Ajjeefamuu Abbaa Gadaa Karrayyuu booda 'namootni 20 ol achi buuteen dhabame'

Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas Boruu dabalatee namoota 14 torbee darbe ajjeefaman waliin qabamanii kan turan namoonni biroo 25 ta'an, achi buuteen isaanii dhabamuu maatiin BBC'tti himan.

"Warra du'an obbaafanne, amma warra kanaaf boo'aa jirra," jedhu jiraataan obboleessi isaanii eessa akka jiru akka hin beekne BBC'tti himan.

Roobii Mudde 1, 2021 humnoonni mootummaa Godina Shawaa Bahaa daangaa Aanaa Boosati fi Aanaa Fantaallee iddoo Kaarra jedhamu jilli Abbaa Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas qubatee jirutti erga marsanii booda, namoota 41 qabanii deemuu jiraattonni BBCtti himanii turan.

Namootni kun bakka addaa Dhagaa Aanolee jedhamu erga geeffamanii booda Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee namoonni 14 ajjeefamuus himu.

Jiraattonni fi maatiin namoota ajjeefamanii ajjeechaa kana kan raawwate humna addaa Oromiyaati jedhu. Mootummaan Naannoo Oromiyaa garuu "Abbaan Gadaa Karrayyuu garee shororkeessaa Shaneen ajjeefaman" jechuun ibsa baasee ture.

Namoota ajjeefaman kana waliin qabamanii gara bakka Dhagaa Aanolee jedhamu geeffamanii kan turan namoonni biroo 25, ergasii eessa akka jiran akka hin beekne maatiin himaniiru.

Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) dhimmicha qorachuuf karoora qabaachuu BBC'tti himeera.

Namoota 41 qabaman keessaa 14 yoo ajjeefaman namootni lama miliquu kan himu jiraataan Aanaa Fantaallee tokko, namoota 25 hafan achi buutee isaanii dhabne jechuun BBCtti hime.

Namoota achi buuteen dhabame keessaa tokko abbeera ykn abba xiqqaa isaa ta'uu kan namni sodaa nageenyaaf maqaan isaa akka hin dhahamne gaafate kun, maatiin isaa yaaddoo guddaa keessa jiraachuu hima.

Manneen hidhaa magaalota naannawa sanii akka Matahaaraa fi Olanciitii, darbees hanga Adaamaa deemanii iyyaafatanillee argachuu akka hin dandeenye hima jiraataan kun.

"Isaanis bakka biraatti ajjeefamanii reeffa isaanii bineensi nyaatee jennee akka malee yaadda'aa jirra," jedha.

Jiraataan biraa obboleessi isaanii eessa akka jiru hin beekne ammoo "yoo barbaacha deemne nutis ni hidhamna, sodaannee taa'aa jirra," jedhan.

Namootni bakkeewwan gara garaa irraa du'a gahii ykn boo'ichaaf gara qe'ee Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dhufaa turan, karaa irratti qabamanii hidhamaa jiru jedhu jiraataan kun.

"Karrayyuun gaallillee yoo jalaa bade gadi bahee barbaaddachuu dadhabee jira," jedhu.

Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee namoonni 14 kan ajjeefaman Roobii galgala yoo ta'u, sirni awwaalchaa isaanii Jimaata ganama ture kan raawwate.

Ergasii qaamni mootummaa dhaqee uummata dubbise tokkollee akka hin jirres jiraattonni BBC'tti himaniiru.

Ajjeechaa Roobii darbe raawwate torbee tokko dura naannoo daangaa Aanaa Fantaallee fi naannoo Affaaritti waraanni mootummaa fi hidhattoonni hin beekamne wal waraanuu fi humnoonni mootummaa hagi tokko miidhamuu himu.

Ajjeechaan Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas dabalatee namoota 14 irattis raawwates sanaan wal qabachuu akka hin oolle shakku.

Biiroon Komunikeeshinii Naannoo Oromiyaa garuu ibsa Jimaata fuula Feesbuukii isaarratti baaseen, Abbaan Gadaa Karrayyuu Kadiir Hawaas "garee shororkeessaa Shaneen ajjeefaman" jedhe.

"Uummanni Karrayyuu natu biyyaafi sirna kootiif jira jedhee hiriira deeggarsaa bahuu isaa hordofuun, Shaneen abdii kutannaa keessa galte 'situ ummata nurratti kakaase' karaa jedhuun ... ajjeesan", jedha ibsichi.

Ibsichi waa'ee namoota biroo Abbaa Gadaa Kadiir Hawaas waliin ajjeefamaniis ta'ee, waa'ee namoota qabamanii achi buuteen isaanii hin beekamnee waan jedhe hin qabu.

Komiishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) amma dura ajjeechaa Karrayyuu fi namoota achi buuteen isaanii dhabamerratti qorannoo akka hin goonee fi qorannoo gochuuf karoora akka qabu BBC'tti himeera.

Dhimma namoota achi buuteen isaanii hin beekamnee irratti bulchiinsa Aanaa Fantaallee, poolisii Godina Shawaa Bahaa fi Biiroo Komunikeeshinii Oromiyaa irraa deebii argachuuf yaaliin taasifne hin milkoofne.