Isheen Eenyu 27: Dubartii hidhaan Afaan Oromoofi muuziqaa Oromoorraa duubatti hin deebisne

Aadde Makkiyaa Abdullaahii fedhii fi dandeettii walaloo barreessuu ijoollummaarraa qaban waan tureef aartistoota hedduuf walaloo muuziqaa barreessanii kennaniiru.

Anagfticha muuziqaa Oromoo Alii Birraa hanga ilma isaanii Leencoo Abdishikuur - artiistota hedduuf walaloo gumaachanii jiru.

Keessummaa keenya 'Isheen Eenyu?' torba kanaati. Dhiyaadhaa!

Maqaan koo Makkiyaa Abdullaahii jedhama. Magaalaa Dirree Dhawaa ganda Dachaatuutti dhaladhe. Guddinni kiyya Laga Harreetti.

Yeroo umuriin kiyya barnootaaf gahu kallattiidhaan barnoota amantii Islaamaa, Afaan Arabaa fi Quraana barachuu jalqabe.

Boodarra mana barumsaa Jadiidaa jedhamtutti barnoota kutaa tokkoffaa jalqabe. Yeroo sanitti barnoonni sadarkaa tokkoffaa hanga kutaa 6 ture.

Anis barnoota sadarkaa tokkoffaa 1-6, sadarkaa lammaffaas 7-12’tti achumatti baradhee xumure.

Barnoota sadarkaa tokkoffaa hanga lammaffaa baradhee xumuruuf waggaa saddeet qofa natti fudhate. Sababni isaas yeroo sanitti barattuu cimtuu waan tureef yeroo kutaa keessatti qabxii olaanaa galmeessiftu seemisteera irratti barsiisonni gara kutaa itti aanutti akka darbu na godhaa turan.

Barnoota sadarkaa ol’aanaa barnoota fagootiin gosa barnoota Afaan Oromootiin Koolleejjii Haramaayaa irraa dippiloomaadhaan eebbifame.

Hojii barsiisummaa fi walaloo barreessuu waggoota hedduuf eega hojjadhee booda waggoota 17 dura carraa gara biyya alaa deemuu argadheen ammatti biyya Jarman jiraadha.

Hojii barsiisummaa

Eega barnoota dippiloomaa kiyya eebbifame booda Dirree Dhawaatti barsiistuu Afaan Oromoo ta’ee hojjachuu jalqabe.

Barsiisummaa eegalu kiyya dura Finfinneetti leenjii leenjistootaa fudhee ture. Yeroos leenjii kana Dirree Dhawaarraa nu nama shan turre, isaan keessaa dubartiin ana qofa ture.

Achis eega leenjii san xumurree booda nutis deebinee gosa leenjii fudhanneen namoota biroof leenjii kennineef.

Anii fi hiriyyoonni kiyya waliin ta’uun Dirree Dhawaa fi naannawa isheetti Afaan Oromoo barsiisuu itti fufne.

Boodarras namoota umurii fi sadarkaa adda addaarratti argamiiniif barnoota Afaan Oromoo barsiisaa ture. Eega leenjii ani Finfinneetti leenji’ee dhufe san namoota biroo leenjise booda namoota daldala jimaarratti hirmaatan ni barsiisa ture.

Isaaniis ‘Ergitoota jimaa laga Raammis’ jedhamu fedhii Afaan Oromoo barachuu waan qaban tureef isaanis barsiisaa ture.

Barattoota Afaan Oromoo nu biratti baratan marsaa jahaan eebbisiisneerra. Anis ofii kiyya meeshaalee barnootasaaniirratti isaan gargaaran qopheessee mana kitaabaaf, namoota dhuunfaa fi barattootaa kennaa ture.

Dabalataanis Afaan Oromoo guddisuufis sagantaalee adda addaa ni qopheessina ture. Ummata keenyas dammaqsuuf do’ii garagaraa qopheessaa turre.

Afaan Oromoo waan barsiisneef hidhamaa turre…

Yeroo nuti Afaan Oromoo barsiisnu sanitti namoonni adda addaa gama maallaqaan, yaadaa fi wantoota adda addaatiin nu gargaaru turan.

Akkasumas namoonni hojii hojjannurratti gammachuu hin qabne jiru turan. Isaan manneen barnootaa deemuudhaan barnoonni laattan ijoolleetti ulfaateera jechuun akka hin baranne dhoorkaa turan.

Nutis maanguddoo hawaasaa keessaa qabna waan tureef yeroo rakkinni akkanaa dhufu isaanitti himanna ture.

