Maseenummaan dhiiraa maaliif dabalaa dhufe?

Waa'een maaseenummaa yoo ka'u sammuu namoota baay'eetti kan dhufu waa'ee dubartootati. Keesumaa fakkii dubartoota baratanii, kan magaalaa jiraatanii, hojii ciccimaa hojjatanii faatu yaada namaa keessa dhufa.
Amma amma garuu fakkiin namoota maseenummaan yaada namaa keessa dhufuu jijjiramaa jira jedha qorannoon.
Qorannoon dhiheenya kana bahe tokko akka agarsiisutti dhiirotni hedduun barbaadan illee dhala godhachuu akka hin dandeenye ibsa. Keessumaa dhiirota galii gadi aanaa qaban irratti ni heddumata
Qorannoon bara 2021 Noorweey keessatti gaggeeffame akka agarsiisutti, daa’imman dhabuun dhiirotaa warra galii gadi aanaa qabanii harka shan keessaa dhibbeentaa 72 yoo ta’u, kan warra galii fooyyee qabanii dhibbeentaa 11 qofa.
Waliigalaan maseenummaan warra dhiirotaa waggoota 30 darban keessatti dhibbeentaa 20'n dabaleera.
Namoota daa'ima godhachuu barbaadanii garuu rakkoo kanaaf saaxilaman keessaa tokko Roobin Haadlii ture. Akkaa carraa Yuniversiitii hin gallee ture, laaboraatoorii Yuunivarsiitii Maanchistar keessatti ogeessa suuraa teeknikaa ta'ee hojjataa ture. Wayita umuriinsaa waggaa 30 ta'u daa'ima godhachuu baay'ee barbaadee ture.
Yaroo umuriin isaa 20 fuudhee hiike, achiin boodas kofaleessa (laaxxee) ture. Galii inni argatu kiraa manaa kanfalee waan xiqqoon waan haftuuf akka garaa isaa ta'uu hin dandeenye. Hiriyaa jaalalaa qabachuunis qormaata itti ta'e
Hiriyoonni isaa fi miiltoowwaan hojii isaa yeroo daa'ima godhatan, inni garuu miirri dhabuu itti dhaga'ame.
“Kaardiin guyyaa dhalootaa ijoolleef ykn wayita daa’imman haaraan walitti qabaman, hundi ofii fi wanta ati ta’uun si irraa eegamu si yaadachiisa. Kana yeroo yaaddummoo mirra keessa galtaa" jedha.
Muuxannoon kunis dhiironni akka isaa baay'een har'a maaliif abbaa ta'uu akka hin barbaanne ilaaluun kitaaba akka barreessuuf isa kakaase.
Qorannoo isaa keessatti, akkuma inni jedhe, "wanti bu'aa walhormaataa irratti dhiibbaa uumu hundi dinagdee, baayoloojii, yeroo taateewwanii, filannoo hariiroo" irratti dhiibbaa akka qabu hubateera.
Akkasumas dhiironni ijoollee hin qabne irra caalaan umurii fi dhala irratti akka hin jirre hubatee, akkasumas istaatiksii biyyaalessaas kanuma ibsa.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haadliin filannoodhaan osoo hin taane dhiirota ijoollee hin qabne biroo Biriteen keessa jiran waliin gaafifi deebii taasiseera. Gaddaafi kasaaraa isaaniis ibsanii jireenya isaanii keessatti "waan tokko akka hir'ate" itti himan.
Torban kana lakkoofsi Waajjira Istaatistiksii Biyyaalessaa irraa argame akka agarsiisutti, da’umsi Ingilaandii fi Weels keessatti giddu galeessaan dubartii tokkoof da’umsa 1.44tti gadi bu’eera, kunis sadarkaa gadi aanaa galmee irratti galmaa’edha.
Sadarkaan hamma dhaloota Ameerikaa sadarkaa gadi aanaa irra kan jiru yoo ta’u, bara 2022 Chaayinaan waggoota 60 booda lakkoofsi ummataashee yeroo jalqabaaf hir’achuu gabaasteetti.
Biyyoota addunyaa hunda keessatti haala jechuun danda’amuun, baay’inni namoota daa'ima hin godhannee guddachaa jira.
Istaatistiksii addunyaa irratti haala adda addaatiin walitti qabamuun rakkisaa ta'us garuu,
Istaatistiksii addunyaa irratti haala adda addaatiin kan walitti qabaman yoo ta'u, wal bira qabuun rakkisaadha, garuu saffisi namoota daa'imman hin godhannee Baha Eeshiyaa keessatti ol'aanaadha, gara 30% ta'a, UK keessatti 18 % ta'a.

‘Dhala dhabuu hawaasa’ dabaluu
Namoota tokko tokkoof kun filannoodha. Kaan ammoo sababiin dhala dhabuu baayoloojii yoo ta'u, kunis UK keessatti hiriyoottan gaa'elaa saala walfakkaataa qaban torba keessaa tokko kan miidhudha.
