Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hidhattoonni WBO 'manneen barnootaa 160 guban, barattoota kuma 300 ol bittinneessan' - MNO
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hojiilee damee barnootaarratti ibsa yoo kennuu hidhattoonni WBO manneen barnootaa 160 ol gubuu fi barattootni kuma 300 ol barnootarraa bittinaa'uu beeksise.
''Humni shororkeessaa shanee manneen barnootaa 163 guutumaan guutuutti gubuun yoo barbadeessu manneen barnootaa 756 irratti saamicha gaggeessuun sanada barattootaa barbadeesseera'' jedhan hoogganaan Biiroo Kominikeeshinii naannichaa Obbo Haayiluu Addunyaa.
''Sababa kanaanis barattoonni 325,000 yoo bittinnaa'an barsiistoonni 5227 ammoo hojii malee akka taa'an taasiseera'' jedhan.
Hidhattoonni mootummaan 'ABO-Shanee' jedhee waamuu fi paarlaamaan Itoophiyaa shororkeessaa jedhee labse kun kutaalee Oromiyaa godinaalee adda addaa keessatti sochii waraanaa gochaa akka jiran himu.
Lolli mootummaa fi WBO gidduutti gaggeeffamaa jiruun miidhaa damee barnootaarra gahe dimshaashatti dhiyaateen, miidhaan dhaqqabe jedhame eessatti fi yeroo hagamii keessatti akka ta'e hin ibsamne.
Odeeffannoowwan dabalataa akka nuu kennan Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa naannoo Oromiyaa fi Biiroo Barnootaa naannichaattii bilbillus battalatti deebii hin arganne.
Himannaa mootummaan mancaatii manneen barnootaarra gahe jedheen walqabatee hoogganoota WBO irraa deebii argachuu hin dandeenye.
Waamicha irra deddeebii
Mootummaan naannoo Oromiyaa hidhattoota WBO kan kutaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti hidhannoon isa lolaa jiran gama tokkoon lolaa gama kaaniin ammoo miseensonni isaa karaa nagaa harka isaanii akka kennatan irra deddeebiin waamicha godhu itti fufeera.
Guyyaa lama duras waamicha taasiseen ''dargaggoonni Oromoo karaa dogoggoraan farrummaa garee shororkeessaa shanee otoo hin hubatiin itti makamtan marti, humna shoororkeessaa ummata Oromoo salphisuu malee kaayyoo biroo hin qabneef, umrii dargagummaa keessaniin hin taphatinaa'' jechuun waamicha godheera.
Yeroo adda addaattis miseensonni hidhattoota WBO karaa nagaatti deebi'aa harka kennachaa akka jiran mootumman naannichaa ni gabaasa.
WBO kan waggaa lama dura ifatti dhaaba ABO'n taliigamuu jalaa bahee of danda'uu ibse gaaffiilen saba Oromoo deebii hin argannee jechuun waraanaan fala barbaaduuf akka ciichu hoogganoon isaa ibsaa yeroo adda addaatti kennaniin beeksisaniiru.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa ji'oota 14 dura eegale hammaachaa gara gidduugala biyyatti yeroo dhiyaatettis TPLF, kan akkuma ''ABO-Shanee'' paarlaamaa Itoophiyaan shororkeessaa jedhame waliin hariiroo tolfachuun mootummaa MM Abiy Ahimadiin hoogganamu kuffisuuf akka hojjetan gareeleen lameen ibsanii turan.
Hojiilee misooma damee Barnootaa
Hojiilee damee barnootaarratti mootummaa naannoo Oromiyaan hojjetamaa jiran keessaa manneen barnootaa Ifa Boruu 93 kan bajatan birrii biiliyoona 5.4 hojjetaman xumursiisuun guutummaan guutuutti hojii eegaluu Obbo Hayiluun miidiyaaleetti himaniiru.
''Manneen Barnootaa Bultii Addaa 7 xumuramuun hojii kan eegalan yoo ta'u mana baruumsaa kana keessattis barattoonni ciccimoo naannoofi biyya isaanii jijjiiruu danda'an kan keessatti baratan ta'a.''
Hirmaannaa uummataatiin Manneen Barnootaa Bu'ura Boruu 3000 ijaaruuf karoorfamee manneen barnootaa 2616 xumuramuun hojii kan eegalan ta'uunis gabaasameera. Manneen Barnootaa hirmaannaa uummataan ijaaraman kun baasiin isaanii qarshii doolaara 13.5 tilmaamama.
Obbo Haayiluun ibsa isaanii keessatti Afaan Oromoo guddisuuf Magaalaa Finfinnee keessatti manneen barnootaa 105 keessatti barattoonni 50,000 Afaan Oromoodhaan akka baratan taasifamaa jira jedhaniiru
Naannoo Beenishaangul Gumuz keessattis Manneen Barnootaa 23 keessatti barnoonni Afaan Oromoo kennamaa jira jedhan.
Sirni Gadaa akka gosa Barnootaa tokkootti sirna barnootaa keessatti hammatamee keennamaa jiraachuus dubbataniiru.