Yunivarsiitiin Finfinnee barattoota ulaagaa akkamiin simata ? Warri kaffalachuu hin dandeenye maal godhu?

Yuniversiitiin Finfinnee Caamsaa 25, 2023 Manni-maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaa Yunivarsiitiiwwan akka ofiin of bulchan (Autonomous) labsii dandeessisu raggaasisuu hordofeeti bifa haaraan caaseffama haaraa baafatee qajeeltoo ittiin bulmaataafi karoora baafatee hojiitti kan gale.

Kana hordofuun bara barnootaa A L I 2017 akka kanaan dura barameen barattoota ministeerri barnootaa ramaduun osoo hin taaane ofii isaatiin ulaagaa ofiin baafateen simatee barsiisuuf kan qophaa'e.

Akkuma beekamu Yunivarsiitiin Finfinnee yunivarsiitiiwwan ofiin of bulchan (Autonomous) akka ta’aaniif yaadaman keessaa kan jalqabaa ta’ee warra kaaniif muuxannoo akka qooduuf mootummaatiin murtaa'ee hojiitti galame.

Yunivarsiitiin Finfinnee adeemsa ofiin of bulchuu kana hojiitti hiikuudhaaf bara kana hojii garagaraa hojjechaa turuu kan dubbatan Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Saamu’eel Kifilee, dhaabbata ofiin of danda’u akkamii ta’uu danda’a kan jedhu karoora tarsiimawaa baafatee hojiirra oolmaa isaatiif ammoo seera, imaammataa, akkasumas sanadoota biroo barbaachisaa ta’an waggaa guutuu qopheessaa turuu dubbatu.

Yunivarsiitiin Finfinnee yunivarsiitii qorannoo Afrikaa maqaa guddaa qabu ta’uudhaaf hojjeta kan jedhan Dr. Saamu'eel, kana jechuun ammoo barattoota biyya keessaafi biyya alaarraa filannoowwan garagaraatiin fudhatee barsiisa jedhan.

Akkamiin barattoota simata?

Ibsa qophiifi simannaa barattootaa A LI bara barnootaa 2017 ilaalchisuun kennaniin, tokkoffaa walabummaa akadamii Yunivarsiitichaa lafa qabsiisuuf hojjetama jedhan

Kana jechuun, Yunivarsiitiin Finfinnee biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif imaammataafi ulaagaa mataa isaatiin dorgomsiisee karaa haqa-qabeessa ta’eefi sab-daneessummaa eegeen yunivarsiitii barattoota simatu ta’a jechuuchuun ibsan.

“A L I bara barnootaa 2017 Yunivarsiitii Finfinneetiif barattoonni ministeera barnootaatiin ramadamaniif hin jiraatan. Barattoonni ulaagaa biyyaalessaa ka'umsa ta’e guutan, garuu akkaataa ulaagaa dabalataa Yunivarsiitiin Finfinneefi imaammata baafateen barattoota dorgomsiisee fudhata.”

Barattoota digirii jalqabaafis ta’e isaa oliif gahumsaafi dandeettii ulaagaa madaallii godhee kan simatu yoo ta’u, akka yunivarsiitii ummata biyyattii adda-duree ta’e tokkootti sab-daneessummaafis bakka kenna jedhan Dr. Saamu'eel.

Ulaagaan barattoota simachuuf akka biyyaatti kaa’ame osoo hin cabsiin, ulaagaaofiisaa biroo dabalee ilaaluudhaan simata. Kana jechuun, akka sirna barnootaa amma jirutti barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa dhibba keessaa parsantaa shantamaafi isaa ol fidan dhaabbilee barnootaa biyyattii keessa jiran kam keessattiyyu barachuuf ni hayyamama.

Yunivarsiitii Finfinneetti barachuuf garuu qormaata dabalataa (admission test) Yunivarsiitichi qopheesse fudhachuun dirqma ta’a akka ibsa pirezidaantichatti.

Yunivarsiitiin Finfinnee qophxii ka’umsaa mootummaan dhaabbilee barnootaa seenanii barachuuf kaa’een alatti haala jiru ilaalee ol butee, fakkeenyaaf warra parsantaa jaatama, torbaatama ykn isaa ol ta’e qaban filatee qormaata seensaa ofiin qopheesseef dabarsuu akka danda’u kaasan Pirezidantichi. Kun qabxii wagga waggaan akka biyyaatti keessatti galmeessanirratti hundaa’e gadi bu’uus, ol ba’uus ni danda’a akka ibsa isaaniitti.

Kaayyoo Afrikaa keessatti yunivarsiitii maqaa gaarii horchuuf qabuun barattoota biyyoota olla kan simatu ta’uu kan himan Dr. Saamu’eel, akka barbaachisaa isaatti barattoota biyyoota addunyaa kamirraayyu hanga ulaagaa guutanitti simatee kaffaltaadhaanis ni barsiisa jedhan.

Qormaanni seensaa (addimission test) kan yunivarsiitonni addunyaa baasaniin kan wal fakkaatu ta'uu kan ibsan pirezidaantichi, Yuniverstiitiin Finfinnee ofiin bifa dandeettii waliigalaa (Aptitude test) fakkaatuun gahumsa afaanii, herregaafi waa xiinxaluu barattootaa bifa madaaluu danda'uun ofumaan qopheessuu dubbatu.

Warri kaffalanii barachuu hin dandeenye maal godhu?

Barattoonni ulaagaa guutaniifi qormaata seensaa Yuniversiitichi baasu darban bifa lamaan simatamu.

