Taphattoonni kilaboota Ingilaand %75 sababa hanqina qulqullinaa dhibee ilkaaniif saaxilamaa jiru- Qorannoo

Taphattoonni reefu guddataa jiran (akkaadaamiin) kilaboota Ingilaand hedduun sababa dhukkuba ilkaanii shaakalarraa hafaa jiru.

Qorannoon dhihoo ifoome akka mul'isutti dhibbeentaan 75 dhibee irga ilkaanii qabu.

Qorannoo kana qorattoota Kolleejjii Yuniversitii Landan- UCL keessa hojjetantu gaggeessan.

Qorattoonni kunneen taphattoota akkaadaamii kilaboota Ingilaand 10 irraa kanneen Piriimer Liigii, Chaampiyoonsi Liigii fi Suppar Liigii dubartootaa taphatan 160 ta'an gaafachuun qorannoo kana gaggeessan.

Bu'aan qorannoo kanaa akka mul'isutti taphattoonni ol-adeemoon dhiironni fi dubartoonni rakkoo caccabuu ilkaanii fi hanqina qulqullina afaanii hamaa qabaachuu mul'isa.

Taphattoonni kunneen namoota umrii walfakkaataarra jiranii fi addunyaa kubbaa miillaan ala jiran caalaa rakkoo kanaaf saaxilamoodha jedha qorannoon kun.

Qorannoo barruu dhimma fayyaa British Medical Journal jedhamurratti maxxanfame namoota qopheessan keessaa kan ta'e Dr Saawul Konvaayisar, rakkoo kana qolachuuf maloota garaagaraa fayyadamuun dirqama ta'uu BBCtti hime.

Barnoota dhimma fayyaa afaanii fi ilkaanii akkasumas waa'ee qulqullinaa cimsuun dirqama ta'uu ibse qorataan kun.

''Ragaan kun carraa gaariidha. Taphattoota rakkoo kanaaf saaxilaman gorsuu fi barsiisuuf bu'uura guddaadha,'' jedhe.

''Kun qaamni ispoortii hoogganu akka tarkaanfii fudhatuuf carraa guddaa ta'a. Hojiin ispoortii rakkoo fayyaa ilkaaniin gufachuu hin qabu. Afaan keenya kutaa qaama keenyaa sirriitti eeggachuu qabnu akka ta'e hubannoon uumamuu qaba.''

Taphattoonni hedduun wayita taphaaf gulaalaman rakkoo dhiiguu ilkaanii fi dhukkubbii irga ilkaanii himachuun leenjiif ba'uu akka hin dandeenye iyyatu.

''Sodaa fi yaaddoon fayyaa akkanaa taphattoota keessa gallaan ga'umsaa fi raawwii kubbaan miillaa barbaadu arguun ni ulfaata,'' jedha qorataan kun.

Ilkaan rigachuun qulqulleeffachuu amaleeffachuu dhabuun, wantoota qabiyyee shukkaaraa heddumminaan qaban soorachuu fi dhugaatiiwwan mi'aawoo hedduu fayyadamuun sababoota rakkoo fayyaa kana taphattootatti fidhan isaan ijoodha.

Qorannoon kun hojiin heddummaachuurraa kan ka'e garmalee dhiphachuun akkasumas asiidiin garaachaa taphattoota mudatu miidhamuu ilkaaniif sababa ijoo ta'uu mul'iseera.

Qorannoon kun rakkoo fayyaa ilkaanii taphattoota umriinsaanii 16-8 gidduu jiran mudatu irratti gaggeeffamuun akkasumas taphattoota dubartootaa hirmaachisuun kan jalqabaati.

Dr Konvaayisar namoota pirofeeshinaalaa addunyaa ispoortii keessatti guddatan irratti rakkoo akkasii arguu baayyee raajeffate.

Taphattoota fayyummaansaani yeroo yeroon sakatta'amurratti burkutaa'uu ilkaanii hamaa akkasii arguun dhugumayyuu raajiidha.

Bu'uura qaorannoo kanaan taphattoota dhibeentaa 76 qofatu guyyaatti yeroo lama ilkaan akka rigatan mirkanaa'e.

Kun taphattoota Ingilaand umriinsaanii waggaa 15 ta'e, kan dhibbeentaan 81 guyyatti yeroo lama ilkaan rigatan, waliin yoo walbira qabamu xiqqadha.

Qorannoon kun taphattoota kunneen keessaa dhibbeentaa 76.8 kan ta'an rakkoo kulkuluu irga ilkaanii- gingivitis jedhamu qabu.

Taphattoonni Ingilaand umriinsaanii waggaa 15 ta'e ammoo dhibbeentaa 40tu rakkoo fayyaa ilkaanii kana qabu.

Rakkoon fayyaa ilkaanii ifatti mul'atuu fi ammatti yaalamuu gaafatu taphattoota dhibbeentaa 31.2 ta'anirratti mul'ateera.

Qorannoon kun akka mirkaneessetti taphattoonni ol-addemoon kunneen mana yaaluu deemanii wal'aansa ga'aa argachuu dhiisanii qorannoo tapha dura taasisan qofarratti hirkatanii miidhamaa jiru.

Shan keessaa tokko waggaa lama keessatti guyyaa tokkollee mana yaalaa ilkaaniitti kan hin ilaalamnedha.

Bu'aan qorannoo amma gaggeeffamee kun kan bara 2016 gaggeeffame faana walfakkaata.

Yeroo sana qorannoon fayyaa ilkaanii taphattoota umriinsaanii waggaa 16-18 ta'erratti gaggeeffame, taphattoonni kunneen ol-adeemtota umriisaaniirra jiranii fi addunyaa kubbaa miillaan ala jiran caalaa harka 10n dhibee ilkaaniif saaxilamoo ta'uu mul'isee ture.

Rakkoon kun ammas kan duraa caalaa hammaateera. Kilaboonni bu'aa qorannoo kanaaf bakka kennuun tarkaanfii fudhachuu akka qaban qorattoonni dhaamaniiru.

Dr Konvaayisar kanaan dura kilabootaaf yaadi kennamus hatattamaan fudhatanii hojiirra oolchuu hin dandeenye jedha.

Amma garuu kilaboonnis ta'e Waldaan Kubbaa miillaa dhimma kana xiyyeeffannaan ilaaluun hojiirra oolchuu qabu jechuun dhaama.

Yaadi furmaataa qorannoon kun kaa'e taphattoonni yeroo hunda dhugaatii anniisaa kennu erga dhuganii booda afaan qulqulleeffachuu akka qabanidha.

Yeroo yeroon hordoffii fayyaa ilkaanii akka taasisanis gorsan qorattoonni.