Dubartootaafi Barnoota: 'Dubartoonni milkaa'ina xixiqqaan dhaabbachuu hin qaban'- Ubaa Aadam (PhD)

Dhaabbilee barnoota ol'aanoo Itoophiyaa keessatti dubartoonni sadarkaa hoggansa olaanoorratti argaman lakkoofsaan baay'ee xiqqaadha.

Keessattuu sadarkaa pireezidaantummaa yuunivarsitootaatti dubartoonni muudaman hedduu xiqqoodha.

Haata'u malee, yuunivarsiitonni biyyattii keessa jiran lama--Yuunivarsiitii Maqaleefi Yuuinvarsiitii Dirree Dawaa--gidduu kana pireezidaantota dubartootaa argataniiru.

Isaan keessaa kan dhiyeenya Pireezidaantii Yuunivarsitii Dirree Dawaatti ta'an seenaa isaanii, bu'aa ba'ii keessa darban, gaggeessummaafi dubartummaa maal akka ta'eefi dhimmoota biroo irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

Pireezidaantiin Yuunvarsitii Dirree Dawaa eenyu?

Pireezidaantiin haaraa Yuunivarsiitii Dirree Dawaa kun maqaa isaaniin eegaluun akka itti aanu kanaan seenaa isaanii ibsu.

Maqaan kiyya Ubaa Aadam jedhama. Godina Harargee Lixaa magaalaa Machaaratti dhaladheen guddadhe. Barnoota kiyya sadarkaa jalqabaa magaalaa Machaaraatti baradhee xumure, barnoota sadarkaa lammaffaa ammoo magaalaa Galamsootti baradheen xumure.

Qormaata Kutaa 12ffaatti qabxii ol'aanaa galmeessuun Yuunivarsiitii Finfinneetti Muummee Saayinsii Hawaasaatti ramadame.

Barnoota sadarkaa lammaffaa yeroon barataa turtetti barattuu Saayinsii Uumamaan ture. Ta'us garuu yeroon yunvarsiitti ramadamu Muummee Barnootaa Ikoonomiksiifi Biizinasii barachuu ture fedhiin kiyya.

Yeroos biyyattii keessatti yunivarsiitileen jiran saddeeti qofaa turan. Anis Yunivarsiitii Finfinnee filannoo saddeetaffaarrattin guute.

Fedhii kiyya kan ture yuunivarsiitiiwwaniifi muummee barnootaa tokkoo hamma sadiitti guute akka na gahuuf ture. Yeroos muummeen barnootaa barachaa ture fedhii kiyyaan ala waan tureef barnootas haalaan hin hordofu ture.

Qabxiin kiyya seemisteera duraa gadi aanaa waan tureef erga seemisteera tokkoffaa baradhee booda wiizdiroo guuteen gara maatii kiyyaatti deebi'ee.

Waggaa itti aanuu Yuunivarsiitii Siivil Sarviisitti qormaata seensaa qoramee waan darbeef; achirraa Muummee Barnootaa Akkaawuntiingiin digirii jalqabaatiin eebbifame.

Digirii lammaffaa kiyya Muummee Barnootaa 'Business Administration' biyya Indiyaatti Seenteraal Yuunivarsiitii Oof Hayibarwaat jedhamuttin baradhe. Digirii sadaffaas achuma biyya Indiyaatti Yunvarsiitii Haandiraatti xumure.

Attamiin Yunivarsiitii Dirree Dawaatti makaman?

Erga digirii lammaffaa kiyya xumuree booda magaalaa Jigjigaatti Biiroo Qonnaa keessatti piroojektii Ifaa jedhamu keessatti oggummaa Akkaawuntaantii naannoo (regional accountant) ta'ee hojjachaa ture.

ALItti bara 1999'tti Yuunivarsiitiin Dirree Dawaa namoota barbaadaa ture waan ta'eef boordiin Yuunivarsiitichaa na gaafannaan achi gale.

Achittis pireezidaantii itti aantuu Misooma Bulchiinsaa (Administration Development) fi barsiistuu ta'een hojii eegale.

Yuuinvarsitii Dirree Dawaa kanan dhufee digirii sadaffaa kiyya baradhee waraqaa eebbaa kiyya erga galchee ture. Yeroo sanitti dippaartimantiin keenya digirii lammaffaa barsiisuu eegalee waan tureef achumatti hojiitti deebi'e.

A L I bara 2010'tti itti aantuu pireezidaantii ta'ee osoo hojjachaa jiruti, gitni hojii Dhimmoota Akkaadaamiksii (Academic Affairs) irratti beeksisni waan baheef itti aantuu Dhimmoota Akkaamdaamiksii ta'ee waggaa tokkoofi ji'oota jahaaf hojjachaa kan ture.

Achi booda rakkina Yuunivarsiiticha keessatti mudateen tarkaanfii pireezidaantiifi hooggantoota biroorratti fudhatameen pireezidaantii yeroo (Acting president) ta'ee ji'oota saddeetiif hojjadheera.

Bakki pireezidaantummaa banaa waan tureef beeksifni baanaan dorgomee pireezidaantii guutuu Yunvarsiitichaa ta'ee muudame.