Namoota hedduu kan akka Roobiniif garuu waan biraati, sababoota addaa addaa kanneen akka hanqina qabeenya, qabsoo maallaqaa, ykn yeroo sirrii nama sirrii ta’etti wal arguu dhabuu dabalatee ta’uu danda’a. Tokko tokko kana “dhala dhabuu hawaasaa” jedhanii waamu.
Dhaabbata Qorannoo Uummataa Finlaanditti ogeettii hawaasummaa fi dimogiraafii kan taate Aanaa Rootkirch waggoota 20 oliif Awurooppaa fi Finlaanditti akeeka dhala dhabuu qorattee kan turte yoo ta’u, wanti biraas kana keessa jiraachuu akka danda’u falmiti. Akkaataa ijoollee itti ilaallu irratti jijjiirama guddaatu jira jetti. hubatteetti.
Akkuma gaa’ela, yeroo tokko daa'ima godhachuun akka taatee dhagaa bu’uuraatti ilaalama ture. Kunis waan dargaggoonni yeroo jireenya ga’eessummatti seenan hojjetaniidha. Amma, jedhu Piroofeesar Rotkirch, akka taatee ijoo erga galmoonni biroo milkaa'ee booda itti deebi'amutti ilaalama.
Eeshiyaan alatti, Finlaandi sadarkaa daa'ima dhabuun addunyaa irratti sadarkaa olaanaa qabu keessaa tokkodha. Garuu bara 1990mootaa fi jalqaba bara 2000moota keessa imaammata daa'immaniif mijatu addunyaa irratti adda duree ta'een dhala dhabuu hir'achaa dhufe waliin wal'aansoo qabuun dandamateera.
Boqonnaan da'uumsaas achitti fooyyedha, kunuunsi daa’immaniifis gatii madaalawaa fi dhiiraa fi dubartoonni hojii manaa walqixa qooddatu.
Bara 2010 irraa eegalee garuu, biyyattii keessatti dhala dhabuun harka sadii jechuun danda’amuun gadi bu’eera.
Piroofeesar Rootkirch, “Namoonni gita adda addaa hunda keessa jiran, daa'ima godhachuun jireenya isaanii keessatti mirkanaaʼuu dhabuu akka dabalu waan yaadan fakkaata” jechuudhaan ibsan.
Finlaanditti dubartoonni dureeyyii ta’an fedhii malee dhala dhabuun isaanii xiqqaa yoo ta’u, dhiironni galii gadi aanaa qaban ammoo carraan isaanii guddaadha.
Sun jijjiirama guddaa kan darbe irraa dhufedha. Seenaa keessatti namoonni maatii hiyyeeyyii irraa dhufan gara ga’eessotaatti dursanii ce’uu danda’u- barnoota dhiisanii, hojii argatan, umurii xiqqaatti maatii jalqaban.
Seenaa keessatti namoonni maatii hiyyeeyyii irraa dhufan gara ga'eessotaatti dursanii ce'uu danda'u - mana barumsaa gadhiisuu, hojii argachuu fi umurii dargaggummaatti maatii jalqabuu. Adeemsi kun Awurooppaattis mul’achaa jira.
“Amma dhugumatti namoota baay’ee miidhaman kanneen maatii jalqabuuf carraan isaanii xiqqaadha, sababiin isaas maatii jalqabuuf carraan isaanii xiqqaadha,” jechuun Yunivarsiitii Saawuz Haampitan keessatti ogeettiin dimogiraafii Bernice Kuang itti dabaluun himteetti.
Dr Kuang akeeka dhala dhabuu dargaggoota UK yeroo qoratan bu'aan qorannoo kanaa ajaa'ibsiifatte.
Dargaggoonni waggaa 18 hanga 25 (%15) amma yoomiyyuu ijoollee hin godhan jedhan dachaa lama, kan waggoota 15 duraa (%7-8) waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu. Kanneen biroo hedduun mirkanaa’aa miti.
Namoota ammallee ijoollee godhatan hunda keessaa walakkaa ol akka hin barbaanne ykn mirkanaa’aa akka hin taane dubbataniiru. “Sun dhaloota darban irraa jijjiirama guddaadha,” jedhu Dr Kuang.
Warri deebii hamaa kennan maallaqaan hunda caalaa nageenya kan hin qabne ta’uu danda’u. Bakka dargaggoonni sadarkaan jireenyaa warra isaanii caalaa gadi aanaa akka qaban itti dhaga’amutti carraan daa'ima barbaaduu isaanii xiqqaadha.
