Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Miila qullaa daandii Biraazil irra taphachuutii hanga Ballon d'Or'f eegamuutti-Raafiinaa
Biraazil ganda harka qalleeyyiin itti heddummatan, jireenyi hawwaasummaa ammoo baay'ee cimaa tahe, daandii Poortoo Aleegiree irratti taphataa guddate.
Daandiin Poortoo Alegiree taphattoota jajjaboo adunyaa hedduu gumaachiteetti.
Jireenya ulfaataa, miilla qullaa taphachuu fi ganda yakki itti heddumatu keessaa bahuun adunyaa kubba miilaa kan abuuran meeqa seetan!
Roonaaldinihoo Goochoo asuma Poortoo Aleegiree keessaa argame. Har'a garuu kan isinitti himu waa'ee taphataa Baarseloonaa bara kana gahumsa guddaa irratti argamuu fi tarii badhaasa Ballon d'Or bara kanaa injifachuu danda'a jedhamee tilmaamamuu Raafiinaati.
Ijoollummaa isaatti baay'ee qal'aa ture. Miila hanxaxii fakkaatan, kubba akka barbaadan kimbilchan sanaan beekama.
Garuu mucaa qal'aan kun akkamiin taphataa kubba miilaa jabaa taha jedhanii kan gaafatan hin dhabamne.
Abbaan isaa meeshaa muuziqaa Diraamii (Dibbee) taphachuun beekama. Kabaja guyyaa dhaloota Roonaaldinihoo Goochoo irratti afeeramuun meeshaa muuziqaa taphateera. Michuu waliis tahaniiru.
Raafiinaan abbaa isaa waliin deemuun taphataa baay'ee dinqiisiifataa guddate irraa gorsa tokko dhagahe.
''Akka ati dandeettii kubbaa guddaa qabdu dhagaheera. Jabaadhu....'' kan jedhu ture.
Kun Raafiinaaf gorsaan oli. Humna guddaa taheeraaf.
Roonaaldinihoon taphataa adunyaa guutuun faarsaa turte tahus gaafa ganda dhaloota isaaniitti deebi'an garuu waan akkanaa hin jiru.
Hundinuu akkuma dur baranitti waliin jiraatu. Namni tokko gandicha keessaa bahee yoo milkaa'e ammoo ittiin dhaadatu, ittiin boonu.
Raafiinaan hawwaasa akkasii kana keessatti dhalatee guddate.
Kaan abdii kutatee araada adda addaan qabameera. Kaan jireenya hiyyummaa keessaa bahuuf tattaafata.
Aadaan hojii tokko ammoo kubba miilaati. Raafinaan kubba miilaan jireenya isaa fi maatii isaa jijjiiruuf yeroo kutatee ka'etti garuu kileboonni biyya isaa isa fudhachuu hin dandeenye.
Ati baay'ee qal'aadha. Kubba miilaaf hin taatu jechuun isa didaa turan.
Akka dandeettii guddaa qabu kileboonni biyya isaa kan argan yeroo dorgommiin gandoota gidduutti gaggeeffamudha. Garuu carraa guddaa hin kennineef.
Abdii kutannaarras gahee ture. Kubba miilaa dhiisee jireenya isaa karaa biraa irra qajeeluuf turte, garuu tasa jijjiirameef.
Dhiyeenya kana ''kubba miilaa yeroo tokko irraa abdii kutadhetu amma sadarkaa guddaatti na geesse,'' jedhe.
Harmeen isaa harka qalleettii tahanis halkanii guyyaa hojjechuun akka inni kubba miilaan milkaa'uuf baay'ee gargaaraa turan.
Miila qullaa daandiirra taphachaa waan guddateef jabeenyas isaaf kenneera.
Garuu kophee argachuun baay'ee itti ulfaata waan taheef harmee fi eessuma isaatu waan danda'an hundaa gochuun akka kopheen bitamuuf gargaaraa turan.
Innis isaan hin qaanessine.
Bu'a bahii hedduu booda kilaba Poorchugaal Avaayi jedhamu tokko gale.
Taphattoonni Biraazil osoo kileboota Awurooppaan hin barbaadamiin dura kileboota biyya isaanii keessatti beekamtii guddaa horatu. Kan Raafiinaa garuu akkas hin turre.
Gahumsa kileboota Awurooppaa amansiisu erga isaaniif mallatteessee argisiisuun dirqama itti tahe.
