Dishtaa Giinaa: 'Akon dhufee uummataafi aadaakoo otoo ilaalee natti tola' - Taarikuu Gaankaasii

Sirbi qeenxee weellisaa Taarikuu Gaankaasii, Dishtaa Giinaa ykn Addaam Wondimmee jedhu YouTube gubbaatti erga gadhiifame kaasee haga ammaa si'a miiliyoona 19 ilaalameera.

Walleen kun ji'a Eblaa keessa kan gadhiifame oggaa tahu, ammammoo weellisaan beekamaa Ameerikaa Akon irra deebiin 'remix' tolcheera.

Sirba namoota hedduu biratti fudhatamummaa argate kana remix sababa gochuuf barbaade wayita miidiyaatti himu, Akon: ''Dishtaa Giinaa hojiilee yeroo ammaa jaaladhe keessaa isa tokkodha,'' jedhee ture.

Akon ergaa viidiyoo waa'ee sirba kanaa ergeen ''... wayitan qonnaan bulaa akka tahe dhagahutti guddoo natti dhagahame,'' jechuun, isa waliin qindaa'uun hojicha addunyaarra beeksisuu akka barbaadu dubbatee ture.

Dhalataa biyya Senegaal lammii Ameerikaa ka tahe Aliaune Damala Badara Akon Thiam ykn salphumatti Akon, Yugaandaatti artistoota dargaggoota deeggaruuf hojiiwwan garagaraa hojjechaa jira.

Weellisaa kun gara beekamtiitti kan as bahe, raapparii beekamaa Eminem wajjin tahuun wallee ''Smack that'' jedhamu erga hojjetee booda ture.

Haati warraasaa dhalattuu Itoophiyaa taate Roozinaa Nigusee, artistoota Itoophiyaa wajjin qindoominaan akka hijjetuuf fedhii qabdu himtee turte.

Wallee Dishtaa Giinaa jedhu haala akkamii keessa tahee akka barreesse kan gaafatame Taarikuun, ayyaanni Qillee dhiyaachaa akka ture yaadachuun ''loon tiksuuf gara bosonaa wayitan deeme gara galgalaa keessan barreesse,'' jedheera.

Ayyaana waggaa saba Arii sababeeffachuun walleen qixeesse kun, akkasiin gurra horata jedhee akka hin yaadne kaasa.

''Ani waan natti dhagahameen hojjedhe. Tahus waanti taheefi tahaa kan jiru na ajaa'ibeera,'' jedha weellisaan kun.

Artistiin qaalii Ameerikaa Akon wallee Taarikuu, Dishtaa Giinaa jedhu remix gochuun iTunes fi Spotify gubbaatti dhaggeeffattootaaf dhiyaateera.

Taarikuun amma dura Akon beekuusaa wayita gaafatamu, tasumaa akka isa hin beekne BBCtti himeera. Akon wajjin bilbilaan akka haasawan kan himu Taarikuun, qaamaan walarguuf waadaa akka isaaf gale himeera.

Hojii Akon irra deebi'uun qixeesse akka jaalate kan himu weellisaan kun ''biyyakee dhufeen ilaala, ana biras in dhufta sin daawwachiisa,'' jedhee waadaa akka galeef dubbata.

Innis gamasaan Akon gara Jinkaa fiduun aadaasaa agarsiisuuf fedhii akka qabu hima.

Akon as dhufee uummataafi aadaakoo otoo ilaaleefi beekee natti tola jedha Taarikuu Gaankaasii.

Gara fuuladuraafis ''aadaa jaalatamaa bakka biraa jiran irrattis hojjechuun barbaada,'' jedha.

Muuziqaan midhaaffame kun wayita remix godhamu, qabiyyeefi ergaa isa duraarraa akka hin maqne waliin dubbatanii akka turan kan yaadatu Taarikuun, hojii hojjetameen gammaduusaa hima.

Erga sirbasaa rimiks tolcheefi booda, hojiisaa 'YouTube irraa buusee dhaggeeffachaan jira. Waan dansaati!'' jedheera.

Weellisaa Taarikuu erga wallee qeenxee kan gadhiisee booda, godina Omoo Kibbaa akkasumas bakka dhalootasaa Ariitti, beekamtii guddaa akka isaaf argamsiise dubbata.

Taarikuu Gaankaasii jireenyisaa magaalaa Jinkaa oggaa tahu, qonnaan bulaadha.

Miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa tahuun tajaajilee kan ture Taarikuun, amma duras sirba ''Immiyyee Jinkaa'' jechuun weellise qaba.

Hojii artistii kanaa kanneen jaalatan keessaa atileetiin gameessi Hayilee G/Sillaasee tokko yoo tahu, Birrii 100,000 isa badhaaseera.

Kana malees MM Itoophiyaa Abiy Ahimad isa argatanii akka isa jajjabeessanis turtii BBC wajjin taasiseen himeera.