Maanguddoon sunneenis barsiisonni kunneen homaa hin goone, isaan akka ijoolleen keenya eenyummaa fi afaan isaanii baratan gargaaran malee jedhaa nu deeggaraa turan.

Hawaasnis 'nuti barnoonni isin kennitan kun fuuldura ijoollee keenyaaf faayidaa akka qabu hin beekne ture, isaantu akka hin baranne dhorkaa waan nuun jedhaniif dhorkine' jedhee ijoolleesaa barnoota akka itti fufu godhaa ture.

Yeroo tokko qormaata barattootaaf kennu keessatti Finfinnee jedhee gaaffii waan baaseef daayirektarri mana baruumsaa natti dubbateera.

‘Ka mach wodii naw Finfinnee yehonawu? Addiisaabaa naw injii, baxaam chakuulashaal’ naan jedhe.

Durarratti barsiistota keessaa qabxii gaarii qaba ture. Sababa kanaan daayirektarichi hanga qabxii kiyya na jalaa hir’isutti gahe.

Innis kana goote san goote jedhee natti dubbata ture. Dhumarratti ati Galaasaa Dilbooti naan jedhe namichi sun. Kanarraa kan ka’e guyyoota muraasaa hanga ji’oota heddutti hidhaadhaaf saaxilamne.

Kunis bara 1995 A.L.A, 1996 fi 98 keessatti sababoota adda addaatiif hidhaa turre.

Walaloo barreessuu

Walaloo barreessuu ijoollummaarraa jalqabe. Afaan Oromootinis Afaan Amaaraatiinis ni barreessa ture. Yeroo ijoollummaa sanitti Afaan Oromoo baay’innaan namoonni waan itti hin fayyadamneef Afaan Amaaraatiin barreessa ture.

Booda eega Afaan Oromoo bal’innaan itti fayyadamuun jalqabame booda hamma ammaatti Afaan Oromootiin barreessa.

Walaloo muuziqaa itti yaadee miti kan barreessu. Akkuma yaadni isaa naa dhufetti barreessee aartistootaaf kenna.

Walaloo muuziqaa jalqabarratti aartisti Haloo Daawweedhaaf kenne. Ijoolleen kiyya lamaan Leencoo fi Elemoo Abdiishakuur aartistoota waan ta’aniif isaanifis ni kenna.

Isaaniin alatti aartistoota Oromoo akka Alii Birraa, Muktaar Adeeroo, Habtaamuu Lamuu, Haloo Daawwee, Amartii Taammiruu, Umar Ziyaad fi kkf walaloo barreessee kenneeraaf.

Sirbi Alii Birraa isa: Anis biyyaan qaba Biyya biyya caaltuu Biyyakoo Oromiyaa kan Uumaan badhatee Biyya gootoowwanii….

Jireenya kiyya keessatti jabinni kiyya obsa qabaachuu, barreeffamarratti, waan baradhes dafee hin irraanfadhu. Dabalataanis ijoollee sagal dahee torba haala gaariidhaan guddisuun kun ciminnaa fi obsa qabaachuurraati.

Walaloo barreessuu fi barsiisummaa jaalladheeti kan hojjataa ture. Yeroo barsiistuu ture san ijoolleen akka aadaa, afaanii fi eenyummaasaanii beekanii guddatan godhuu keessa qooda fudhachuu kiyyaan baay’ee gammada.

Dhimma ummata kanaa keessatti hamma danda’e bu’aa buusuu kiyyatti gammachuu guddoo qaba.

Walaloo barreessuu keessattillee akkasuma gammachuu qaba. Miira kiyya kan gammachuu, gaddaa, jaalala biyyaa fi dhimmota adda addaarratti barreesse waan ta’eef baay’ee itti gammada.

Jechoonni walaloo keessatti dhukaa fi lafee qabaattee aarii naa baastu baay’ee jaalladha.

Walaloo aartistoota kenne keessaa isa Alii Birraa sirbe san baay’ee jaalladha. Walaloon sun anaaf hiika addaa qaba.

Gara fuulduratti amantii kiyyarratti xiyyeeffadhee jiraachuu barbaada.

Dubartoonni of tuffachuu hin qaban. Isaanis jabinnaan waan isaanii tolu, hawaasaa toluu fi biyyaa tolu hamma danda’anitti hojjachuu qabu.

Dabalataaniis hojiilee yeroo waliin deemu keessatti hirmaachuu qabu.