Gaafa guyyaa dhaloota isaa waggaa 18ffaa magaalaa xiqqoo Filooriyaanoopoolis jedhamtu, Poorchugaal keessatti argamtu tokko keessa qofaa isaa kutaa tokko keessa callisee taa'ee bilbila isaa tuttuqaa ture.
Namni bilbileefis hin jiru. Kilbni akka isa barbaadu odeesses hin jiru.
Garee taphattoota umurii 20 gadii Avaayi keessa osoo taphatuus miidhamee ture. Inumaayyuu sababa kana irraa kan ka'e kubba miilaa irraa abdii kutachuuf xiqqumatu isa hafeera.
Garuu ganda dhaloota isaa Biraazil kan Favellaa jedhamuun beekamu sana yoo yaadatu ammoo du'a caalaa of sodaata.
Tarii hojii hireen uumaa naaf hin kennine keessatti rakkachaan jiraa laata jedhees abbala ture.
Yakka, ajjeechaa, araada .......bakkatti reeffa namaarra tarkaanfachuun mana barumsaatti deemaa turan....tahuu isaa yoo yaadatu achi deebi'uurra Kubba miilaa keessatti aarsaa kaffaluu wayya jedhee amana ture.
Kana gidduutti sagaleen jireenya isaa guutuu jijjiirte tokko dhagahamte. Kan eenyuu seetan! Yeroo hundaa dhala isheef dhaabachuun kan gargaartu, abdii kan irraa hin kutanne sagalee gootittii harmee isaati.
''Akka abdii hin kutanne. Yoo abdii kutatte umuriikee guutuu jireenyuma kanaafi kanaa gadii jiraatta. Kanaaf of qopheessiteettaa?'' jettee waan bakka dhaloota isaanii keessaas dabaltee itti himte.
Gorsa gabaabduu kanatu akka dammaquun jireenya isaa jijjiiruuf humna guddaa taheef.
''Rakkina har'aa keessaa baatee jireenya gaarii ijaaruu yoo barbaadde aarsaa har'a si gaafatau kaffaluuf qophii tahuu qabda. Tahuu baannaan waan hamaa haala keessa jirtuu oliitu si eeggata waan taheef,'' jetteen.
Taphatuma kanatu kunoo har'a Baarseloonaa keessatti gahumsa guddaan leellifamaa jira.
Galchii lakkoofsisuu, kubba mijeessee kennuu, taphattoota sarara ittisaa faallaaf qormaata tahuutii hanga badhaasa Ballon d'Or'f eegamuutti gahe.
Kutannoo, milkaa'uuf fedhii guddaa inni qabu, naamusaa fi jabaatanii hojjechuun beekama.
Bara 2016 yeroo Avaayi keessa taphatu dandeettii isaa arguun kilebni Poorchugaal biraa Vitooriyaa Gumaaresh mallattesise.
Yeroos umuriin isaa waggaa 18 ture.
Sana booda Ispoortiingi liisban gale. Achii ammoo kilebni Ingilaandi yeroo sana Piriimer Liigii keessa ture Liidsi Yuunaayitid mallattessise.
Ispoortiingi Liisban keessatti hiriyaa akka obboleessaatti isa gargaaruufi gorsu argate. Dursaa taphattoota Maanchister Yuunaayitid ammaa Buruunoo Fernaandez.
Maatii isaatti aansee namni Raafiinaan yeroo hundaa jajatu yoo jiraate Buruunoodha.
Yeroo Liidsi gales akka tole jedhuuf isa gorsaa ture. Ispportiingi keessatti akkuma gahumsa guddaarra gaheen kilebni Faransaay Reenes isa mallatteesise.
Reenes keessatti gahumsa guddaarra waan gaheef kilebicha akka dorgommii Shaampiyoonsi Liigiif darbuuf gargaareera.
Yeroo kanadha bara 2020 keessa Liidsi Yuunaayitid kan isa mallatteesise.
Liidsi Yuunaayitid keessatti ammoo leenjisaa Maarseelloo Beelsaa argate. Abbaakoo lammaffaa nama naaf tahe jechuun ibsa.
Beekumsi kubba Miilaa Maarseelloo Beelsaa guddaa waan taheef isa irraa hedduu barate. Gahumsi Raafiinaas adunyaatti akka mula'tu taasise.