Dhimmi biroo pireezidaantii akkan ta'uuf sababa anaaf ta'e wanta bara darbe mudateedha. Gama biraatiin Yunvarsiiticha keessatti waggoota baay'ee waan tureefi fedhii Yunvarsiiticha jijjiiruuf qaburraa kan dhufedha.

Yeroon dorgommicha mo'achuu kiyya dhagahu baay'ee gammade.

Yeroo ani gara hooggansa Yuunivarsiitichatti dhufu Yuunivarsiitichi rakkoo guddaa keessa ture. Yeroo sanitti haala jiru sirreessuuf qophii guddaa taasisutu nurraa eegama ture.

Yeroo sanittis barattoonnis gara manasaanitti deebi'anii ture. Rakkoo kana furuuf hooggantoota ana waliinii jiraniifi hawaasa yunvarsiiti waliin ta'uun hojii guddaa hojjachaa turre.

Nutis hojii jabaannee hojjanneen barattoonnis gara barnootasaanitti deebisnee turre ta'us garuu ammatti sababa Covid-19n barnoonni waan hin jirreef barattoonnis maatiisaanii bira jiru.

Ammas erga weerarri Covid-19 uumamee boodas akka barattoonni keenya barnootatti deebi'aniif hojii guddaa hojjachaa jirra.

Itti-gaafatamummaa maatiifi hojii yuunivarsiitii

Ani pireezidaantii Yuuinvarsiitii Dirree Dawaa haata'u malee, haadha ijoollee sadiitis. Ijoolleen kiyya ammatti guddataniiru waan ta'eef manatti baay'ee hin rakkadhu.

Manatti abbaan warraa haadha warraasaa gargaara ta'us hojiileen haadha warraa eeggatan ni jiraatu. Yeroo hunda ammoo manattillee hin rakkattu waan ta'eef itti-gaafatamummaa manaafi hojii waajjiraas walsimsisaan hojjadha.

Mana keessatti wanti hundi akka haadhatti hin hojjatamu; gama waajjiraanis ati hooggantuu taatee wanti hundi akka keetti sii hin hojjatamu.

Kanaafuu itti-gaafatamummaa gama lamaaniinuu jiru wal maddiitti ofuun ni danda'ama.

Itoophiyaa keessatti yeroo baay'ee dubartoota hoggansa dhaabbilee barnoota ol'aanoo irratti hin mul'atan, kanaaf ammoo wantoonni sababa ta'an heddutu jiru.

Tokkoffaan, dubartoonni haala mijaawaa (comfort zone) keessa jiran keessaa bahuu hin barbaadan yookiin hojii ofitti baay'isuu hin fedhan.

Dhaabileen barnoota ol'aanoo of keessatti tajaajiloota akka ciisichaa, nyaataa, fayyaa barattootaa, baruufi barsiisuu, qorannoo, tajaajila hawaasaafi isaan kaan of keessatti qabata, inni ammoo hojii bal'aadha waan ta'eef jabina gaafata.

Ani akka kiyyaatti, itti-gaafatamummaa kanneen irraa of fageessuutu mul'ata jedha.

Yunvarsiitii keessatti barsiistuu/saa ta'uun hagas mara hin ulfaatu, waan barsiisturratti qophooftee dhaqxee barsiistee ofirraa galta.

Hojii hooggansaa keessatti garuu hojii heddutu si eeggata waan ta'ee, keessumaayyuu dubartoonni itti-gaafatamummaa kanarraa fedhii yookiin hamilee waan hin qabneef ni dheessu.

Gama biraatiin ilaalchi hawaasa keessa jiru sababa isa biraati. Dhiironni hamilee dubartootaa cabsanillee ni jiru. Kun akkuma jirutti jabaatanii dandeettii ofii mul'isuun barbaachisaadha.

Karoora gara fuulduraafi dhaamsa

Ani yeroo ammaatti Yunvarsiitii Dirree Dhawaa keessatti Gargaartuu Piroofeesaraati, kaayyoon kiyyas hojiillee qorannoo adda addaa hojjadhee piroofeesara guutuu ta'uudha.

Yeroo dheeraaf pireezidaantii ta'ee itti fufuuf karoora hin qabu. Gama baruufi barsiistutti deebi'ee, qorannoo hojjadhee itti fufuun barbaada.

Dubartoonni hojiinsaanii ifa bahee beekamtii argachuu baatullee hojiinsaan hojjatan kan laakka'amu miti.

Dubartoonni hojiilee adda addaa keessatti hirmaatan bakka wayii yoo gahan, wanni argatan sun na gaha jedhanii dhaabbachuu hin qaban.

Nuti dubartoonni yoo cimnee hojjanne rakkoo hawaasaa hedduu hiikuu dandeenya. Ani akka kiyyaatti dubartii dhiiraa ol hojjachuu dandeetti jedheen amana.

Dubartoonni wantoonni xixiqqoon argatan nu gaha jedhanii waan guddaa kaayyeffachuufi hojjachuurraa of qusachuu hin qaban.

Itt- gaafatamummaa maatiifi waajjiraallee wal maddii oofaa kaayyoo kaayyeffanne galmaan gahuu waan dandeenyuuf waan xixiqqaadhaan kun nuuf gaha jennee dhaabbachuu hin qabnu.