Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan nageenya Awurooppaaf yaaddoo taate jechuun Naton humna cimsataa jira
Jaarmiyaan humna waraanaa qindoomina biyyoota 30 irraa ijaarame Naton, yaaddoo nageenyaa Raashiyaan addunyaarratti uumaa jirtuuf jecha miseensota isaa kuma 300 oliin ga'uun humna isaa cimsachaa akka jiru ibse.
Jaarmiyaan kun yeroo ammaa miseensota qophii qaban kuma 40 caalan harkaa qaba, hedduunsaanii caasaa jaarmiyichaa baha jiru keessa kan jiraniidha.
Hoogganaan Nato Jens Stoltenberg humna dabaluuf kan sababa ta'e Raashiyaan biyyoota Awurooppaa doorsisuun madda rakkoo nageenyaa hamtuu ta'uusheeti jedhan.
Karoorri humna waraanaa haaraan kun humna ittisaa damee bahaa akkaan kan fooyyessuudha jedhan qondaalli kun.
Gareewwan loltoota jaarmiyichaa Baha Awurooppaa jiran hundi gara sadarkaa birgeedii waraanaatti guddatu kan jedhan Aab Stoltenberg, kunimmoo ergaa humna Raashiyaa dadhabsiisuuf dabarsinuudha jedhan.
''Moskoo, Vilaadmiir Putiin, wabii nageenya waloo keenya kana ni hubata jedheen amana, biyyoota miseensa Nato haleeluun gatii akka nama baasisu ni hubatu,'' jedhan.
''Haalli Raashiyaa miseensonni hundi walta'uun akka deebii kennan kan affeeruudha. Ergaa qophaa'ummaa keenyaa dabarsuuf nutis lakkoofsa loltoota keenyaa naannawa sanatti ni daballa.''
Nato keessatti humni balaa tasaaf hatattamaan deebii kennu humna waraanaa lafoo, galaanarraa fi qilleensaa qaba, humnoonni kunneenis wayita haleellaan mudatu battala warra deebii kennaniidha.
Humni kun bara 2014 keessa miseensota 13,000 irraa gara 40,000tti guddate.
Erga Raashiyaan Yukireen weerartee humni kun ''bifa addaan akka qophaa'u'' taasifamee jira.
Yeroo ammaa loltoonni kunneen garee gareedhaan gurmaa'uun biyyoota daangaa Raashiyaa jiran kanneen akka Latviyaa, Estooniyaa, Litweeniyaa fi Poolaand keessa buufatanii qophaa'anii jiru.
Biyyoota akka Bulgaariyaa, Hangarii, Roomaaniyaa fi Siloovaakiyaa keessattis gareen waraanaa dabalataa ijaaramuuf jira.
Karoorri Aab Stoltenberg ibsan kun kora Nato torbee kana Madriid keessatti gaggeeffamu irratti raggaasifamuuf jedha.
Biyyoonni miseensa Nato waa'ee raashiyaa irratti ejjannoo qaban ni geeddaru, bara 2010 Raashiyaan ''michuu tarsimoo keenya'' jechuun labsanii turan.
Gama biraan qondaaltonni US akkaataan itti Chaayinaa keessummeessani geeddaramuu qaba jechuun ibsaniiru.
US fi UK'n Beejiing biyya dimokiraatawaa of danda'e Taayiwaan haleelte jechuun humna waraanaa Taayiwaan bira dhaabbchuuf akka jiran ibsaniiru.
Qindoominni waraanaa fi humna Nato guddisuun qophii taasisuun erga waraana hololaa (Cold War) as karoora isa guddciah jedhan Aab Stoltenberg.
Nato'n bara 2014 wayita Raashiyaan Crimea weerarte gareewwan loltoota 1,000 of keessaa qaban gara biyyoota Baltic ergee ture.