Waraanaa Kaaba Itoophiyaa irratti gaheen artistoota Oromoo maal ture?

Kaaba Itoophiyaatti waraana humnoota mootummaa Federaalaafi TPLF gidduutti ji'oota 14 dura jalqabe hordofuun wellistoonni hedduun gama lamaaninuu sirboota lolicha si'eessan gadhiisaa turan.

Gama Raayyaa Ittisaa deeggaruufi jajjabeessuutiin artistoota lolichi akkuma eegaleen ji'oota muraasa keessatti sirba 'Chawu Juuntaa' jedhun dursee kan uummata biraan gahe Artist Tsaggaayee Dandanaa (Sayyoo) BBC waliin turtii taasiseera.

Lolli kaaba biyyattiitti eegale kun osoo karaa aartiitiin jajjabeessinee, onnachiisnee loluu baannee mana nu dhufa ture jedha Saayyoon.

"Lolli kun akkuma jalqabeen artistoonni biyya kana keessa jiran sirba tokko tokko bilisaan akka hojjetanii Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaran mari'atame. Yaada kana anatu fide. Yaanni sun fudhatama argatee CD lamatu eebbifame -Afaan Oromoofi Afaan Amaaraatiin."

Waraana kana irratti Raayyaa Ittisaatiif sirbuudhaan oonnachiisuu keessatti Artistoonni Oromoo 15 akka hirmaatanii fi hanga dirree waraanaa keessatti hirmaachuutti akka gahamee tures hima.

"Artistoota keessa warra sirba qofa hojjetetu jira. Kaan ammoo warra sirbuu bira darbee onnaayee bakka lolaa sana deemetu jira.

''Artistoonni Oromoo 15 sun adda waraanaa Cifraa turan. Artistooni kaan erga lafti bilisoomee deeman. Nuti garuu osuma lolli jiruu adda waraanaatti loltuu onnachiisaa turre," jechuun hime.

Sagantaa galateeffannaa Dilbata darbe qophaa'e irrattis Ministirri Muummee Dr. Abiy Ahimad hojii boonsaa artistoonni Oromoo hojjetanitti baayyee gammaduu nuuf ibsaniiru jedhee BBC'tti hime.

"Namootni baay'een Itoophiyaa faarsuudhaaan waa'ee Itoophiyaa haasa'uudhaan beekaman gaafa biyyi Itoophiyaa rakkoo keessa seentu gara isaan dhaqantu dhabame.

''Karaa waraanaatiinis karaa aartiitiinis lola kanarratti namoota hin yaadamnetu aarsaa kanfale" jedha Sayyoon.

'Artsitoota waraana deeggaraniifi morman'….

Welluuwwan Afaan Oromootiin hanga yoonaa sirbamaa turan keessatti artistiin sirba Itoophiyaa faarsu sirbe hedduu hin baratamne. Kanneen jaalala biyyaa qaban hedduun ammoo waa'ee Itoophiyaa caalaa waa'ee Oromiyaa yoo sirban dhagahamu.

Lola Kaaba biyyattiitti mudate kanaa asitti garuu haala amma dura aartii Oromoo keessatti hin baratamneen sirboonni hedduun dhimma Itoophiyaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa ilaallatan Afaan Oromootiin bahaniiru.

"Cunqursaa Oromoorra tureen walqabatee sabni guddaan kun biyya kana keessatti waan isaaf malu argachuu qaba waan jedhuun artistoonni Oromoo hanga ammaa waanuma Oromiyaa sirbaa turan.

''Yeroo isaan kana hojjetan waaan isaan Itoophiyaa hin beeknetti maqaa balleeffamu."

"Ilaalchi sun amma cabeetu erga Oromoon aangootti dhufee biyya Itoophiyaa kana bulchuu jalqabnee biyyi kun numa qabdi, nutu itti aana jennee waa'ee Itoophiyaa sirbuu jalqabame.

''Artistoonnis dhugaa kana fudhatanii itti hirmaatanii waan bu'a qabeessa argamsiisan," jedha.

Waraanichi artistoonni Oromoo Itoophiyaa ni jaalatuufi ni jibbu jedhanii odeessuu caalaatti qabatamaadhaan hojjennee kan itti agarsiisnedhas jechuun hime.

