Taphattoonni Maanchister Yuunaayitid Onaanaatti baay'ee 'aaraniiru'

Maanchister Yuunaayitid carraa tokkittii waancaa injifachuuf qabu cimsachuuf tapha Liyoon waliin taasise 2-1'n dursaa turus daqiiqaa xumuraatti balleessaa Andiree Onaanaa hojjeteen galchiin irratti lakkaa'ame.

Yeroo taphattoonnii fi leenjisaan Maan Yuunaayitid injifanneerra jechaa jiranitti karra eegaan kun kubba salphaa galchii isaatti rukutame deebisuu dadhabuu isaa akka isaan boquu buusanii deebi'an isaan taasise.

Andiree Onaanaa galchiiwwan lamaan Liyoon lakkoofsisaniif taphataa itti gaafatamummaa fudhachu qabudha.

Nemaaniyaa Maatich tapaha kana dura Onaanaa akkaan qeeqee ture.

Maatich seenaa Maanchister Yuunaayitid keessatti ''karra eegaa dadhabaa'' ani arge jechuun Onaanaa ibsee ture.

Onaanaan ''maaluma taha afaan koo qabadhee taphadheera tahe jechuun isaa waan hafu miti'' kan jedhe ammoo taphataa duraanii maanchister Yuunaayitid Pool Iskoolsidha.

Erga barri dorgommii 2024-25 jalqabee as balleessaa Onaanaan hojjetuun galchiin Yuunaayitid irratti lakkaa'ame saddet guuteera.

Karra eegaan Piriimer Liigii keessa jiru hanga Onaanaa balleessaa hojjete hin jiru.

Amoorim ji'a sadaasaa darbe leenjisaa Maanchister Yuunaayitid tahuun erga hojii jalqabanii as kilebichi yeroo ulfaataa keessa darbaa akka jiru himaa turan.

Onaanaa ilaalchisee ''yoo bara dorgommii kana ilaalte dogoggora ani hojjedhetu isa taphattonni hojjetan caala'' jedhe.

''Yeroo kanatti waanan Andiree Onaanaa fayyadu dubbadhu hin qabu. Inni guddaan haaluma jiruun itti fufuun waktii yeroon nuuf dhufu taphattoota ciccimoo 11 filachuudha. Garuu Andiree Onaanaa irratti amantaa nan qaba,'' jedhan.

Yuunaayitid tapha deebii Kamisa dhufu Oldi Tiraafoordi irratti Liyoon waliin morkatu.

Hulaa tokkittii Maanchister Yuunaayitid bara dhufu Shaampiyoonsi Liigii galuuf qabu waancaa Awurooppaa Liigii kana mo'achuudha.

Amoorim waa'ee Onaanaa yoo dubbatan ''haaluma kanaan itti fufna. Shaakala hojjechuu, taphoota darban dubbisuu fi taphoota hafan hundaa mo'achuuf taphattoota cicimoo filachuu itti fufna'' jedhan.

Deeggartoonni Yuunaayitid ammoo deebinee Onaanaa dirree keessatti arguu hin barbaannu jechaa jiru.

Taphni Liyonii fi Yuunaayitid akka jalqabeen daqiiqaa 25ffaa irratti Onaanaan kubba Tiyaagoo Almaadaa rukute deebisuu hin dandeenye.

Kubba salphaatti deebi'u tahus Liyoon dursa qabate. Leenii Yooroo galchii isaa jalqabaa fi kan Yuunaayitidiin wal qixxeessitu lakkoofsise.

Jijjiiramee kan gale Jooshoyaa Zirkizee galchii lammaffaa lakkoofsisuun hanga daqiiqaa 95tti dursanis dhumarratti dogoggorri Onaanaa gatii isaan kaffalchiise.

Taphataan sarara gidduu duraanii Ingilaandi Aaron Leenan taphattoonni Yuunaayitid Onaanaatti ''baay'ee aaraniiru'' jedhe.

''Dogogoroota gurguddoo lama'' jechuun ibsan. Akka yaadakootti lamaan isaaniiyyuu deebisuu qaba ture kan jedhe Leenan, har'a Yuunaayitidin gatii baasise jedhe.

Amooriim mataan isaa caalmaa galchii tokkoon gara Oldi Tiraafoorditti deebi'uu qabna ture jedhe.

Garuu ''yeroo taphataan tokko dogogora hojjetu gareen keenya guutuu akka dogogora hojjeteetti ilaalama,'' jedhe Amooriim.

Taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitid, Nemaaniyaa Maatich karra eegaa maanchister Yuunaayitid Andiree Onaanaa ''seenaa kilebichaa keessatti karra eegaa isa baay'ee dadhabaa'' jechuun ibse.

Maatich amma Liyoniif taphachaa kan jiru yoo tahu Awurooppaa Liigiidhaan Maanchister Yuunaayitid waliin morkatu.

Torban darbe Andiree Onaanaa Yuunaayitid kilaba Liyoon caalaa kileba ''fooyyee qabudha'' jedhe.

Kaleessa yeroo miiidyaaleef ibsa kennu Maatich dhimma kana irratti gaafatamee akkas jedhe.

''Beektaa! Ani taphattoota hundayyuu nan kabaja. Erga inni dubatee deebii kennuun dirqama. Yeroo seenaa maanchister Yuunaayitid keessatti karra eegaa isa baay'ee dadhabaa taatu dubbiikeef of eeggachuu qabda.

''Osoo Edwiin Vaan der Saar, Piiter Shimaayikil ykn Deevid De Hiyaatu akkas jedhee dubbateera tahee silaa gadi taa'een of ilaala, ofan gaafadha ture. Garuu waan akkasii yeroo dubbattu waan abdattu tokko qabaachuu qabda'' jedhe.

Maatich, Andiree Onaanaa karra eegaa dadhabaa Maanchisteriiftaphate jechuun ibse.

Maatich Cheelsii irraa gara Maanchister Yuunaayitid dhufee bara 2017-2022 kilebichaaf taphate.