Waashingitan DC: Namichi US Kaappitaal Hiil cinaatti boombii qabatee sodaachisaa to'atame

Madda suuraa, Reuters
Namichi gamoo Kongiraansii Ameerikaa Waashingitan DC jiru, Kaappitol Hiil cinaatti boombiidhaan sodaachise to'annoo jala oole.
Namni maqaan isaa Filooyid Reey Roozbeerii jedhamu umuriin isaa ganna 49 tahe, erga doorsifni sun dhagahamee sa'a muraasa booda harka kenne.
Poolisiin US Kaappitol, konkolaachisaa konkolataa Piik aappii taate cina Kongiransii daandii gamoo Kaappitooliifi Mana Murtii Ol aanaa gidduu dhaabee ture waliin haasa'aa ture.
Kaayyoon isaa maal akka tahe hin baramne. Poolisiin ammayyuu konkolaatittii sakatta'aa jira. Kongiraansiin Ameerikaa ammatti hojiirra hin jiru; hojjettootni gar-tokko gamoo Kaappitool keessaa kan hojjetan jiru.
Garuu hojjettootni gamicha keessaa hedduun baafamaniiru.
Viidiyoon nama konkolaatittii achi dhaabamte keessaa jiruun waraabame jedhame kallattiin tamsa'aa ture. Feesbuukiin tamsaasicha uggureera.
Pirofaayilii namichaas guutummaan haqeera. Namni viidiyoo sana irratti dubbataa ture kallattumaan pirezidaantii US, Joo Baayideniif yoo tahu waa'ee warraaqsaa dubbataa ture.
Mr Roozbeerii konkolaatittii hulaa irra dhaabuun poolisii isatti dhiyaate tokkotti akka boombii qabatee jiru hime. Meeshaa waan dho'u fakkaatu qabatee akka ture hogganaan poolisii Kaappitool Hiil J Toomaas Maanger ibsa miidiyaaleef kennaniin himaniiru.
Poolisiin karaa boordii adii Roozbeerii waliin dubbataa ture. Roobootii fayyadamuun bilbilas kennuufis itti hin fayyadamne jedhe Maanger. Mr Roozbeerii sana booda konkolaatittii keessaa bu'uun harka kenne.
'' Harka kennate. Mormii keessa hin galle waan taheef osoo miidhaan hin gahiin seeratti dhiyeessuudha yaadni keenya,'' jedhe hogganaan poolisii Kaappitol.
Poolisiin meeshaalee boombii hojjechuuf oolan konkolaataa namichaa keessaa argeera. Garuu boombii hin argine. Maddee seera kabachiistotaa lama maqaan isaanii akak eeramu hin feene, Rooyitarsitti akka himanitti Roozbeeriin qofuma isaa gochicha raawwate.
Poolisiin federaalaa mana jireenyaa namicha kanaa Kaaba Kaaroliinaa naannoo Giroover jedhamu jiru sakatta'eera.
Ollaan Roozbeerii Rooyitarsitti akka himanitti namichi deeggaraa Rippqabilikiinii yoo tahu, deeggarsa isaa pirezidaantii duraanii D Tiraampiif mul'isuuf koffiyaa ''MAGA'' uffataa ture.
Erga deeggartootni Tiraampi Koongireensii Ameerikaa ji'a Amajjii keessa weeraranii eegumsi nageenyaa naannoo Kaappitoolitti ergasii kan cimeera.Haleellichaan namootni 535 adabamaniiru.













