Waraana Tigraay: Taarikuu Gaankisii haasawan waltajjiirratti taasiseen 'sarara keessaa bahuu koof dhiifaman gaafadha' jedhe

Weellisaan sirbasaa 'Dishtaa Giinaa'' jedhamuun beekamtii guddaa horate Taarikuu Gaankisii, dhuma-torbee darbe keessa waraanaarra 'araara wayya' jechuun erga labse booda, miidiyaatti as bahuun dhiifama gaafate.

Taarikuun hiriira guddaa deeggarsa mootummaaf magaalaa Finfinneetti waamame irratti waraan irra ''araara wayya'' jedhee dubbachuun dubbii ijoo tahee ture.

Haasawa isaa hordofes qeequmsa cimaa kan keessumsiise weellisaan kun, miidiyaa EBS jedhamurratti dhiyaachuun miiraan guutamee dhiifama wayita gaafatu mul'ateera.

Dhimma waltajjicharratti affeerameef ''hubachuu dhabuurraa kan kahe waantin dubbadhe, uummata aarii keeessa galcheera'' kan jedhu Taarikuun, ''sarara keessaa baheen ture'' jedheera.

Artistichi dabaluun: ''Ajandaan qaama kamiinuu natti kenname hinjiru... ani miira koon dubbadhe,'' jedheera.

Kana dura miseensa raayyaa ittisa biyyaa akka ture kan himu Taarikuun, waltajjii balaaleffannaa TPLF fi WBO irratti gaggeeffamuuf bahame irratti, ''dargaggoonni gara waraanaatti hin deemiinaa, jaarroleen dhagaa baadhaatii, marga qabadhaa dhaqaa, araara wayya,'' jedhee dubbachuun dubbii ijoo miidiyaa hawaasaa ta'ee ture.

Artistichi miidiyaaleen amma dura isa dubbisuuf barbaadan yeroo kanatti isarraa baqachuu hime.

''Amma dura gaaffiifi deebii si wajjin goona, jedhanii natti bilbilu turan... har'a garuu rakkoon kun uumamnaan, narraa baqatan. Eegaan ture, naaf hin bilbille,'' jechuun komii qabus ibseera.

Erga waltajjii sanarratti haasawa taasise boodas, miidiyaalee hawaasaa gubbaatti artistiin kun hidhameera yookaan miidhaan irra gaheera jechuunis wanti haasawamaa tures sobadha jedhe Taarikuun.

Waltajjiicharratti sirba akka sirbu affeeramuusaa kan himu Taarikuun, ''dubbii sana kaniin taasise hubannoo dhabuurraati, waanin waltajjicha hin madaalle dubbadhe,'' jedheera.

Haga ammaa mana keessa dhokadheen ture kan jedhu weellisaan kun ''Hanga dubbiin tasgabbaa'u gara Jinkaan deema,'' jechuun hima.

Taarikuu Gaankisii sagantaa TV guyyaa Sambataa dabre kanarratti dhiyaachuun imimmaan buusee boo'aa kan ture yoo tahu, miira cimaa keessa galuunis gara xumuraatti saganticha dhiisee wayita bahus mula'teera.

Taarikuun waltajicha irratti gaafas maal jedhe?

Taarikuun waltajjiitti yeroo bahu nagaa gaafachuun jalqabe.

"Ani hin sirbu. Sirbuuf hin dhufne. Guyyaa hundumaa sirbamaa? Guyyaa gaddaafi gammachuu sirbuu qofadhaa? Guyyaa sirbamuuf hin sirbamne anumtuu adda baaseen beeka.

Eessa dhaabadhee sirbu? Eessa dhaabadhee faarfadhu? naannoon isaa dhiphateera. Ani waan sirbus, dubbadhus hin qabu,'' jechuun dubbate.

Dhaabbileeniifi biyyoonni idil-addunyaa yeroo garaa garaatti waraanni kaaba Itoophiyaatti gaggeeffamu mariidhaan furmaata akka argatuuf yeroo garaa garaatti waamicha akka dhiyeessan dhagahama.

Haata'u malee Taarikuu Gaankisii namoota beekamoo lammiilee Itoophiyaa waraanichi kara araaraatiin akka furamuuf ifatti dubbatan muraasa keessaa isa tokkodha.