Cheelsii, Maanchister Yuunaayitid fi Baarseeloonaan dorgommiitti galan. Arsenaalis akkasuma. Baarseloonaan garuu kileba ijoollummaa isaa qabee hawwu ture.
Maaliif yoo jettan taphataa inni hordofaa guddatee fi akka isaa tahuuf hawwuu Roonaaldinihoo Goochoo achi taphataa waan tureef seenaa wal fakkaataa kilebicha keessatti galmeessuu waan barbaaduuf.
Roonaaldinihoon Baarseloonaa yeroo ture badhaasa Ballon d'Or mo'ateera.
Raafiinaan bara kana warra tilmaama injifachuu argatan keessaa tokko.
Garuu bara darbe yeroo Zhaaviin Baarseloonaa leenjisaa ture Raafiinaan akka eegame hin taane ture.
Sadarkaa abdii kutachuun kilebicha keessaa bahuurra gahee ture.
Aadaa kubba miilaa Ispeenitti baruufi taphachuuf dorgommiin itti baay'achuun qormata isa mudatan keessaati.
Lamiin Yaamaal leenjisaa Zhaavii rajeffachiisuu jalqabuun Raafiinaan akka bakka isaa dhabaa deemuuf sababa tahe.
Lameenuu sarara tokko irra taphatu ture. Kanaaf jijjiiramee galuun gara abdii isa kutachiisuutti fide.
Kilebicha keessaa bahuuf yeroo jedhutti ammoo Zhaaviin gaggeeffamuun Haansi Filiik gara Baarseloonaa dhufe.
Haansi Filiik leenjisaa deebisee dandeettii addaa Raafiinaa akka bahu gochuun gahumsa har'a irra jiru irra akka gahuuf sababa tahedha.
Yeroo Baarseloonaa rakkoo baajataaf saaxilames Raafiinaan taphataa gurguramee gatii nuuf baasudha jedhanii waan yaadaniif isa gurguruf turan, Hansi Filiik kana dhaabsise.
Taphoota 76 Baarseloonaaf taphate keessaa jalqaba irratti kan hiriiree taphate taphoota 11 qofaadha.
''Ani nama baay'ee of ceepha'uu baay'isudha. Kana irraa kan ka'e Baarseloonaa gadhiisee bahuuf murteesseen ture,'' jechuun BBCtti hime.
Haansi Filiik erga dhufee haalli taphaa leenjisichaa kan raafiinaaf baay'ee mijatu tahe.
Akka inni ofitti amanamummaa qabaatuu fi bilisa tahee taphatuuf carraa isaaf kenne.
Taphoota 40 irratti qofa galchii 26 fi kubba galchii tahan 19 ammoo mijeessee kenne.
Laaliigaa dursaa jiran irratti gahumsi Raafiinaa adda. Shaampiyoonsi Liigii irratti taphoota Baarseloonaan taphataa kaardii dimaan irratti dhabe akka Benefikaa fa'a irratti galchii lakkoofsisuun kilebichi nuusa xumuraaf akka dhaqqabu taasiseera.
Akkasumas Maark Ter Istegen, Roonaaldi Aruyoo fi Firaanki De Yoongitti aanuun dursaa taphattoota Baarseloonaa tahuun filameera.
Kutaa uffannaa Baarseloonaa keessatti taphataa kabaja guddaa qabudha. Baay'ee hin dubbatu garuu ni dhagahama. Hojiitiin taphataa agarsiisu jedhamee amanama.
Baarseloonaan bara kana waancaa Laaliigaa fi Shaampiyoonsi Liigii kan mo'atu yoo tahe Raafiinaan badhaasa Baallon d'Or mo'achuun isaa waan hafu miti.
Raafiinaan akka taphattoota tokko tokkoo, keessuumaa akka Roonaaldinihoo Goochoo nama mana shuubbisa halkaniirra naannahuu jaalatu miti.
Kubba miilaan booda manatti maatii isaa waliin dabarsuu jaalata. Haadha warraa isaa fi intala isaa waliin dabarsuun adunyaa isaa gara biraati.
Kubba miilaa keessatti milkaa'uuf naamusni bakka guddaa qaba.
Raafiinaan waancaa Adunyaas Biraazil waliin injifachuuf hawwii guddaa qaba.
Waancaa Adunyaa bara 2026 ''ni injifanna, na amanaa,'' jechuun tibbanas dubbataa ture.