Barattoonni baasii barnootaasaanii ofiin danda’anii barataniifi mootummaan kaffalee barsiisu jedhamee karaa lamaan ta’a edhu Pirezidantiin Yuniversiitii Finfinnee Dr. Saamu'eel Kifilee.

Barattoota ofiin baasii barnootaa danda’anii barataniifis ta’e kanneen mootummaan kaffalee barsiisus ulaagaan ittiin simataman tokkumadha. Garuu barattoonni ulaagaa guutaniifi qormaata seensaa darbanii kaffalatanii barachuu hin dandeenyeef mootummaan haala ittiin kaffalee barsiisu mijeessa jedhan.

"Barattoonni kaffalatanii barachuu hin dandeenyeef ammoo falli qophaa’e jiraachuu kan kaasan Dr. Saamu’eel, “mootummaan karaa ittiin tumsu (Blocked Grant) jedhamu qopheesseera."

Bara barnootaa 2017 barattoonni Yunivarsiitii Finfinnee galanii barachuudhaaf maaltu akka isaan barbaachisuufi ulaagaan guutuu qaban fuula marsariitii (portal) kanaaf qophaa’e waan jiruuf isarraa odeeffannooguutuu ni argatu.

Galmaa’uudhaafis ta’e qormaata hordofuudhaaf fuulli (portal) odeeffannoo irraa argatankan qophaa’eeruuf yoo ta’u, barattoonni fuula kana seenanii ilaaluu, galmaa’uuf, guyyaa galmee hordofuudhaaf gargaaramuu danda’u.

“Kana gochuusaatiif [barattoota ulaagaa baaseen calalee simachuusaatiin] Yunivarsiitiin bara barnootaa 2017 walabummaa akadamii tokko jedhee jalqaba jechuudha.

[Muuxannoo kun] Yunivarsiitii Finfinneetti tokko jedhee jalqabee yunivarsiitiiwwan biroo keessattis hojimaanni ulaagaan dandeettii qofarratti hundaa’een simatanii barsiisuu akka jiraatu gochuun adeemsa keessa gahumsa ammoo, dorgommiifi barnoota haqa-qabeessa taasisa.

Kun ammoo barattoonni biyya keenya keessatti dandeettiifi fedhiisaaniitiin barachuu akka danda’an godha.”

Kaffalanii barachuu akka hin dandeenye ragaa dhiyeeffachuu...

Tarkaanfiiwwan ijoo mootummaan qulqullina barnootaa mirkaneessuuf dhaabbileen barnootaa ol aanoo keessatti fudhate keessaa tokko akka gara ofiin of danda’anii of bulchiitti (autonomous) ce’an gochuuda.

Inni lamaffaan ammoo naannoo(dhimma) addatti ittiin beekaman qabaachuu yoo ta’u, kan sadaffaa ammoo sagantaan barnootaa yunivarsiitii duraan ture [Freshman programme] akka deebiyee jalqabu gochuudha.

Labsiin yukivarsiitiiwwan akka ofiin of danda’anii of bulchan gochu A L I bara 2015 mana mareetiin baheerra akka ifatti kaa’ametti, dhaabbileen barnootaa olaanoo gara ofiin of danda’anii of bulchuutti yoo ce’an walabummaa akadamiini qabaatu.

Walabummaa akadamii yoo qabaatan ammoo barattoota gahumsa qaban fudhachuu akka danda’an gochuu; barattoonni gahumsa qaban ammoo sababa baasii barnootaatiin carraa akka hin dhabneef mootummaan hojmaata beekamaa ta’een yunivarsiitiiwwaniif baajata waan ramaduuf bifa sanaan keessummeeffamu.

Baasii qooddachuun dhaabbileen barnootaa ol aanoo keessattti jiru waan akkuma jirutti jiruuf, hanga hin jijjiiramnetti warri carraa barnootaa mootummaan kennuun (scholarship) argatan bifa sanaan keessummeefffamu.

Barattoonni ofiin kaffaltii barnootaa danda’anii baratan garuu Yunivarsiitii Finfinneetti kaffalanii keessummeeffamu.

Barattoonni ulaagaa Yunivarsiitii Finfinneetti barachuuf barbaachisan guutaniifi qormaata seensaa Yunivarsiitichi kenne darbanii garuu kaffalatanii barachuu hin dandeenye garuu raga akka humna kaffalanii barachuu hin dandeenye dhiyeeffachuun carraa barnootaa mootummaan kennutti gargaaramu.

Yunivarsiitii Finfinneetti A L I bara barnootaa 2017tti barattoota digirii jalqabaan lakkofsa kanaan dura wagga waggaan simaurraa gadi buusuu fedhii akka hin qabne kan kaasan Dr. Saamu’eel Kifilee, humna keessummeessuu amma qabuun waggaatti barattoota 4,500 hanga 5,000 simachuu akka danda’an eeraniiru.

“Qophiifi bu’uuraalee barattoota hanga kana simachuu dandeenyu ni qabna. Barnoota digirii jalqabaa ol jiraniin, kana jechuun digirii lamaffaafi sadaffaatiin (maastersiifi PHD) kaayyoo Afrikaa keessatti yunivarsiitii qorannootiin maqaa gaarii qabu ta’uu qabna jennee hojjechaa jirruun lakkoofsi barattootaa dhufanii baayyee ta'uu waan danda’uuf ol kaasnee fudhachuu dandeenya,” jedhan Dr. Saamu'eel.