Isheen Eenyu 18: 'Guyyaa tokkotti gudeedamee garaatti na hafe, HIV'nis qabame'

Seenaa dubartii Oromoo guyyaa hojii barbaacha baate, nama hojii ishee qacarsiisuuf waadaa seeneen gudeedamtu dubbattuufi bu'aa bahii hedduu keessa dabarte waliin walbaraa.

Godina Wallagga Lixaatti kan dhalatte Mooneet (nageenyasheef jecha maqaan jijjiirameera) akkaataan guddinashee haala mijataa keessatti hin turre.

"Haatikoo abbaa malee nuguddifte. Qoraan gurgurtee rakkoo meeqa dandeessee nu guddiste. Gaafa humna isheetii ol ta'u ana namaaf na kennitee mana namaattin baradhee guddadhe" jetti.

Barumsashees manuma namaa hojjechaa kutaa 12 xumurte.

Qabxii gaarii waan hin arganneefis bara 2007 mana namaa kana dhiistee hojii humnaas ta'u hojjechaa, barumsa ishee itti fufuu fi harmeeshee hiyyummaan miila qabe gargaaruuf imala jalqabde.

Magaalli isheen hojjechaa barachuufi wal'aansoo jireenyaa itti mo'achuuf filatte ammoo Bishooftuu ture.

Magaalli Bishooftuu ammoo akka jireenya baadiyyaa Najjoo kan isheen keessatti guddatteen walfakkaataa ta'uu dhabuun bakka mucucoon jireenyaa itti ishee jalqabe ta'uu yaadatti Mooneet.

"Yeroos haala jireenya magaalaa kanaa hin beeku. Afaan wallaaluunis rakkoo biraati. Kanaaf namoota waliin akkan barbaadetti walqunnamee hojii argachuuf na rakkise" jetti.

Taateen Bishooftuutti guyyaa tokko ishee mudate garuu jireenyashee kallattii isheen hin yaannetti kan oofe abdis kan kutachiisu ture.

"Ani bilbila haasa'aan karaarra deema ture. Namoonni sadii natti dhufanii na dubbisan. Afaan Oromootiin na dubbisnaan nan gammade. Anis rakkoo kiyya ittan hime.

Isaan keessaa inni tokko hogganaa dhaabbata wayii akka ta'eefi akka naqacaru waadaa naaf seene" jetti.

Waan baay'ee erga haasofsiisaniin booda gulantaan itti aanu adeemsa qacarrii fakkaatu gaggeessuudhaaf gara bakka 'waaajjira' jedhameetti isaan waliin imalte.

Mooneet ragaalee barnootaashee qabattee deemaa waan turteef yeroosuma adeemsa qacarrii raawwachuu akka danda'amuu fi namni sin qacara jedhuun kunis chaappaa adda addaa qabatee waan jiruuf adeemsichi shakkuufillee hedduu kan nama dhibu hin turre jetti.

"Namoonni kuni sadii waan ta'aniif ani keessi kiyya shakkii hin godhanne. Namoonni lamaan akkuma kiyya akka hojii qaxaramuuf deemaniitti kan wajjin bakka waajjira jedhame deemne.

''Animmoo namni afaan ani danda'u haasa'u naqunnamuusaatiif isaan argachuukootti baayyeen gammade," jechuun himti.

Qe'een ishee fuudhanii deeman kuni mooraa bal'aa kan waajjiras, mana jireenyaas hin fakkaanne, kan namnuu waan keessa jiraatu hin fakkaanne ta'uu yaadatti.

Hanga yoonaatti Mooneet gochi kuni kiyyootti akka ishee dhiheessaa jiru shakkuu hin dandeenye. Diraamaan taatota sadaniin hojjetamus itti fufe.

"Jalqaba akkuma manicha geenyeen jarri lamaan na dursanii seenan. Animmoo ala taa'een dabaree ittiin qacarrii hojii raawwadhu eegaa ture. Namoota kanaaf yeroo chaappaan rukutamuuf aluma taa'een dhagaha" jetti Mooneet.

Namoonni lamaan hamma turan turanii akkuma nama qacarrii raawwateetti bahanii deemanii fagaatan.

Amma dabareen kan Mooneet waan ta'eef suuta jettee ulaa dhodhooftee mana nama qacarrii raawwata jedhame kanaatti seente.

"Qoyi chaappaa siirukuteen siqacara osuma jedhuu yeroo natti fudhachiise. Anis taa'etuma osoon eeguu, tasuma ka'ee balbala cufee fuula kiyya mormaa oli wayiin nahaguugee ijakoo akka hin argine akkan sagalees hin dhageessifne godhee nagudeede" jetti.

Guyyaa sana dhukkubbii hamaan waan itti dhagahameef ofis ta'ee nama ishee miidhe kana beekuu akka hin dandeenyes yaadatti.

"Halkan sana achuma nabulchee gara ganamaa yeroon ani gara ofbeekutti dhufaa deemu nafuudhee bakkasaa hin beeku karaarratti nagatee nabiraa deeme" jetti Mooneet.

"Durumayyuu ani kara deemtuun ture manallee hin qabu, naman beekulleen hin qabu, hojii barbaachaafin bahe. Yeroo sanatti karaarra ciisee rakkoo haadha kiyyaatu natti dhagahama ture.

''Haatikoo akkas rakkattee qoraan baattee naguddiste osoon isheefillee hin dabarsin jireenyi kiyyawuu bade jedheen baayyee natti dhagahame" jetti.

