Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraanni Yukireen waggootaaf itti fufuu mala -NATO
Waraani Raashiyaafi Yukireen waggootaf itti fufuu waan danda’uuf biyyoonni lixaa Yukireen deeggaruuf of qopheessuu qabu jechuun akeekkachiisan dursaan NATO.
Barreessa Olaanan NATO Istoltanbar akka jedhanitti, gataiin waraanaa guddaa ture, garuu ammoo Raashiyaan kaayyoo ishee akka galmaan geessu gochuun gatiin isaa caalaa guddaadha.
Ministirri Muummee UK Booris Joonsan gama isaanitiin waraanichi dheerachuu akka malu akeekkachiisan.
Gaggeessan humna waraana Biriitishis haaraa muudaman, Jeneraal Sar Paatirik Saandars, yaada kana deeggaruun UK fi michoonni ishee waraana Raashiyaa kana mo’achuuf gahuumsa isaanii agarsiisuu qabu jedhu.
"Weerarri Raashiyaan Yukireen irratti raawwatte kaayyoo keenya caalmatti akka ilaallu kan nu taasisuudha, innis UK eegu fi lafa irratti ammoo waraana mo’achuudha- kana jechuun haleellaa Raashiyaan gaggeessitu qolachuudha.”
Meeshaan waraanaa caalmatti yoo Yukireenif ergame waraana kana mo’achuun akka danda’amu dubbatu Istoltanbarg fi Booris Joonsan.
Istoltanbarg gaazexaa biyya Jarman Bild jedhamu wajjin turtii taasisaniin, "Dhugaan jiru waraanni kun waggootaaf itti fufuu akka danda’u fudhachuu qabna. Deeggarsa Yukireenif goonu itti fufuu qabna,” jedhu.
Istoltenbarg akka jedhanitti, biyyoonni lixaa Yukireenif deeggarsa meeshaalee waraanaa ammayyaa caalamtti yoo dhiyeessan Yukireen lafa ishee Raashiyaan qabamee jiru bilisa baasuu dandeessi.
Ji’oota darban keessa daangaa baha Yukireen irratti waraana cimaa gaggeessaa turan.
Waraana kanaan Raashiyaan suuta milkaa’aa jirti.
Booris Joonsan, “Raashiyaan humnaan Yukireen burkuteessuu barbaaddi,” jechuun Viladmiir Puutin komatan.
Booris Joonsan Jimaata darbe magaala guddoo Yukireen, Kiveetti daawwannaa taasisaniin Rashiyaa Yukireen keessaa baasuuf biyyi isaanii deeggarsa meeshaalee waraanaafi leenjii barbaachisu Yukireeniif akka kennan dubbatanii turan.
Raashiyaa injifachuudhaf deeggarsi meeshaalee waraanaa gurguddaan akka isaan barbaachisu aangawoonni Yukireen cimsanii dubbataa jiru.
Roobii darbe Ministerri Ittisaa Yukireen Oleeksii Resnikoov Biraasilsitti bakka bu’oota humna waraanaa biyyoota 50 ta’anii arguun deeggarsa meeshaa waraanaa gaafataniiru.
Hanga ammaa biyyoonni lixaa michuu Yukreen ta’an meeshaalee waraanaa gosa garaa garaa dhiyeessaniifii jiru.
Haata’u malee, Yukireen deeggarsa ishee barbaachisu waliin wal bira qabdee gaafa ilaaltu deeggarsa akka ta’ee fi meeshaalee waraanaa gurguddaan akka barbaachisu wawwaataa jirti.