Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hojii qulqullina barnootaa mirkanessuu fi dhimma qabxii qormaataa Oromiyaatti galmaa'e
Godinaalee naannoo Oromiyaa rakkoo nageenyaa qaban tokko tokko keessatti barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa saddeettaffaafi kutaa 12ffaa qoraman hedduun qabxii darbinsaa akka hin arganne barattoonnii fi qondaalonni BBC'n dubbise himan.
Itoophiyaan waggoota dhiyoon as qulqullina barnootaa eegsisuuf qormaata seensa yuunvarsiitii akkasumas yuunivarsiitiidhaa baratanii yeroo bahan, qormaata bahinsaa kennuu erga jalqabdee lakkoofsi barattoota qabxii darbinsaa argatanii haalaan gadi bu'eera.
ALI bara 2014'tti barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12 fudhatan keessaa qabxii giddugaleessaa 50% ol kan fidan 3.3% qofa ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksisuun ni yaadatama. Kanaanis mootummaan qabxii ''rifaasisaadha'' jedhee ture.
Qabxiin kun ''agarsiistuu rakkoo barootaa as darbaa dhufeefi sadarkaa sirni barnootaa irra jiru agarsiisedha'' jechuun Ministirri Barnootaa Itoophiyaa, Pirofeesar Birhaanuu Naggaa dubbataniiru.
Itoophiyaan lakkoofsaan garasitti addatti qulqullina barnootaa mirkaneessuu irratti hojjechuu erga jalqabdee waggootni muraasa darbaniiru.
Dhiyeenya mootummaan naannoo Oromiyaas manneen barnootaa sadarkaa isaanii eeggatan hedduu ijaaruun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjechaa jira.
Gama biraan godinaalee rakkoo nageenyaa qaban keessatti manneen barnootaa cufamuun barattootni qabiyyee barnoota isaanii osoo hin xumuriin qormaataaf taa'an akka jiran BBC'n barattootaa fi barsiisota irraa odeeffateera.
UNICEF gabaasa bara 2021 baase irratti Godinaalee Gujii Lixaa, Wallagga Bahaa, Qeellam Wallagaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti sababa rakkoo nageenyaan maneen barnootaa cufamuu fi buufataaleen fayyaa tajaajila fayyaa kennuuf rakkachuu ibseera.
Aanaalee 47 keessatti manneen barnootaa 956 tahan cufamuun barattootni 249,000 tahan barnoota dhabaa jiraachuu hime.
Naannoon Oromiyaa barnoota irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibsus iddoowan rakkoo nageenyaa qaban keessatti garuu lakkoofsi barattoota qabxii darbiinsaa argatanii gadi bu'uu himama.
Godinaalee BBC'n odeeffannoo argate keessaa tokko kan tahe Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti bara 2014 keessa barattootni qormaata seensa yuunvarsiitii fudhatanii qabxii darbinsaa argatan dhibbentaa sadii akka tahe Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa godinichaa Obbo Jireenyaa Bayyanaa BBCtti himaniiru.
Obbo Jireenyaan barattoota bara 2015 qormaata biyyaalessaa kutaa saddeettaffaa fudhatan keessaa dhibbantaa 22 qofatu qabxii darbinsaa argatan jedhan.
Godinichatti barattootni kuma 14 ol qormaata kutaa sadddeettaffaa fudhachuu himanii isaan keessaa kan darbe isa duraa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu ''gadi aanaadha'' jedhan.
Dhiyeenya kana lakkoofsi barattoota qabxii darbinsaa argatanii gadi bu'uuf sababni maali? Akka naannoo Oromiyaatti maal fakkaata?
Dhiibbaa hanqina kitaabaa fi rakkoo nageenyaa barnoota irratti
Naannolee rakkoon nageenyaa jiru keessatti manneen barnootaa irra deddeebiin cufamaa turan.
Akkuma yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa naannoo Tigiraay keessaa manneen barnootaa guutummaan cufaman naannoo Oromiyaa bakkeewan rakkoo nageenyaa jiru keessattis darbee darbee yeroo gabaabaaf cufamuun mudachaa turuu mootummaanis himaa ture.
Godinni Horroo Guduruu Wallaggaa godinaalee Oromiyaa dhiyeenya rakkoo nageenyaa hamaan rakkataa turan keessaa isa tokko.
Itti gaafatamaan Waajjira Barnootaa godinichaa qabxiin barattootaa gadi bu'uuf sababni tokko rakkoo nageenyaa tahuu eeran.
''Barataan yeroo gahaa fudhatee barachuu qaba. Barsiisaa fi daarikterri tasgabbiin barsiisuu qabu. Garuu aanaalee godinichaa tokko tokko keessatti sababa rakkoo nageenyaan barnootni addaan citaa ture,'' jedhan.
