Haati warraa Onaanaa karaarratti mi'a birrii miliyoona 7.7 ol baasu akkamiin saamamte?

Haati manaa karra eegaa Maanchister Yuunaayitid meeshaalee gati jabeeyyii tahan birrii miliyoona 7.7 ol baasu saamamte.

Meelaanii Kamayuu haadha warraa Andiree Onaanaati. Mana nyaataa Xaaliyaanii tokko fuulduratti borsaa harkaa biraandii beekamaa fi qaalii tahe Hermes jedhamuu fi sa'aatii harkaa qaalii 'Rolex' jedhamu saamamte.

Qabeenyi haati warraa Onaanaa saamamte doolaara 62,000 baasa. Sa'aatiin harkaa fi borsaan harkaa butanii badan waliigalaan birrii miliyoona 7.7 ol baasa.

Saamichi kun Bitootessa 29 bara 2025 Cheeshaayer, mana nyaataa Xaaliyaanii Saan Kaarloo jedhamu fuulduratti raawwate.

Poolisiin naannichaa nama daandii naannichaa irra jiraatu Liyaam Roos jedhamu shakkuun himatee mana murtiitti dhiyeesseera.

Shakkamaan kun dabalataan daddabarsa baala sammuu hadoochuunis himatameera.

Poolisiin Cheeshaayer shakkamaan kun qabeenyi haadha warraa Onaanaa saamamee guyyaa sadii booda to'atamuu ibse.

Meelaanii Kamayuu yeroo Andiree Onaanaa maanchister Yuunaayitidiif bara 2023 mallatteesse Xaaliyaaniitii gara UK waliin imalte.

Yeroo isheen saamamte kana abbaa warraa ishee dogoggora baay'ee uumuun yerootti ceepha'amaa jirutti ture.

Taphataan internaashinaalaa Kaameeruun Andiree Onaanaa dogogoroota tapha marsaa jalqabaa Maanchister Yuunaayitid Liyoon waliin taasise irratti hojjeteen akka malee qeeqamaa ture.

Ammoo bakka isaa kabachiifachuun leenjisaa Ruuben Amoorimiin filamee tapha itti fufeera.

Haati warraa Onaanaa Modela beekamtuudha. Isa qofa osoo hin taane Faarmaasiidhaan dooktireetii qabdi.

Meelaaniin yeroo jalqabaaf Onaanaa cinatti kan mul'atte yeroo badhaasa Ballon d'Or bara 2019 Onaanaan badhaasa karra eegdota ciccimoof kennamu Yashin Trophy sadarkaa torbaffaan xumure ture.

Yashin Trophy'n badhaasa karra eegdota cicimoo adunyaaf wagga waggaan kennamudha.

lameen isaanii jireenya isaanii icciitiin qabanii turaniiru. Garuu miidiyaa hawwaasaa irratti waa'ee jaalala isaanii suuraa ni maxxansu. Garuu tibbana yeroo saamamte ajandaa taate.

Bara 2023 ji'a Guraandhalaa keessa qubeelaa akka kaa'eef The Sun gabaaseera. Ji'uma sana keessa wal fuudhuun ''ji'a Jaalalaa'' jechuun miidiyaa hawwaasaa ishee irartti barreessaa turuu ibse.

Gabaasaaleen tokko tokko akka eeranitti ilma tokko qabu. Garuu tokkoon isaaniiyyuu waa'ee mucaa isaanii ifatti dubbataniis tahe suuraa maxxansanii hin beekan.

Meelaaniin modela beekamtudha. Dabalata ammoo Ameerikaa Yuunvarsiitii Maasachuset irraa Faarmaasiidhaan dooktireet digirii ishee argatteetti.

Suuraa eebba ishee Inistaagiraamii irratti maxxansuun ''xumura imala bara dheeraa fi jalqabbii imala haaraa'' jettee barreessitee ture.

Faawondeeshinii Andiree Onaanaa deeggarsa namoota harka qalleeyyiif kennu keessattis abbaa warraa ishee waliin hojjetti.