Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ajajaa Ittaanaa WBO Gammachuu Abbooyyee: 'Galmi keenya xumuraa Finfinnee qabachuudha'
Lolli mootummaa federaalaa Itoophiyaafi finciltoota Tigraay gidduutti waggaa tokkoon dura eegalameen, kanneen kuma dhibbatti lakka'aman beelaaf saaxilamanii akka jiran maddeen dhaabbilee deeggarsa namoomaa ni himu.
Haala qabatamaa biyyattii keessa jiruun, xiyyeeffannoon addunyaa gara kaabaa Itoophiyaa, waraana Tigraayirra tahus, biyyattii keessatti garuu gareeleen qabsoo hidhannoo gaggeessan kaanis jiru. Isaan keessaa tokko Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dha.
WBO kan ji'ootaan dura mootummaan Itoophiyaa shororkeessaa jechuun labseenis, mootummaa Itoophiyaa kuffisuuf jecha finciltoota TPLF wajjin waliigaltee uumuun ni yaadatama.
Gabaasa addaa kanas gaazexessituun BBC Kaatiriin Baayiruhaangaa hidhattoota kanneen bakka jiranitti deemuun akkasiin dubbistee jirti. Himannaa isaan dhiyeessan irratti mootummaan Itoophiyaarraa ammatti deebii hinarganne. Garuu yeroo kamittuu gama mootummaa irraa yoo dhimma kanarratti yaada arganne ni keessummeessina.