''Godina keenya keessatti rakkoo nageenyaa darbee darbee ka’a. Barnootni adda citee deebi'ee yoo jalqabu ammas irra deebiin ka’a. Barnoota dabalataas kennuuf rakkoo ture. Kun qulqullina barnootaa irratti dhiibbaa uumeera.''
Dabalataan namootni qe'ee isaaniirraa buqqa'an manneen barnootaa keessa qubachuu, humni nageenyaa mootummaa fi hidhattootni darbee darbee manneen barnootaa keessa buufachuun akka jiru BBC'n jiraattotaa fi barsiisota irraa odeeffateera.
Obbo Jireenyaan rakkoon biraan imaammata waliin wal qabata jedhan.
Waggoota dheeraaf barataan waan hin kufneef qayyabatanii qormaataaf of qopheessuun laafeera kan jedhan Obbo Jireenyaan kun qabxiin gadi bu'uuf sababa tokko jedhan.
Dabalataan xiyyeeffannaa barsiisaa, barataa fi maatiin barnootaaf kennaa jiru hir’achuu kan dubbatan Obbo Jireenyaan kana jijjiiruuf yeroo kan gaafatudha jedhan.
''Barattootni barumsa caalaa yeroo dheeraa miiidiyaa hawwaasaa irratti dabarsu. Kun bakka hundatti wal fakkaataa tahuu baatus dhiibbaa uumeera.''
Bara darbe keessa imaammatni barnootaa jijjiiramuu waliin wal qabatee kitabonni jijjiiramaniiru.
''Rakkoo kitaabaa qabna. Kitaabni hedduu jijjiirameera. Garuu maxxanfamee baay’inaan nu bira hin geenye.
''Soofti koppii nuuf ergan. Garuu barataanis tahe barsiisaan bilbiloota ismaarti Foonii [smart Phone] hin qabnee fi tajaajila interneetii hin qabne fayyadamuuf rakkoo taheera,'' jdhan Obbo Jireenyaan.
Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Efireem Tasammaa hanqinni kitaaba barataa jiraachuu amanuun godinaalee hundaaf karaa wal fakkaataa taheen rabsuuf Biiroon Barnootaa Oromiyaa kitaabota maxxansiisaa jiraachuu himan.
Obbo Efireem rabsa kitaabaa akka godina tokkootti kaasuun sirrii miti jedhanii, godinaalee hundaaf karaa wal fakkaatuun rabsamaa jiraachuu himan.
''Imaammata barnootaa haaraa irratti hundaa’uun kitaabonni jijjiiramaniiru. Soofti koppii kitaaba barataa fi qajeelcha barsiisaa rabsameera.''
Dabalataan manni maxxansaa Meelbaa yoo banamu hojii jalqabaa maxxansa kitaabaa kanaan jalqabe jedhan Obbo Efireem.
Manni maxxansichaa waggaatti kitaabota miliyoona 27 qofa maxxansuu danda’a.
Haa tahu malee, barattoota miliyoonotaaf kitaabilee miliyoona hedduu barbaachisu waggaa tokkotti maxxansuun hin danda’amu jedhan.
''Manneen maxxansaa biyya keessa jiraniyyuu waggaa tokkotti waan hin maxxansanii wal hin geessifneef biyya alattis maxxanuun galchaa jirra,'' jedhan.
Kitaabonni maxxanfaman akka galaniin godinaaleef karaa wal qixa taheen rabsina jedhan.
''Hanqinni kitaabaa jira. Yeroo kamittuu ni guutna jennee hin yaadnu, garuu xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun akka biyyatti hojjetamaa jira.''
Bara 2016 keessa sirni barnootaa haaraan jalqabus akka jiru kan himan Obbo Efireem barsiisaan leenjii fudhachuun qophiin xumuramaa jiraachuu himan.
Manneen barnootaa haaraa sadarkaa lammaffaa Oromiyaa keessa 1366 tahan jiraachuu himuun manneen barnootaa kunneen naannoo magaalota tajaajila interneetii fooyya’aa tahe qaban keessa jiru jedhan.
Kanaaf soofti koppii kitaabotaa isaaniif ergamuun fayyadamaa jiraachuu himaniiru.
''Qulqullinni barnootaa irratti xiyyeeffanne akka lakkoofsi barattoota qabxii darbinsaa argatanii gadi bu'u taasiseera tahuu danda'a,'' kan jedhan hogganichi kana fooyyessuuf barsiisota gahumsa qaban leenjisuu fi kan duraan jiraniif imaammata haaraa irratti leenjii addaa kennuun qopheessaa turre jedhan.
Rakkoo nageenyaan wal qabatee yaada kennuu irraa kan of qusatan hogganichi godinaalee qabxii gadi bu'aan keessatti galmaa'e jedhame irratti addatti ibsuu hin barbaanne.
