaa baratee booda waggaa 40 wayita ga'u Abbaa Gadaa ta'a.
Garuu namni haala kanaan gulantaa gadaa keessa darbe wayita umuriin darbus ta'e rakkoo garaagaraan hirmaachuu dadhabe obboleessa bakka buusu.
Fakkeenyaaf akka Lalisaan jedhutti, gadaa Karrayyuu michillee warra Dullachaaf kan qophaa'ee ture Gadaa Hawaas rakkoo siyaasaa isarra ga'een wayita biyyaa baqatu, kan bakka buufame obboleessa isaa kan amma ajjeefaman Kadir Hawaas.
''Ammas Gadaa Hawaas jira waan ta'eef yoo mijateefii biyyatti kan deebi'u ta'e isumatu bakka bu'ee gaggeessa. Yoo isaaf hin mijanne immoo obboloonni waan jiraniif isaan keessaa namni bakka bu'ee gadaan akkuma duriitti itti fufa. Kun kan ta'u Gadaa Michillee kan warra Dullachaa keessatti qofa. Gadaan kaan rakkoo hin qabu.''
Aab Gadaa Hawaas gamasaaniin, ''yeroon obbboleessa kiyya bakka buuse ani duuba taa'ee akka gorsaatti akkan itti fufu maanguddoo waliin dubbanne. Kanaafuu waggoota hafan arfan hanga Halchiisi aangoo fudhatutti hojii kiyya ittan fufa. Qaamni eeggataan duraanuu qophaa'ee jira waan ta'eef deemee achitti argamee abbaa gadaa ta'uun dirqama miti,'' jedhan.
Lubni Gadaa Michillee gosoota Karrayyuu Dullacha (hangafa) fi Baasoo (maandhaa/quxisuu) lamaanuu keessaa yaa'a gadaa qaba.
Tuuti Gadaa ajjeefaman kan Dullachaa yoo ta'u, kan Baasoo garuu yaa'isaa akkasumatti jira.
''Kanaafuu warri quxisuu kun gadaa kana maal gochuun akka danda'amu warra hangafaa waliin dubbatu. Akka Gadaa Michilleetti akkamiin deebisanii ijaaruu akka qaban erga mari'atanii booda sabnillee irratti jilata,'' jedhe Lalisaan.
Namoonni Gadaa kana keessaa ga'ee qabanii miidhaan irra ga'e kan hawaasa keessa jiranillee deebi'anii gadaa kana ijaaruu keessatti ga'eesaanii ni gumaachu.
''Yaa'i Gadaa Karrayyuu akkuma bakka tokko qubatee waliin jilatu, kanneen uummata keessa jiraatanillee ni jiru. Isaan ajjeechaa jalaa baraaraman kunneen amma dhufanii qaawwa uumame cufuu danda'u. Bifa kanaan jaarsi biyyaa, beekaan ba'ee gadaa kana bakka deebisanii itti fufsiisu.''
''Balaan Gadaa Karrayyuu mudate kan manatti nu galchu hin turre''
Gamtaan Abbootii Gadaa Oromoo taatee Karrayyuutti mudate irratti hamma irraa eegamu hin hojjenne jedhan Abbaa Gadaa Goobana Hoolaa.
''Sirna Gadaa cunqursaa hedduu dandamatee yeroo ammaa hambaa UNESCO ta'ee addunyaarratti beekame kana tiksuun ga'ee Gamtaa Abootii Gadaa ture. Garuu nuti haga nurraa eegame hin hojjenne,'' jedhan.
''Keessattuu wayita akka Karrayyuu mudate kana gaaga'amni jabaan sirna gadaa mudatu, yoo alangeen yeroon kennamuu baate birmateefii bakkatti deebisuun hojii gamtichaati.''
Bal'ina Oromiyaa fi caasaa gadaa bal'aa inni qabu, akkasumas hanqina loojistikii fi rakkoo siyaasa biyyaa akka madda rakkoo ijootti kaasan Abbaan Gadaa.
''Wayita rakkoon akkanaa Karrayyuu mudatu nuti akka Gamtaa Abootii Gadaa Oromootti manattuu galuun nurra hin turre. Kanarra roorroo hamaan hin jiru. Kan har'a yaa'a gadaa Karrayyuu akkas goote boorillee nuuf gumee qaratte jechuudha,'' jedhan.
''Hagam akka geenyee jirru kan nutti mul'isedha''
Abbaan Gadaa uumaa fi uumama kabajee dhala namaa hundaaf eegumsa gochuuf kan dhaabbatedha malee paartii siyaasaaf kan dhaabbate miti kan jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa, wanti Karrayyuutti raawwate uummata Oromoo kan shororkeesseefi abdii kutachiiseedha jedhan.
''Uummanni Oromoo safuu fi aadaan, hambaan inni qabu harkaa harcaatee, tokkittiin kan harkatti haftee jirtu sirna gadaa kana qofa. Uummatichi sirna kana qusatee addunyaatti beeksisee UNESCO irratti wayita galmeessisee jirutti har'a abbootii gadaarratti haala kanaan ajjeechaan kan raawwatamu yoo ta'e kun uummata Oromoo mara kan shororkeesseedha malee uummata Karrayyuu qofaa muti,'' jedhan.
Seenaa biyya kanaa keessatti takkaa balaan akkasii abbootii gadaa mudatee hin beeku kan jedhan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa, hagam akka geenyee jirru kanarraa hubachuu dandeenya jedhan.
''Bara Minilik irraa kaasee hanga dhufee bulchiinsa wayyaaneen ba'utti wanti akkasii abbaa gadaa mudatee hin beeku. Bara harkaa fi harma muraa Aanolee, bara Calii Calanqoo abbaan gadaa akkanaan hin ajjeefamne. Sirni keenya akka kana kabaja dhabee hin beeku. Kanarraa hagam akka Oromoon salphatee jiru hubanna.''
Akka sirna Gadaatti lubni aangoo harkaa qabu akkuma ofii kan isa dura turerraa baratee aangoo qabate, isa itti aanu ammoo barsiisaa bilcheessaa deema.
Wayita gadaan aangoo harkaa qabu bittinnaa'ee badu qaawwaa dhalootaa gadaa keessatti uumamuu mala sodaan jedhu jira.
Yaaddoo kana kan qooddatan Abbaan Gadaa Goobana Hoolaa, ''garuu duunullee gadaa Karrayyuu inuma bakkatti deebisna,'' jedhan.
Abbootiin Gadaa Maccaa, Booranaa, Gujii, Ituu-Humbannaa, Afran Qalloo, Sikkoo Mandoo-hunduu akkasumas uummanni Oromoo gumaan Karrayyuu akka ba'uufi gadaan bakkatti akka deebi'uuf wareegama barbaachisu kaffaluu qabu jechuun dhaaman.