Onaanaan seenaa Maan Yuunaayitid keessatti karra eegaa dadhabaadha- Nemaaniyaa Maatich

Taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitid, Nemaaniyaa Maatich karra eegaa maanchister Yuunaayitid Andiree Onaanaa ''seenaa kilebichaa keessatti karra eegaa isa baay'ee dadhabaa'' jechuun ibse.

Maatich amma Liyoniif taphachaa kan jiru yoo tahu Awurooppaa Liigiidhaan maanchister Yuunaayitid waliin morkatu.

Torban darbe Andiree Onaanaa Yuunaayitid kilaba Liyoon caalaa kileba ''fooyyee qabudha'' jedhe.

Kaleessa yeroo miiidyaaleef ibsa kennu Maatich dhimma kana irratti gaafatamee akkas jedhe.

''Beektaa! Ani taphattoota hundayyuu nan kabaja. Erga inni dubatee deebii kennuun dirqama. Yeroo seenaa maanchister Yuunaayitid keessatti karra eegaa isa baay'ee dadhabaa taatu dubbiikeef of eeggachuu qabda.

''Osoo Edwiin Vaan der Saar, Piiter Shimaayikil ykn Deevid De Hiyaatu akkas jedhee dubbateera tahee silaa gadi taa'een of ilaala, ofan gaafadha ture. Garuu waan akkasii yeroo dubbattu waan abdattu tokko qabaachuu qabda'' jedhe.

Maatich, Andiree Onaanaa karra eegaa dadhabaa Maanchisteriiftaphate jechuun ibse.

Maatich Cheelsii irraa gara Maanchister Yuunaayitid dhufee bara 2017-2022 kilebichaaf taphate.

''Kileba biraa salphisee hin beeku. Hundaaf kabaja qaba. Akka taphni boru qabu ulfaatu ni beekna'' jechuun ergasii Onaanaan fuula Tiwiiterii isaa irratti barreesse.

''Deeggartoota keenya boonsuuf shaakala gahaa hojjechuu irratti xiyyeeffanneerra'' jedhe.

''Yoo xiqqaate ani kileba guddaa adunyaa waliin waliin waancaa mo'adheera. Warri kaan akka isaa kana ana hin jedhan.''

Maatich Maanchister Yuunaayitidiif taphoota 128 irratti hiriiree taphateera.

Sana booda Roomaa fi Reenes keessatti erga dabarsee bara 2024 gara Liyoon deeme.

Waancaa Piriimer Liigii lama Cheelsii waliin, FA CUP fi Karabayoo Kaappii Cheelsiima wlaiin yeroo waggaa afur ture mo'ateera.

Onaanaan bara 2023 paawondii miliyoona 47 caaluun Inter Miilaan irraa gara Maanchister Yuunaayitid dhufe. Waancaa FA Cup mo'achuun taphoota 93 keessaa immoo taphoota 23 osoo galchiin iratti hin lakkaa'amiin xumurera.

Maanchister Yuunaayitid Piriimer Liigii keessaa sadarkaa 13ffaa irra jira. Carraa hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Yuunaayitid qabu yoo waancaa Awurooppaa Liigii kana mo'ate qofaadha.

Yoo waancaa kana argatan bara kufaatii isaanii kana keessa akka milkaa'ina guddaatti ilaalama.

Turtii waggaa 12 booda bara 2023 yeroo Deevid De Hiyaan Yuunaayitidii bahu Andiree Onaanaan dhufe.

De Hiyaan bara dorgommii afur taphataa cimaa waggichaa Maan. Yuunaayitid tahuun filameera.

Yeroo lama ammoo taphoota hedduu irratti osoo galchii irratti hin lakkaa'amiin xumuruun badhaafameera.

Taphoota 147 irratti osoo galchii tokkollee irratti hin lakkaa'amiin xumuruun seenaa Piriimer Liigii keessatti karra eegaa arfaffaadha.

Amma Fiyoorentiinaaf taphataa kan jiru Deevid De Hiyaan walumaagalaan taphoota 545 irraatti hiriiree taphoota 190 irratti osoo galchii irratti hin lakkaa'amiin xumureera.

Isa dura ammoo Maan Yuunaayitidiif kan taphataa ture Edwiin Vaan der Saar ture. Waggaa jaha Yuunaayitid keessa ture.

Piriimer Liigii afur, Shaampiyoonsi Liigii, Karabayoo kaappii lama mo'ateera.

Van de Saar taphoota 266 keessaa 135 irratti galchii hin keessumeessine.