Erga karaarratti kuftee miirota lama waliin waldhaansoo keessa turte, of ajjeesuu moo dhiisu kan jedhu. Tarkaanfii ofirratti fudhachuuf qalbiinkoo takkaa dhiisi takkaa godhi naan jechaa ture jetti.

Dhumarratti ''kuni homaa miti kan kana caaluyyuu nan darba, inuman yaala malee of hin ajjeesu jedheen murteesse. Nama waanuman miidhame kana itti himadhullee dhabuun garuu caalaatti namiidhe," jetti

Boodarra birrii of harkaa qabdu keessaa 200'n mana kireeffattee hojii humnaa hojjechuu eegalte. Haadhashee rakkoo keessaa baasuun galma ishee kan dhumaa ture.

Jireenya hojii humnaa hojjechuurra biyya alaa baatee hojjechuu wayya kan jedhuun adeemsa garas ishee geessu jalqabuus ni himti.

Yeroo kanatti ture rakkoon kan biraa miidhama dabalataa itti fide jiraachuu kan barte.

'Ulfa qabda naan jedhan'

"Adeemsa biyya alaa bahuu kana jalqabeen 'passport' baaseen qorannoo fayyaatirran gahe. Qorannoo fayyaa kanarratti waanin takkaa hin eegnen dhagahe. 'Ulfa qabda' naan jedhan" jetti Mooneet.

Miidhama amma duraarraa osoon hin bayyanatin ammoo rakkoo dabalataa keessa seenuun kiyya garmalee hamilee namiidhes jetti.

"Ulfa ta'uukoo takkaa yaadee waanin hin beekneef mana yaalaa biraa deemeetin ilaalame. Ulfa ji'a afurii fi guyyaa 13 ta'eera naan jedhan. Miirri ulfaa'us natti dhagahamee hin beeku ture.

Nama akkana na godhe kana silaa argachuu hin danda'u jedheen rakkinuma kiyya waliin 'Haa ta'u' jedhee danda'e jetti.

Erga hojii humnaa hojjechuu eegalte namoota waliin hariiroo qabaachuu waan dandeesseef waan ishee mudate kanallee mariisisuuf carraa argachuus himti.

" Waan narra gahe tokko lama jedheen itti himee isaaniin mariisise hunduu yaaduma mataasaanii naaf qoodanii najajjabeessaa turan" jetti.

Yaanni miiltoon hojiishee tokko kenneef garuu rakkoo sadaffaa guyyaa tokkotti itti fe'ame akka bartuuf kan ishee gargaare ture.

"Namni waliin hojjennu tokko 'deemii dhiigakee mee qoratami erga akkana taatee' naan jedhe. Tole jedhee yeroon deemee dhiigakoo qoratamu vaayirasii HIV dhiigakoo keessatti argame," jettii Mooneet miira yeroo sana keessa turte yaadachaa.

Rakkoo walirra tuulamee isheerra ture kana BBC'tti yeroo himtu imimmaan illeesheerra yaa'e, sagaleenshee niciccite. Ta'us jireenyakoorraa dubartoonii nibaratu himuun qaba jettee miira keessashee waliin waldhaansoo qabaa seenaashee himuu itti fufte.

"Kana duraarrayyuu amma baay'een miidhame. Hamileenkoo baayyee gadi bu'e. Ammaan booda barachuus hojjechuus hin danda'u maaltu na eeggata isa jedhu yaadeen sammuu kiyyattuu deebi'uun dadhabe," jechuun miira yeroos ture yaadatti.

Boodarra hordoffii fayyaa taasisuuf murteesitee, gorsa ogeessaa fudhachuun qoricha fudhachuu itti fufte.

Ta'us jiraachuuf hojjechuun dirqama waan itti ta'eef dhibee kana waliin hedduu akka dararamte yaadatti.

"Ulfikoos guddateera. Hojii humnaa yeroon hojjedhummoo miirri dadhabbii natti dhagahamee dhiiga natufsiisa ture. Yaanni natti baayyatee booda hojjechuus nan dadhabe" jetti.

Boodarra dhaabbata gargaarsaa tokkotti fudhatamtee deeggarsa barbaachisu hunda argachuun daa'imashee nagaan deessee, ogummaa adda addaas barachuu himti Mooneet.

Dhaabbatichi deeggarsa gorsaa, kan maallaqaa, kan ogummaa waan kenneefiif amma Magaalaa Adaamaatti mana ciree banattee namayyuu qacartee hojjechaa jirti.

Daa'imnishees vaayirasicharraa bilisa ta'uufiin hedduu akka gammaduufi galii argattuun haadhashees gargaaraa akka jirtu himti.

Dhaamsa Dubartootaaf…

"Dubartoonni yeroo baay'ee akka hin taanetti goyyoomfamna. Osoon yeroo sana rakkinakoo qofa ilaaluu baadhee namoota sana shakkeera ta'ee rakkinni kuni hundi narra hin gahuuyyu.

Kanaaf dubartoonni, namni kam garam akka isan geessu karaan isa kamtu garam isaan akka geessu sirritti ilaallachuu qabu" jechuun dhaamti.

Yeroo rakkinaan marfamanitti obsa qabaachuunis jireenyakoorraa kanin baradhedha jetti Mooneet.

"Rakkinni kamuu nidarba, rakkina sana sodaa murtoo hin taane murteessuun hin barbaachisu. Rakkina tokko dheessuutti rakkina caalutti kufuu hin qaban."

Mooneet fuula duraaf hojii amma eegalte cimsitee humna qabduun namoota rakkinaan karaarratti kufan gargaaruuf mul'ata qabachuus BBC'tti himte.