Poolisiin Kaappitaal haleellaan gaggeessamuu mala jechuun akeekkachiise

Madda suuraa, EPA
''Sodaa haleellaan raawwachuu danda'a'' jedhuun humnootni nageenyaa naannoo galma Kaappitaal Hiilitti bobbaafamuu poolisiin Kaappitaal hime.
Tarkaanfichi kan fudhatame odeeffannoo tikaa gareen hidhattootaa haleellicha raawwachuu danda'u jedhu argameen jedhe ibsichi.
Humnichi akka jedhetti sodaa kamiyyuu miseensota kongirensii irra gahuu malu hundaa dhaabsisuuf qophii tahuu hime.
Erga sodaan kun jiraachuun bira gahamee wal gahiin miseensota bakka bu'oota uummataa haqameera.
Haa tahu malee, wal gahiin seeneetii Kaappitaal Hiil keessatti dhimma baajata deeggarsa Covid-19 pirezidaanti Joy Baayiden doolaara tiriliyoona 1.9 irratti falmii gaggeessuuf eegalamuuf ture akka itti fufuuf karoorfameera.
Waa'ee sodaa kanaa poolisiin maal jedhe?
"Kutaan hojii keenya qaamolee naannoo, isteetii fi federaalaa waliin tahuun sodaa haleellaa Kaappitaal irra gahu hundaa dhaabsisuuf hojjechaa jirra'' jedhe poolisiin US kan Kaappitaal ibsa baaseen.
''Odeeffannoo tikaa cimsinee fudhanna. Haala uumama odeeffannichaa irraa ka'uun ammaaf odeeffannoo bal'aa kennuu hin dandeenyu.''
Sodaan haleellaa kun kan dhufe ji'a lamaan deeggartootni Tiraampi yeroo miseensotni mana maree US, Joy Baayiden filamuu isaa waraqaa ragaa kennuuf galmichatti wal gahan weeraruun hookkara kaasanittidha.
Hookkarichaan poolisii tokko dabalatee namootni shan du'uun bu'uura dimokiraasii Ameerikaas kan raase ture. Hogganaan poolisii Kaappitaal Hiil boodarra aangoo gadhiise.
Hookkaricha keessatti namoota hirmaatan jedhe 300 Waajjirri Haqaa Ameerikaa himateera.
Namoota adabaman kanneen keessatti gareen hidhattootaa kakuu eegsiftoota 'Oath Keepers and the Three Percenters' jedhaman argamu.
Dimokiraatotni haleellichi hookkara kaasuutti ilaalama jedhanii Tiraampi tahe jedhee akka weerarichi gaggeeffamu taasiseera jechuun akka aangoo irraa fonqolchamu himachuun seenaa Ameerikaa keessatti pirezidaantii osoo hojii irra jiruu yeroo lama himatni aangoo irraa kaasuu irratti baname tahe.
Booda irra seeneetiin bilisa isa baase.
Dhuma ji'a Guraandhalaa keessa Hogganaan yeroofii poolisii Kaappitaal Yoganaandaa Piitmaan, Kongireensitti akka himetti, deeggartootni Tiraampi haleellaa ji'a Amajjii duuba jiran, kaappitaal hiil ''haleeluun''seera baastota ajjeesuu barbaadu.
Liyoon Panetaa, hogganaan humna ittisaa duraanii Ameerikaa fi hogganaan CIA, haleellaa Amajjii hordofee poolisiin carraa of dabarsu qabaachuu hin qabu jedhan.
''Shororkeessummaa biyya keessaa irratti odeeffannoo tikaa walitti fufinsaan argachuu qabna. Waan Amajji jaha raawwate irra deebiin raachuuf yaaluu isaanii hordofuu barbaachisa. Akkan yaadutti waan amma argaa jirtan kanadha. Yoo gareen hidhate tokko tarii Ameerikaa rukute deebii sirrii kennuuf of eeggannoofi qophii cimaan jiraachuu qaba,'' jedhan.
Kamisni maaliif barbaachisaa tahe?
Deeggartootni garee shira finxaalessummaa yaad-rimee 'QAnon' jedhu qaban sobaan Kamisni guyyaa Tiraampi yeroo lammaffaaf gara Waayit Haawusittitti deebi'udha jedhu.
Guyyaa kana irratti kan xiyyeeffataniif ammoo haareffamni heeraa Ameerikaa 20ffaa bara 1933 osoo hin gaggeeffamiin dura pirezidaantiin kakuu seenee kan aangoo qabatu gaafa Bitootessa 4 ture.
Bara 1933 hareeffama heeraa gaggeeffametu guyyicha gara Amajjiitti jijjire. 'QAnon' yaad-rimeen jedhu waanuma qabatamaan hin mul'anne tahee garuu pirezidaanti Tiraampi waajjira mootummaa, biizinesii fi miidiyaa keessatti namoota seexana waaqeffatan irratti duula bananiiru jechuun kan amanudha.
Tajaajilli tikaas Bitootessa 4 ilaalchisee marii warra 'QAnon' kana quba qabu. Garuu gochaa jeequmsaas tahe yaalii haleellaa agarsiisu hanga ammaatti waan mul'ate hin jiru.
Roobii kaleessaa Melisaa Smislova, hoggantuun yerooofi tika biyya keessaa, odeeffannoon tikaa keessoo waa'ee ''shororkeessitoota Bitootessa 4 fi Bitootessa 6'' qophaa'uu seera baastotaaf mirkaneessiteetti.













