'Warra nu qoqqobanitu caala miidhama' jedhan Puutin

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waraanaa Yukireeniin walqabatee qoqqobbiin biyyasaaniirra kaa'ame caalatti ''warra nurra buusan caalatti miidha'' jedhan.

Akka isaan jedhanitti Gamtaan Awurooppaa sababa Raashiyaa qoqqobeef doolara Ameerikaa biliyoona 400 dhaba jedhan.

Dhiyeessiin gaazii boba’a Raashiyaa sarara haaraan akka ol guddatu kaasan. Raashiyaan biyyoota fedha qaban waliin tumsa gama dinagdee qabaachuu itti fuftii jedhan.

Gamtaan Awurooppaa deebii waraana Yukireenif kenneen walqabatee ''walabummaa siyaasaa'' dhabeera jedhanii qeeqaniiru.

Pirezedantiin Raashiyaa Vilaadimiir Puutin biyyaasaanii tarkaanfii waraanaa isaan ''opporeeshinii addaa’’ jedhanii waaman akka Yukireeni irratti fudhattu dirqamteetti jedhan.

Puutin kayyoon keenya ''hawaasa keenya'' Baha Yukireen, Doonbaas keessa jiraatan duguuggaa sanyiif saaxilaman eeguudha jedhanii falman.

Puutin biyyoonni Lixaa meeshaalee waraanaa itti guuraa jiru garuu ''kaayyoo tarkaanfii waraanaa addaa jalqabne shakkii malee galma gaha,'' jedhan.

Pireezedant Puutin yaa’ii dhimma dinagdee Seent Piitarsibergiirratti wayita haasaa dhageessisan Raashiyaan al-ergii miidhaan nyaataa fi xaa’oo akka dabaluu dandeessu dubbatan.

Miidhaan gara biyya alaatti ergamu qoftiyyuu toonii miliyoona 50tti guddachuu qaba jedhan.

Raashiyaa fi Yukireen biyyoota midhaan biyyoota addunyaa kaanitti ergurratti sadarkaa jalqabarratti argamanii, Yukireen garuu sababa buufatalee doonii ishee Raashiyaan uggurteef miidhaan gara alaatti erguu hin dandeenye.

Puutin haasaa isaanii keessatti waa’ee qoqqobbii dinagdee waraana Yukireeniin walqabatee biyyasaaniirra kaa’amee dubbatan.

Yukireen Gamtaa Awurooppaatti makamuuf dhiyaatte

Komishiniin Awurooppaa biyyi Yukireen Gamtaa Awuooppaatti dabalamuuf akka kaadhimamtu deeggare.

Yukireen Gamtichatti dabalamuuf tarkaanfii tokko akka itti dhiyaatu taasisa. Pirezedantiin Komishinii Awurooppaa Yursulaa von der Leyin ‘’Yukireen hojiin gaarii dalagde,’’garuu tarkaanfii dabalataatu barbaachisa jedhan.

Yukireen olaantummaa seeraa,mirga namoomaa fi malaammaltummaa ittisuurratti fooyya’iinsa bu’uuraa gochuu qabdi jedhan Yursulaa von der Leyin.

Gamtaa Awurooppaatti dabalamuuf kaadhimamuun Yukireen tarkaanfii murteessaadha, garuu adeemsi Gamtichatti dabalamuu akka waliigalaatti waggoota dheeraa fudhata jedhan.

Yaadni Komishiinii Awurooppaa kun biyyoota miseensota Gamtaa Awurooppaa 27 torban ittaanu dhimmacharratti mariyataniin fudhatama argachuu qaba. Hoggantootni biyyoota akka Firaansi, Jarmanii fi Itiliyii tattaaffii Yukireen taasiftu deeggaran.

Yursulaa von der Leyin huccuu alaabaa Yukireen cuqulisaafi keelloo qabu uffachuun, lammileen Yukireen‘’ilaalcha warreen Awurooppaaf du’uuf qophiidha’’ jedhan.