Likkitaraa: Gabaa kitaabilee onlaayiniirraa

Madda suuraa, SAMUEL GIZAW
Saamu’el Gizaaw appii Likkitaraa kan jalqabe maatiin ijoolleesaaniif kitaabota barnootaa salphaatti akka argatan taasisuuf ture.
Itoophiyaatti tajaajilli intarneetarraa sababoota addaan ciccituu fi kaaniinis rakkisaa tahus, Likkitaraan waggaa tokko oliif filannoo akka akkaan kitaaba maatiif dhiyeessaa tureera.
Moggaasni maqaa isaatis kaayyoo itti kaheef haala ibsuun, namoota waan fedhan argachuuf bakka yookaan dhaaba itti dhiyaatu jechuudha. Jechi Afaan Amaaraa ‘taraa’ jedhus, dhaaba yookaan bakka akka jechuuti.
Kaayyoon Likkitaraa tajaajiloota akkasii namootaa qaqqabsiisuu erga tahe, isa sirriis tahuu qaba kan jedhu Saamu’el, ‘’Waan sirrii tahe ummataaf wayita dhiyeessinu, fedhiifi gaaffii namootaa qofa osoo hin taane, haala qabatamaa biyyattii yaada keessa galchuuni,’’ jedha.
Akkamiin eegale?
Amma fooyya’aa kan jiru tahus, Itoophiyaatti gahinsi intarneetaa baay‘ee gadaanaadha – sirni kaffaltii onlaayinis sadarkaa jalqabbiirra jira.
Saamu’el Saayinsii Kompiyutaraa fi Bizinasii kan barate oggaa tahu, barnoota barate kanneen dhimmatti bahuuni ‘Likkitaraa’ kan hundeesse.
Kaayyoon ijoo appichaa ''Adda dureen kanneen bitaniifi gurgurtoota walitti fiduudha,’’ jedha.
Likkitaraan dhiyeessa tajaajilaa onlaayinii dabalataan, kanneen intarneeta hin fayyadamneef baafata (kaataaloogii) intarneeta hin barbaadnes qaba. Kanaanis kitaabotaafi geemota dhiyeessa.
Garuu kaayyoosaa kana galmaa’an akka gahuf abdii kan itti hore, aadaa dubbisuu biyyattii keessa jiru dagaagsuu keessatti gaheesaa bahachuu barbaaduusaa tahuu dubbata.
Furmaata maatiif
Maatiiwwan kanneen akka Alaazaar fi Sarkiif appiin kun furmaata akka fideef dubbatu.
Lameen ijoollee lama qaban kun, yeroo hedduusaanii hojiirra kan dabarsan oggaa tahu, yeroo kaan ammo daa’imman kanniin qo’achiisuun, wajjiin taphachuufi dubbisuun dabarsu.
Haatahu malee rakkoon kitabotaafi waan taphootaaf isaan gargaaru salphaatti argachuuf akka rakkatan kaasu.
Amma garuu maatiin kun Likkitaraa gubbaa galmaa’uun fayyadamuu erga eegalanii, wanta ijoolleesaaniif barbaachisu salphumatti argachuu danda’aniiru.
Waan isaan filatanii suuqii dhiyeenyatti argamutti akka isaanii dhufu ajajan, Likkitaraan isaanii geessa. Isaanis sa’aatii 48 keessatti suuqii filatanitti dhaquun, kaffalanii ajajasaanii fudhatu.
Danqaawwan mudatan?

Madda suuraa, SAMUEL GIZAW
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkuma daldaloota hedduu jalqabbiirra jiranii (startups) kaanii, rakkoon Likkitaraas bajatadha jedha Saamu’el. Kunis tajaajilasaanii babal’isuufi beeksisuuf, ogeeyyii dhaabbataan qacaruu, akkasumas hojimaata ammayyaawoo tahan diriirsuuf danqaa itti tahuu kaasa.
Abjuusaa kana milkeessuuf wayita tattaafatu wanti hunduu mijataa akka hinturre kan himu Saamu’el, namoota bajataan isa waliin hojjechuu fedhan argachuun guddoo rakkisaa ture jedha.
Keessaafuu sababa intarneetaan hojiisaa deemsisuuf rakkisaa itti taha jedhamee waan yaadamuuf, dirree kanattti bobba’uuf namni fedhii qabu hinturre,’’ jechuun hojii kana jalqabasiisuuf yeroo akka itti fudhate kaasa.
Saamu’el hojii kana kan jalqabe qarqaarsa Birrii 40,000 dhaabbata ‘Reach for Change Ethiopia’ irraa argateen oggaa tahu, kanaan alatti ofumasaatii tattaafachuun galii argatuun hojii deemsisaa jira.
Likkitaraan ammaaf xiqqoo tahus bakka hojii qaba; dhiyeessitoota kitaabotaa garagaraa, barreessitootaafi wakiilota 30 ol tahan wajjiin hojjechaa jira.
Kanaafis hojjettoota dhaabbiifi yeroo said kan qabu ennaa tahu, tola-ooltota ogummaa isaaniin yeroo adda addaatti qarqaaran 12 qaba.
Kaayyoo gara fuuladuraa
Likkitaraan adeemsaan ennaa guddachaa adeemutti, naannolee biyyattii garagaraa keessa, jiraattota baadiyyaafi magaalaa osoo addaan hin foo’in, kitaabilee barnootaafi dhiyeenyatti argachuu hin dandeenye kaan dhiyeessuuf kaayyeeffateera.
''Haala akka biyyaatti amma keessa jirruun, intarneetaan kanfaltii raawwachuun rakkisaa waan taheef, tajaajila akka Amazon jalqabsiisuun daran rakkisaadha. Akka jalqabbii keenyaa, gara fuuladuraatti carraa Amazon wajjiin hojjechuuf qabnu uumaa deemna.’’
Kunis gulantaan jabaachaafi guddachaa adeemuun, Likkitaraan Itoophiyaa bira dabree biyyoota Afrikaa kaanittillee hojiisaa babal’isuuf galma godhateera.












