Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US weerara Raashiyaa ittisuuf loltootashee Awurooppaa keessatti heddummeessuuf jirti
Erga Nato'n weerara Raashiyaa irratti tarsimoo fi ejjannoosaa jijjiiruun humnasaa gara bahaatti cimsaa jiraachuu ibsee booda Ameerikaanis loltootashee biyyoota Awurooppaa keessatti heddummeessuuf akka jirtu himte.
Akka karoora US'tti teessoon guddicha humna waraanaa Roomaaniyaa yoo ta'u, humni galaanaa Ispeen, humni qilleensaa (jeettiiwwan waraanaa) gara UK fi humni lafoon hedduun gara Roomaaniyaa ergamu.
Raashiyaan ammas lafa Yukireen hedduu qabachuuf yaalaa jirti kan jettu US, Nato'n kanarratti ejjannoosaa cimsuu qaba jetti.
Pireezidanti Joo Baayidan, ''Nato'n yeroo kamuu caalaa amma nu barbaachisa,'' jedhan.
Naton gamasaan erga waraana hololaatii (Cold War) haala ta'ee hin beekneen humnasaa gara bahaatti guddisaa akka jiru hoogganaan jaarmiyichaa Jens Stoltenberg ibsaniiru.
Daarekatara Nageenyaa fi Tika Biyyaalessaa US kan ta'an Avril Haines, Raashiyaan waraanaan dadhabsiifamtus garuu lafa qabachuurraa booddeetti hin deebine jedhan.
Raashiyaan haala kanaan lafe Yukireen to'ataa kan deemtu yoo ta'e waraanichi yeroo dheeraa nutti fudhatas jedhan.
Nato'n erga weerarri Raashiyaa Yukireen irra taree biyyoota Awuooppaaf yaaddoo ta'ee, loltoota isaa yeroo rakkoof deebii kennan kan amma kuma 40 ta'an, bara dhufurraa kaasee gara kuma 300tti guddisuuf akka jiru ibseera.
Pireezidant Baayidan kora Nato magaalaa Madriid keessatti taa'amerratti wayita dubbatan, ''jaarmiyaan kun kallattii hundaan humna jabeeffachuu qaba. Humna lafoo, qilleensaa fi galaanarraa cimsuu qaba,'' jedhan.
Ministeerri Ittisaa UK humna cimsachuurratti Nato cinaa hiriiruun karoora haaraa milkeessuuf loltootasaanii heddumminaan ramaduuf akka jiran kora kanarratti ibsan.
UK'n lakkoofsa loltoota ishee Istooniyaa keessa jiranii dachaan dabaluun yeroo ammaa loltoota 1,600 qopheessitee qabdi.
Raashiyaan Bitootessa darbe keessa wayita haleellaa eegaltu magaalaa guddittii Yukireen (handhuura biyyaa) kyiv of harka galchuuf turte, garuu boodarra bakka yeroof to'attee turte, Donbas, irratti xiyyeeffatte.
Qondaalli tika biyyaalessaa US Aadde Haines ammallee galmi Raashiyaa kanuma jedhan.
''Karoorri Putiin fi raawwii loltoota isaa wal hin simne. Fedhiin isaa fi injifannoon loltoonni isaa argatan gargar fagaata. Kunimmoo kufaatiisaa agarsiisa,'' jedhu qondaalli kun.
Haata'u malee weerarri Raashiyaan gaggeessaa jirtu kun yeroo dheeraa kan fudhatuudha jedhan.
Raashiyaan naannawa madda Indastirii fi daldalaa taate Donbas erga of harka galchitee boodas caalistee hin teenye, magaalota gara bahaan jiran kanneen akka Severodonetsk dhiyeenya to'atteetti.
Magaalaa guddoo Kyiv to'achuuf ammoo warri Yukireen itti hin dhiifne.
Yaa'ii Nato magaalaa Madriid keessatti gaggeeffameen miseensonni jaarmiyichaa weerara Raashiyaa dura dhaabbachuuf ejjannoo cimaa qabataniiru.
Raashiyaan yeroo ammaa nageenyummaa miseensota Nato fi walumaagalatti biyyoota naannawa Euro-Atlantic jedhamu keessa jiraataniif yaaddoo ta'uu erga ibsanii booda, tarsimoo fi tooftaa haaraan as ba'uu ibseera korri kun.