Sirba 'Chawu Juuntaa'…

Lolli jalqabee ji'oota keessatti sirbaa kana akka gadhiise kan himu Sayyoon, lolli kun jalqabuudhaan durayyuu waraaana ajaja kaabaa kana bira deemaa akka ture hima.

"Sirbi Chawu Juuntaa kun raayyaa waraanaa Itoophiyaatiif hojjetame. Kiliippiin isaas yeroo isaan lolan mul'isa. Waraanni sirbicha baayyee jaalate.

''Ergasii Cifraatti sirba kana gaafan waltajjii irratti sirbu waraanni miira keessa galee meeshaa ofharkaa qabu hunduu gara samiitti dhukaase," jedha.

Ajaja hoggansaatiin alatti waraanni meeshaa hin dhukaasu kan jedhu Sayyoon, sirbi 'Chawu Juuntaa' kun garuu loltuu miira keessa galchee ajaja malee meeshaa kan dhukaasise waan ta'eef seenaa qaba jedha.

"Gaafuma masaraa mootummaa gadhiisanii deemanirraa waan ture itti dabaleen 'Chawu' kana booda as hin deebitani jedheen sirbe.

''Gidduutti gaafa isaan xiqqoo akka deebi'uu tahan namni baayyeen Sayyoon 'Chawu' moo 'Come on' jedhee sirbe jedhanii na gaafachaa turan," jechuniinis muudannoo sirbichaa qabu hima.

Waraanni Kaabaa kun artistoota gamaafi gamanatti waan qoode fakkaata. Kanneen sirbaan waraanichaaf tumsaa turaniifi kanneen waraana kanaaf sirbuu hin deeggarre.

Akka Sayyoon jedhutti ammoo Artistiin Oromoo duras kan sirbaan falmaanii ture warruma amma lola baane kanaa wajjin waan ta'eef akkaataa hubannaati malee diinni keenya isuma kaleessaati jedha.

"Artistoonni kaleessas kan balaaleffatanii sirbaa turan TPLF. Har'as kan falminee sirbine isuma. Osoo diina biraa ta'ee nama dubbisa.

''Garuu wanti haaraan jijjiirame hin jiru. Oromoonis TPLF's kanumaa kaleessaati. Artistoonni kaleessa TPLF mormaa turan amma akki itti TPLF deeggaran naaf hin galle," jechuun dubbata.

Artistoonni faayidaadhaan bitamanii sirbanii?

Namni kamuu faayidaa giddugaleessa godhatee kan hojjetu ta'ulleen faayidaan sun garuu kan akkamiiti kan jedhu keessatti ilaalamuu qaba jedha Sayyoon.

Ogummaa keetiin hojjettee siif kanfalamee hojjechuun faayidaadha. Artistoonni kunneenis kan hojjetan kanuma ta'uu hima.

Artistiin nama ogummaa akka ta'eefi akkuma ogummaawwan kaanii nama ogummaa isaa kireeffateef hojjechuun waan haaraa ta'uu akka hin qabnelleen hima.

"Akkuma ogummaa Mahaandisaa, akkuma Hakiimaa artistiinis nama ogummaasaa sana kireeffate hundaaf hojjeta.

Namni ogummaa aartistootaa sana jaalatee ogummaa isaanii sana kireeffate inuma hojjetama. Faayidaa malee namni hojjetu hin jiru," jedha.

Akka Sayyoon jedhutti, ogummaa ofii qabaniin faayidaa argatanii hojii hojjechuun mataan isaayyuu ciminaafi dandeettii waan gaafatudha jedha.

"Lafumaa kaatee nama dandeettii hin qabne faayidaa hin kennituuf. Namni faayidaa kennaniifiyyuu nama dandeettii qabu, nama beekumsaaafi ogummaa qabu.

''Kanaafuu, ani kanin hojjedhu faayidaafii miti jedhee namni mormus sirrii miti," jedha.

Weellisaa Tsaggaayee Dandanaa (Sayyoon) artistoota waraana Kaabaa keessatti karaa sirbaatiin dadammaqsuu hojjetamaa ture namoota qindeessan keessaa tokko yoo ta'u, Ministira Muummee Dr. Abiy Ahimad irraas badhaasa beekamtii fudhateera.