Yunivarsiiwwan akka ofiin of bulchu gochuun maaliif barbaachise?

Manni-maree Bakka Bu’oota Ummataa Itoophiyaa baatii Caamsaa 25, 2023 keessa ture Yunivarsiitiiwwan ofiin of bulchan labsii dandeessisuu kan sagalee caalmaan raggaasiseera.

Yunivarsiitiin ofiin of bulchuu ykn ‘autonomous’ ta’e kan akkamiiti? Labsiin yunivarsiitii ofiin of bulchu (autonomous) hundeessuuf bahe kun maal milkeessuuf?

Walitti-qabaan Koree Dhaabbii Dhimma Ramaddii Humna Namaafi Tekinooloojii Nagarii Leenchoo (PhD) labsiin kun dhaabbileen barnoota olaanoo guddina biyyaaf gahee guddaa gumaachan, akkasumas tekinooloojiin, kalaqaafi qorannootiin humna namaa gahoome horachuuf hojjetan ijaaruu kan dandeessisudha jedhan.

Yunivarsiitii ofiin of bulchu jechuun maali?

Doktor Nagariin dhimma kana BBC'f akka ibsanitti, Yunivarsiitii ofiin of bulchu jechuun wallaba ta’ee hojiiwwan isaa guyyuu, sirna barnootaafi sagantaalee akadamii kanneen akka qorannoofi qu’annii isaa hojjechuu danda’uu jechuudha.

Kana jechuun, humna namaa dorgomaa ta’e qacarachuun, madda galii ofii qabaachuuf hojiifi daldala gara garaattillee bobba’uu ni danda’a jechuudha.

Dhimmoota akadaamii isaarratti, oppereeshinii isaarratti, akkasumas dhimma faayinaansiifi hojjetoota isaarratti walabummaa qabaatus ykn ‘autonomous’ ta’us garuu yunivarsiitii uummataa ykn mootummaa ta’ee kan itti fufudha jedhu Dr. Nagariin.

Silas yunivarsiitiin sadarkaa biyyaatti qofa osoo hin taane sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuti irra jiraata kan jedhan aanga’aan kun, labsiin kun yunivarsiitonni addunyaa keessatti dorgomoo akka isaan taasisu ibsu.

Yunivarsiitiin tokko dorgomaa ta’uudhaaf bilisummaan hojii isaa hojjechuu danda’uun murteessaadha kan jedhan Dr. Nagariin, baruufi barsiisuu irratti, qorannoofi qo’annoo adda, addaa gaggeessurratti, akkasumas ammoo jireenya hawaasaa keessa jiru jijjiiruuf hojiiwwan isaa bilisaan hojjechuu danda’uurratti labsii akkasii kun barbaachisaa ta’uu himu.

“[Yunivarsiitiin ofiin of bulchu ykn bilsa jedhame tokko] galii mataa isaa galchuu danda’uurratti, galii argate sana bulchuu danda’uurratti, hojjetoota, barsiisotaafi qorattoota ammoo bu’aa isaan argamsiisaniin miindaa isaanii murteessuu akka danda’u; hogantoota isaa dandeettiiratti hundaa’ee filachuu kan danda’u jechuudha.”

Labsiin kun bu'aa maal qaba?

Yunivarsiitonni yoo ofii isaanii galii sassaabbatu ta’e haala qabatamaa biyyaatiin, keessumaa barattoonni baadiyyaafi harka qalleeyyii kaffalanii barachuu hin dandeenye yunivarsiitota akkasii kana keessatti barachuuf carraa isaanii jalaa hin dhiphatuu? Labsichi yaaddoo kana akkamiin ilaale?

Ofiin of buchii gaafa jedhamu namoonni waan akka dhaabbata dhuunfaa ta’ee kaffaltii qofaan barsiisuufi mootummaan baajata hin kennineefiitti ilaaluu akka hin qabne ibsu Dr. Nagariin.

Yunivarsiitiin ofiin of bulcha ykn ‘autonomous’ ta’a jechuun kan warra qabeenya qabanii duwwaa ta’a jechuun sirrii akka hin taane kan ibsan aanga’aan kun, akka kanaan duraa ta’uu baatus mootummaan baajata ramaduufiif itti fufa jedhu.

“Barattoonni dandeettii qabaatanii ulaagaa yunivarsiitiin sun baasu guutanii darbanii jennaan yoo kaffaluu hin danda’an ta’e mootummaan akkaataa ittiin kaffaluufiif danda’u qajeelfama diriirsee isaaniif kaffalee isaan barsiisa kan jedhu labsii kana keessatti kaa’amee jira.”

Kana malees, akkaataadhuma muuxannoo biyyoota biraatiin carraa barnootaa ykn iskoolaarshippii kennuus danda’u yunivarsiitiiwwan. Ofiin of bulchuu keessatti ammoo carraa hojii gara garaa uumuullee waan qabaatuuf barattoonni akka hojjechaa baratanis gochuun akka danda’amu kaasu Dr. Nagariin.

Akka aanga’aan kun jedhanitti, galiin yunivarsiitii tokkoo kan barattoota irraa sassaaban qofaa ta’uu hin qabu.

Yunivarsiitonni ofiin of bulchinaan daldala dabalatee hojii gara garaa keessatti hirmaachuuf akkaataa labsii kanaan hiree waan argataniif madda galii gara garaa maddisiisuun warra kaffalanii barachuu hin dandeenye karaa ittiin gargaaruu danda’u faluu danda’a.

Yunivarsiitiiwwan gara ofiin of bulchuutti ce’uudhaaf kaadhimmatamaniiru jiruu kan jedhu kan gaafataman Dr. Nagariin, sadarkaa jalqabaatiin Yunivarsiitii Finfinnee gara ofiin of bulchuutti ceesisuudhaaf qophiin jalqabuu himan.

Yunivarsiitiiwwn hundatu al takkaatti ofiin akka of bulchan taasifamamiti kan jedhan Dr. Nagariin, ulaagaaleen kaa’amaniif waan jiraniif isaan guuttachuu akka feesisu ibsan.

“Fakkeenyaaf, galii kan qaban ykn gara fuula duraatti ammoo galii maddisiisuudhaaf humna kan qaban ta’uu qabu. Wanti yunivarsiitiin sun hojjechaa jirus faayidaa biyyaatiif gahee ol aanaa qabaachuun isaas ni ilaalama.

Kana malees, bulchiinsi isaa, mul’ata inni qabu, hawaasa keessattillee hojii inni hojjechaa ture kanneen jedhaman ilaalamanii gara sanatti deemama,” jechuun ulaagaa ittiin yunivarsiitiin tokko ofiin of bulchu ykn autonomous’ ta’u kaasu.

Walumaa galatti mul’anni jiru mootummaan dhaabbileen bilisa ta’anii of danda’anii biyyas guddisuu danda’uu qabu jedhee yaada waan ta’eef isarratti hundaa’ee kan ta’edha jedhan Dr Nagariin.

“Dhaabbileen bilisa ta’an, kan mootummaa waliin jijjiiraman osoo hin taane, dhaabbileen paartiin tokko yeroo jijjiiramu duukaa jijjiiramu osoo hin taane; dhaabbilee cimaniibiyya kana gara fuula duraatti deemsisuu danda’an ijaaruun nurra jira jedhamee rifoormii qabatameejiru keessaa isa tokkodha.”