Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaatti Raashiyaan attamiin Yukireen moggaatti baafte?
Pirezedantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin waa’ee waraana biyyasaanii keessatti adeemaa jiru yaa’iiwwaniifi paarlaamaa biyyoota addunyaaf ibsuun ji’oota muraasa as akka ulaa dippiloomaasitti itti gargaaramaa turan.
Ta'ullee wayita Zeleniskiin Gamtaa Afrikaatti Wixata darbe dubbatan hoggantoota biiyyoota Afrikaa afur qofaatu isaan caqase.
Biyyoonni biroo qondaaltoota ykn namoota muuxannoo hedduu hin qabne bakka buusan.
Yukireen ardii biyyoota 54 qabdu Afrikaa keessatti imbaasii kudhan qabaattullee dhageettii Kiyeev argattee kan Mooskootiin wal hin simu.
Kanaafuu, ilaalcha Afrikaan weerara Putin irrratti qabdu jijjiruuf
Pirezedantiin Yukireen Zeleniskiin gartuu dhiibbaa siyaasaa ykn nageenyaa Raashiyaan walgitu uuman hin bobbaasne.
Yukireen akka Raashiyaatti biyya sadarkaa idil-addunyaatti hirree waraanaa guddaa qabdu miti, akkasumas miseensa dhaabbii Mana Maree Tasgabbii Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniis miti.
Kanarraa kan ka’e, hoggantoonni biyyoota Afrikaa kan biyyoonni Lixaa kallattiin Mooskoo waliin walitti bu’an duuka hiriiruu hin barbaadan.
Yukireenitti alergiin midhaanii ugguramuun hanqina midhaan nyaataa hammeesseera, Gatiin midhaanii dabaluun alergii midhaan akka qamadii, gosoota midhaan biroofi zayitaa nyaataa jeeqe.
Jalqaba ji’a kanaatti Dursaa Gamtaa Afrikaa yeroo ammaafi Pirezedantii Senegaal Maakii Saal, Vilaadimiir Putiin waliin haala rakkoo al-ergii miidhaanii furuun danda’amurratti mariyachuuf gara rizoortii Sochitti imalanii turan.
Pirezedantii Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaan torban darbe Putiinitti kan bilbilan haala omishni qonnaafi xaa’oon Raashiyaa gara Afrikaatti ergamurratti mariyachuuf ture.
Maricha booda jijjiirama hanga tokko jiraatullee fuulduratti hin tarkaanfanne.
Kun otoo haala kanaan jiruu Raashiyaan weerarri Yukireenirratti raawwatte himannaa waraanaa Afrikaa keessatti qabdu gufuu ta’e.
Hamiin dhugummaan isaa hin mirkanoofne akka agarsiisutti yoo ta’e, gartuun loltoota maallaqni kaffalameefi Afrikaa keessatti Raashiyaan lolarratti bobbaastu Waagnar Giruup jedhamu Rippaabilika Afrikaa Giddu-galeessaa keessaa akka bahuuf waamichi dhiyaatefi jira jedhameera.
Kunis naannoo duula Baha Yukireen Dombasitti lolli hammaaten walqabata.
Ta'ulleen gartuu loltoota maallaqaan qacaramanii kunneen biyya Maalii keessaa hin hir’anne.
Loltoonni kun humnoota waraanaa biyyattii waliin ta’uu lola gaggeessaa turan.
Kun haala kanaan otoo jiru, Raashiyaan gama waraanaafi tikaatiin hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsachaa jirti.
Kaameruun dhiyootti qiyyaafannoo kana keessa biyya seente taatetti.
Ministirri Ittisaa Kaameruun Joosef Beetii Assoomoo, ji’a darbe gitasaanii kan Raashiyaa Sargee Shooguu waliin tumsa waraanaa ganna shaniif turu mallatteesuuf gara Mooskootti imalanii turan.
Kunis tumsa karaa basaasaa, leenjii fi shororkeessuumaa ittisuurratti yaada ogummaa qooduufii, saamicha galaanaarra ittisuufi shaakala waraanaa waloo karoorsuu dabalata.
Waliigalteen isaanii meshaalee waraanaa garasitti geejjibuun dhimma walqabatu hin akeeku garuu waltumsi haaraan dabalataan akka jiraatu qofa eere.
Dhugaan hin haalamne tokko garuu waliigaltee bara 2015 biyyoota lamaan gidduutti mallatteeffame bu’uura godhachuun Raaashiyaan duula jihaadistoota biyyattii keessa socho’an haleeluurratti meeshaalee waraanaa Kaameruuniif dhiyeessuun, gama loojistikii fi humna qilleensaatiin gargaartetti.
Waliigaltee haaraan kun garuu dhimmoota irratti qiyyaafatu addatti hin eeru.
Torban tokkoo keessatti Afrikaatti Daarektarri Ministeera Dhimma Alaa Kiristoofii Bigot, torban tokko keessatti gara Yawundeetti imaluun Paaris michummaa gama dinagdee, aadaa fi duula farra-shororkeessummaa irratti Kaameruun waliin ture cimsanii akka ittifufan Ministira Muummee Kaameruun Jooseef Diyooniif mirkaneessan.
Hooggantoonni biyyoota Lixaa Raashiyaa akka sodaa nageenyaa guddoo, bu’uura sirna dimokiraasiif qorumsa taateefi sirna addunyaan seerarratti hundaa’e akka hin qabaanne yaaddoo uumtutti ilaalu.
Mormii biyyoota Lixaarratti guddataa dhufe
Biyyoonni Afrikaa muraasni biyyoota Lixaa waliin michuummaa ganna dheeraaf qabaachaa turan gocha Piirezedantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutin qeequurra duubattti jedhan.
Fakkeenyaaf Senegaal yaa’ii murtoo yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Raashiyaa Yukireenirratti tarkaanfii humnaa fudhachuu akka dhaabdu gaafatu Bitootessa 2, 2022 raggaasise mormiteetti.
Kaamiruunillee ejjannoo kanaan wal fakkaatu fudhatte.
Haaluma walfakkaatuun wayita yaa’iin waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Raashiyaa Kaawunsilii Mirga Namoomaa Dhaabbatichaa keessaa baasuuf filate Kaameruun filannoo kanarratti sagalee kennuurraa of qusatte.
Ijjannoowwan akkasiirratti yaadni hawaasni biyya keessaa qabu qooda guddaa qaba.
Biiyyoota akka Firaansi, Ameerikaa fi UK waliin hiriiruun yeroo hunda ejjannoo ardii Afrikaarratti jaalamu miti, akkuma ejjannoo mootummaa Kaameruunii fi biyyoota michuuwwan isheetti jechuudha.
Taatullee Kaameruun sirumayyuu otoo Raashiyaan magaalota Yukireen guggubaa jirtuu tumsa waraanaa mallatteessite.
Ejjannoon addaa kun tarii haala keessoo Kaameruuniin ibsamuu mala.
Pirezedantiin biyyattii Paawol Biyyaa karaa lamaan waraantti jiru: tokko hidhattoota Bookoo Haraam Naajeriyaa keessa socho’anii fi Islaamik Istaat naannicha keessa socho’u.
Kameeruun garuu Raashiyaa qofa otoo hin taane Firaansi, Chaayinaa, Biraazil fi Tarkii waliin qabdi, kanaan durallee Ameerikaa waliinille ni qabdi turte.