Namicha hokkara Kaappitol Hiil gaggeessetti hidhaan waggaa 18 murame

Madda suuraa, US JUSTICE DEPARTMENT
Hokkara Ameerikaa, Kaappitol Hiil keessatti gaggeeffamee ture dura bu'ummaan gaggeessaaniiru jedhamuun miseensonni garee finxaaleyyii maqaa 'Praawud Booyis' jedhamuun beekaman hidhaan itti murame.
Namni umuriin isaa waggaa 46 ta'eefi miseensa garee kanaa ta'e Doominik Peezolaa poolisiirratti haleellaa gaggeessuun, akkasumas hojiiwwan mootummaa gufachiisuudhaan himanni irratti dhiyaatee hidhaan waggaa 10 irratti murameera.
Waggaa lama dura Kora Mana-maree Ameerikaa irratti warra hokkara kakaasan dura bu'ummaan gaggeesseera kan jedhame namni umurii waggaa 32 Ittaan Roridiiyaan himanni cimaan hokkara kakkaasuuf shira xaxeera jedhu irratti banamee hidhaan waggaa 18 itti murameera.
Dursaan duraanii garee kanaa Enriikuu Taariyoo ammoo torban dhufu keessa murteen hidhaan itti murtaa'uuf jira.
Shira hokkara uumuu cimaatiin hidhaan waggaa 18 kan itti murame Roordiyaan, murtichi kennamuun dura, "hanqina gaggeessummaa guyyaa sana mudateef dhiifaman gaafadha," jedheera.
Itti dabaluunis, hokkarri uumamee ture, "baayyee gaddisiisaa" ta'uu isaa ibse.
"Kallattiinis ta'e kallattiin ala warran isin gaddisiise hunduu dhiifama naaf godhaa," jechuun gaafateera.
Haata'u malee, abbaan murtii kutaa bulchiinsa Ameerikaa Timootii Keelii taateewwan guyyaa sana mudatanii ture aadaa siyaasaa biyyattiin yeroo dheeraatiif ijaarte kan diige akka ture dubbate.
"Biyyattii kana keessatti aangaa waliif dabarsuu naga qabeessa ta'e yoo hin qabaanne waan tokkoyyu hin qabnu," jechuun abbaan alangaa Timootiin dubbataniiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maqaa masoo Ruufiyoo Paanmaan jedhamuun kan beekamu Noordiyaan garee Antiifaa jedhamu faashizimiifi sanyummaa irratti qabsaa'u waliin irra deddeebiin wal gaarerffannaa keessa galuun isaa ni yaadtama.
Miseensa Piraawud Booyis hokkara Kiippitol Hiil ilaalchisuun murtee adabbii darban keessaa Noordiyaan isa baayyee dheeraa ta'edha. Gaggeessaa garee xinxaaleyyii kan ta'e'Milishaa Ooz Kiipars' jedhame Istiwaart Roodis hidhaan waggaa 18 ji'oota dura itti murtaa'eera.
Jimaata darbe kan itti murtaa'e miseensa duraanii humna galaanaa yoo ta'u, poolisii waliin wallaansoo walqabuufi foddaa cabsuun isaa ibsameera.
Hokkarri Kaappitol Hiil kan mudate amma waggaa lama guuteera.
Deeggartoonni mo'amuu pirezidantii duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fudhachuu hin barbaadne Joo Baayiden filannoo mo'achuu isaa mormuudhaan kora miseensota mana-maree jeequun isaanii ni yaadtama.
Miseensonni mana-marees wayita sanatti mariyataa kan turan Joo Baayiden filatamuu isaa mirkaneessuuf ture.
Hokkara Kaappitol Hiil kana xiqqoo dursee filannootiin mo'amanii kan turan Doonaald Tiraamp, deeggartoonni isaa hanga dhumaatti akka falmaniif kakaasanii ture.












