Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Raashiyaan Yukireen irratti banteen Afrikaan gatii kaffalaa jirti - Zeleniskiin
Pirezidaantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin haasaa Wixataa Gamtaa Afrikaatiif taasisaniin Afrikaanis sababa waraana Yukireenin “uggurmatee” jirti jedhan.
Raashiyaan waraana labsitee al-ergii midhaan Yukireen ugguruu isheetiin hanqinni midhaaniifi xaa’oo lammiilee adddunyaa miliyoonan lakkaa’aman beelaaf saaxilaa jira.
Dursaan Komishinii Gamtaa Afrikaa akka jedhanitti, nageenya addunyaa tasgabbeessuf “mariin hatattamaa akka taasifamu,” jedhamaa ture.
Biyyoonni lixaa Raashiyaan midhaan Yukireen kuufamee jiru akka gadi lakkiftu itti wawwaataniiru.
Uggura midhaanii Raashiyaan taasifte kanaan gatiin nyaataa baay’ee ol ka’ee jira.
"Waraana biyya keenya irratti labsame irraa kan ka’e Afrikaan ni ugguramte, “ jedhan Zeleniskiin haasaa taasisaniin.
Midhaan Buufataalee Doonii Yukireen Bilaak Sii keessatti argaman keessatti kuufamee jiru gadi lakkisiisuf biyyi isaanii “walii galtee wal-xaxaa” gaggeessaa akka turte dubbatan.
Waraanni kun biyya keessan irraa fagaatee waan gaggeeffamaa jiru isinitti fakkaachuu mala.
Garuu gatiin nyaataa humnaa ol dabaluun waraanichi mana lammiilee Afrikaa miliyoonan lakkaa’amanii akka lixu ta’eera,” jechuun AU tti himan.
Zeleniskiin Gamtaa Afrikaatti dubbachuuf erga gaafatee torbee 10 booda kan kaleessa haasaa taasise.
Akka ragaa BBCn argateetti dureewwan biyyoota 55 kora kana irratti karaa marsaa intarneetii akka hirmaatan affeeramanis dureewwan biyyoota afurii qofatu hirmaate; warri kaan bakka bu’oota isaanii hirmaachisan.
Waraana Raashiyaan Yukreen irratti bante ilaalchisee biyoonni Afrikaa yaadan garaa gara hiramanii turan. Ji’a Bitootessaa gaafa guyyaa 17 yeroo Dhabbati Biyyoota Gamtoomanii waraana Raashiyaa Yukreen irratti bante balaaleffachuuf kora waame sana biyyoonni Afrikaa sagalee hin kenning hafan.
Garuu ammoo gaafa Wixataa dura bu’aan Gamtaa Afrikaa Maakii Saal pirezidaantiin Gamatichatti dubbachuu isaanif galateeffataniiru.
“Seeronni idil-addunyaa akka kabajaman, walitti bu’iinsi karaa nagaan akka xumuramu fi mirga daldaalaa akka kabajamu,” jedhu Saal.