Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘’Nuti artistoota Oromooti, dhugaa uummataa dubbachaa jiraanna’’
Weellistootaa sirba qabsoo yookiin warraaqsaa sirbuun beekaman keessaa tokko kan ta’e Ittiiqaa Tafarii tibbana sirba haaraa baaseerra.
Mata dureen sirba kanaa ‘Galma Dhugaa’ kan jedhu yoo ta’u, torban tarde erga gadhiifame booda Yuutubii gubbaatti daawwoota hedduu argateera.
Waa’ee wallee kanaa yaadni gaarii naaf dhihaateera kan jedhu Ittiiqaan, qabiiyyeen wallee kanaa maal akka ta’e BBC tti hime.
Amma danda’ametti bifa aartiin ibseera jedhe.
Galmi dhugaa maali?
Galmi dhugaa bilisummaa Oromooti. Dhugaan kunis kaayyoo gootonni Oromoo itti wareegamaniifi.
Kan Oromoon hawwee dhabe garuu guyyaa tokko kan argachuu danda’u jedha.
Sirba kana walaloofi yeedaloo isaas weellisaa Ittiqaa Tafariitu qopheesse. Sirbi kun osoon koronaavaayirasiin biyyatti hin seenne dura hojjame ture jedhe. Inni mataansaa koronaavaayirasiin qabamee hospitaala galee bahuunsaa ni yaadatama.
Yeroo komaandi poostiin Wallaggaa fi Gujiitti labsame sana hojjetame jedhe Ittiiqaan. Walaloo isaa keessattis namoonni ofi eegaannoo akka taasisaniif nama amanurraa akka of qusatan gorsa.
Kunis reebichaafi daraara bakkeewwan garaa garaatti raawwatamee ture kan himuudha jedha.
Haalli amma Oromoon keessa jiruu baay’ee yaaddeessadha kan jedhu wallisaan kun, namoonni hidhamaa jiru, maatii qabsa’ootaarra miidhaatu jiru amantaa jidhu qaba.
Irra dibaa
Wallee keessatti ‘Irra dibaa hin fudhatiin bor si dhibaa’’ kan jedhu maal akka ibsu Ittiiqaan wayita ibsu, ''Dubbii fakkeessaa baay’atu jira. Kuni ammoo boruuf nama dhiba,'' jedha.
''Ummaanni osoo rakkatuu nageenya leellisuutu jira. Kan darbe balaaleffachaa waan caalu hojjachuutu jira.''
Rakkoon uummataa hin hubatamne kan jedhu walloon kun, gubbaarra waanti miidiyaarratti haasa’amuufi waanti gaggeeffamaa jiru tasumaa wal hin argu jedha Ittiiqaan.
''Kanaaf, gubbaan calaqqisaa keessi isaa ammoo rakkoo of keessaa qaba,'' jechuun weellissaan kun kan ibse.
'Dhugaa uummataa dubbachaa jiraanna'
Osoo Ministirri Muummee Abiy Ahmad gara aangootti dhufuun dura sirboonni warraaqdaa heddumminaan sirbamaa turan.
Ammas bakkatti deebi’aa jiru jettee yaaddaa? gaaffi jedhuuf deebii wayita kennu ''Umanni waan keessatti jiru sirbine, faayidaa argachuu hin sirbine,'' jechuun deebii gabaabaa kenne.
Dhugaan hawaasa keessa jira kan jedhu aartistiin kun, ''yeroo hedduu weellistoonni sirboota warraaqasa hojjatan maallaqaan afaan qabsiifamu jedhamee akka dubbatamus beeka'' jedha.
Garuu nuti aartistoonni borus jireenya gaarii jiraanna jenne waan hojjanne hin qabnu. Nuti artistii Oromooti; teeppii miti kan yeroo barbaadan bananii nu cufan. Dhugaa uummataa dubbachaa jiraanna; dhugaa dubbachaatu duuna,’’ jechuun kaayyoosaa ibsa Ittiiqaan.
Akkuma yaadatamu Artisti Ittiqaan Covid-19n qabamee wayita irraa bayyanateetti BBC waliin turtii taasiseen, ummanni dhukkuba kanarraa akka of eegguuf ergaa camaa dabarse ture.