Akka naannoo Oromiyaatti garuu qabxii olaanaan galmaa'aa jira jedhan.
'Hanni qormaataa hafeera'
Dhiyeenya qulquulina barnootaa fiduuf jecha qormaanni biyyaalessaa fi kutaa saddeettaffaa yuunvarsiitiiwwanii fi manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessatti kennamaa ture.
Horroo Guduruu Wallaggaa godinaalee barattootni baay'inaan qabxii gadi bu'aa itti galmeessan keessaa tokko tahuu kan himan Obbo Jireenyaa Bayyanaa hanni qormaataa akka hafu gochuun sababa tokko jedhan.
Fakkeenyaaf godinichatti bara barnootaa 2014 keessa kutaa 12 warra qoraman keessaa dhibbentaa sadii qofatu yuunvarsiitiif darbe.
''Bara kana barattootni hedduun godina keenyaa kutaa sadeettaffaa qoraman parsantaayilii 20 fi isaa gadi keessa fidan. Kan darbu ammoo 50% ol kann fidutu darba,'' jedhan Obbo Jireenyaan.
''Hanni qormaataa rakkoo guddaa ture. Bara kana eegumsa guddaan waan kennameef qormaatni bahes tahe hanni gaggeeffame hin jiru,'' jedhan.
Obbo Jireenyaan akka jedhanitti qormaanni baheera jedhamee bakkee keessa kan odeeffamus madda rakkoo kanaa ture.
''Fakkeenyaaf herregni baheera jedhamee deebiin isaa rabsamaa ture. Kan isuma fudhatanii galanii guutanii bahan hedduun qormaaticha kufan,'' jedhan.
''Deebiin Heeregaa bakkee keessa bahe jedhame kan gaaffii 60ti. Garuu herregni gaaffii 45 qofatu qophaa’e.''
''Bara darbe kutaa 12 warra qorame keessaa barattoota %3 hin caalletu darbe. Isarraa baratanii bara kana of qopheessa turan. Qabxiinis ni fooyya’a jennee eegna,'' jedhan Obbo Jireenyaan.
Obbo Efireem gamasaaniin dur qormaata kutaa sadeettaffaa barsiisota isaaniitu isaan qora ture jedhan.
''Isaan barattoota isaanii waan gargaaraniif walirraa waraabuun ture. Amma gara sadarkaa lammaffaa deemuun barsiisota biraan waan qoramaniif hanni qormaataa hafaa jira,'' jedhan.
Itti dabaluun dur barattoonni qabxii gidduugaleessaa 50 gadi yoo fidanis darbaa turan. Kana booda 50 gadi kan fidan darbuu hin danda’an jedhan.
Bu’aan qabxii barattoota Oromiyaa akka waliigalaatti ol ka’aadha kan jedhan Obbo Efireem, dorgommiin manneen barnootaa bultii addaa galuuf godhamus dabalaa akka dhufe himan.
Naannoo Oromiyaa keessa mannen barnootaa bultii addaa 33 akka jiranis himaniiru.
Barattootni manneen barnootaa bultii addaa Adaamaatti barataa turan hedduun akka biyyaatti qabxii olaanaa galmeessaa turan.
Gama biraan bara kana naannoon Oromiyaa barattoota Miliyoona 11.4 simachuuf qophiitti jiraachuu kan himan Obbo Efireem hanga Fulbaana 20 bara 2023tti barattootni miliyoona 10.6 tahan galmaa’uu himan.
Akka Itoophiyaatti barnootni ji’a Fulbaanaa keessa kan eegalu yoo tahu, naannoon Oromiyaa naannoo Gammoojjii jedhaman keessatti Fulbaana 7 bara 2015 A.L.Itti jalqabe.
Naannoo baddaa, badda daree fi kaanitti Fulbaana 14 eegala.
Akka naannoo Oromiyaatti ''Torban barnootaa'' jedhamee sochii eegaluu kan himan Obbo Efireem, maatiin qophii taasisanii akka ijoolleen qophaa’an gochaa jirra jedhan.
Dabalataan qulqullina barnootaa fooyyessuuf manneen barnootaa sadarkaa isaanii eeggatan ijaaramaa jiraachuu himan.
Gama biraan barattootni sadarkaa tokoffaa dubbisuu, barreessuu, shallaguu irratti hanqina qabaachuu himuun, rakkoo kana furuuf barsiisonni qaxalee tahan sadarkaa lammaaffaa barsiisan gara sadarkaa tokkoffaatti bu’uun akka barsiisan gochaa jirra jedhan.
''Yoo sadrkaa gaditti sirriitti baratan gaafa ol siqan ofii dubbisuun of gargaaruu danda’u.''
Torban jaha jalqabbii barnootaa irratti dubbisuu, barreessuu fi shallaguu irratti leenji’u. Kanaaf meeshaan qophaa’uu himaniiru.