Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan Yukireen irratti waraana banuu isheetiif hin gaabbitu jedhan Sargee Laavrov
Rashiyaan Yukireen irratti erga waraana bantee kaasee lammiilen nagaan kumaatamni du'anii, magaalawwan hedduu barbadaa'anii, namoonni miliyoonaan lakkaa'aman ammoo qe'ee isaanii irraa godaansaf saaxilamaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavrov Raashiyaan Yukireen haleeluu isheetti waan itti qaanoftu tokko hin qabdu jedhan.
"Nuti Yukireen hin weerarre, oppireeshinii waraanaa adda ta’e gaggeessine. Sababni isaa Yukireen NATO'tti dabaluuf yaalun yakka jennee akka itti warra Lixaatti ibsinu filannoo biraa waan dhabneefi,” jedhu Laavrov.
Raashiyaan gaafa Guraandhala 24 Yukireen irratti waraana erga bantee as Sargee Laavrov miiidiyaalee biyyoota lixaa wajjin yeroo muraasa qofa haasa’an.
Aangawaan kun irra deddeebin namoota Naazii ta’antu Yukireen keessa jira jechuun dubbatu. Kanaaf ammo waraanni isaanii humnoota Naazii kana hiikkachiisaa jira jedhu.
Sargee Laavroov, ganna 72, waggoota 18 darbaniif waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti Raashiyaa bakka bu'anii dubbataa turan.
Amma garuu biyyoonni lixaa isaanii fi intala isaaniirra qoqqobbii ka'aniiru.
Walitti dhufeenya UK fi Raashiyaan qaban ilaalchisee gaaffii BBC’n gaafateef UKn biyya michuu Raashiyaa akka hin taane aangawaan kun dubbataniiru.
"Kana booda yaada kana jijjiirrachuuf mataa isaa waan danda’amu natti hin fakkaatu, sababni isaa Booris Joonsanii fi Liiz Tiruus gadi bahanii Raashiyaa mo’achuu qabna. Jilbeenfachiisuu qabna jedhan. Mee haa yaalan egaa,” jedhan Laavroov.
Ji’a darbe Ministirri dhimma alaa UK, Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin waltajjii idil-addunyaa irratti of-salphisan.
Kanaaf “Yukireen keessaa mo’amee akka bahu gochuu qabna” jedhanii ture.
Gaazexeessaan BBC waa’ee loltoota UK lamaan baha Yukreenitti booji’amanii duuti itti murta’ee irratti akka yaada biyyoota lixaatti kan itti gaafatamu Raashiyadhaa jedhee gaafate.
Laavroov ammo, "Ana yaadni warra lixaa dhimma koo miti. Ani ija seera idil-addunyaatiinan ilaala. Akka seera idil-addunyaatti loltoonni qacaramanii lolan loltuu idilee hin jedhaman” jedhu.
Itti dabaluunis, baha Yukreen naannoo hidhattoonni to’atan keessatti waggoota saddeetif yeroo loltoonni Yukireen namoota nagaa boombii itti roobsaa turan dhugaa lafa jiru hin gabaasne jechuun BBC komatan.
Waggoota jahaan darbaniif naannoo hidhattootaan to’ataman deemee gabaasuf BBC’n fedhii akka qabuu fi hogganoota hidhattootaa gaafatee eeyyamamoo akka hin taane gaazexeessan BBC Laavroovitti himee ture.
Yukreen duguuggaa sanyii raawwatteetti jechuun Raashiyaan komataa turte.