UK keessatti giddu galeessaan umuriin liqii manaa jalqabaa argachuuf walakkeessa waggaa soddomootaa ta'uu isaa yeroo ilaaltan hiika qaba jedhu Dr Kuang, warri kunuunsa daa'immanii gatii madaalawaa ta'e argachuuf rakkatu.
''Akeekni yoo hin jijjiiramne jijjiiramni hawaasummaa guddaa ta'a, UK'n rikoordii cabsitee jiraachuu ishee ilaaluun barbaada," jetti.
Rakkoo dhiirummaa
Dhiirotaaf tasgabbii dhabuun dhimma maallaqaa dhala dhabuu irratti dhiibbaa hammaataa qaba.
Ogeeyyiin hawaasummaatiin “bu’aa filannoo” jedhamee kan waamamu yoo ta’u, dubartoonni yeroo hiriyaa gaa’elaa filatan nama gita hawaasummaa foyyee qabu barbaadu.
''Gama beekumsaa fi ofitti amanamummaatiin sadarkaa koo keessaa ba'uuf rakkachaa akkan jiru nan arga ture,'' jedha Roobin Haadliin. “Ilaalcha irratti, bu’aan filannoo ta’uu danda’a ture jedheen yaada.”
Dhuma waggaa soddomaa keessa haadha warraa isaa ammaa waliin wal bare. Yeroo waa'ee ijoollee haasa'anitti umuriin isaanii afurtama keessa waan tureef yeroon isaa darbeera.
Garuu barnoota isaa itti fufee yunivarsiitii seenaa PhD isaa akka hojjatuu fi ofitti amanamummaa akka argatu akka isa gargaarte dubbata. Garuu yunivarsiitii dhaqee PhD akka argatu ofitti amanamummaa akka argatu akka isa gargaarte dubbata. “Osoo isheen hin taane bakkan amma jiru kana hin jiru ture.”
Biyyoota addunyaa keessatti dubartoonni 70% dhiirota caalaa baay'achuun isaanii waan ogeettiin hawaasummaa Yale Marcia Inhorn "qaawwa walhormaataa" jettee waamtuf sababa ta'eera.
Awurooppaatti dhiironni digrii yuunivarsiitii hin qabne ijoollee hin qaban jechuudha.
Dubartoonni biyyoota addunyaa %70 keessatti barnootaan dhiirota caalanii jiru, kunis waan ogeettiin hawaasummaa Yale Marcia Inhorn “qaawwa walhormaataa” jettee waamtutti sababa ta’eera.
Awurooppaatti dhiironni yuuniversiitidhaa digirii hin qabne garee namoota carraan daa'ima hin godhannee ta'uu jechuudha.
Dimoogiraafii ijaan hin mul'anne
Akkuma biyyoota baay’ee UKn yeroo da’umsa galmeessan seenaa dhala haadha qofa waan fudhataniif waa’ee dhala dhiiraa ragaa gaarii hin qaban.
Kana jechuun dhiironni ijoollee hin qabne akka “gosa” beekamtii qabuutti hin jiran. Biyyoonni tokko tokko garuu lamaan isaanii fudhatu.
Qorannoon bara 2021 Noorweey gaggeeffame akka agarsiisutti dhiironni baay’een “duubatti hafaniiru” jechuun, “dhiirota hiyyeeyyii biratti ijoollee dhabuun olaanaadha”, akkasumas “walqixxummaan dhala dhabuu kun yeroon darbaa deemuun bal’ateera” jechuun falmeera.
Akka barreessitoonni jedhanitti, “waa’ee dhala dhabuu dubartootaa waan baay’een duraan beekamu ta'us...wal bira qabamee yoo ilaalamu waa’ee dhala dhabuu dhiiraa kan beekamu xiqqaadha.”
Sadarkaan dhala godhachuu hir’achuu keessatti gaheen dhiironni qaban yeroo baay’ee bira darbama jedha Yunivarsiitii Oksifoorditti fayyaa fi sirna wal hormaataa dhiirotaa kan qoratu Viinsent Istiraaub.
Gahee "dhiirummaan" dhala dhabuu keessatti qabu - burjaajii dargaggoonni yeroo dubartoonni hawaasa keessatti aangoo argatan itti dhaga'amuu fi ejjennoo dhiirummaa fi jijjiiramaa jiruuf fedhii qabuuti.
Dhimmoonni dhiirummaa irratti rakkoo uumaa jiran kun akkaataa hariiroos jeeqaa jiru.
Finlaandi gaa'ilaan ala walqunnamtii saalaa ilaalchisee odeeffannoon jiru, Piroofeesar Rootkirch akka isaan yaaddessu himu.
Dur hiriyoonni gaa'elaa waliin jiraatu, mucaa godhatu, yeroo dheeraf waliin jiraatu turan. Amma hiriyoonni gaaʼelaa waliin ijaarratan yeroo baayʼee addaan baʼu.
Akkasumas dhiibbaan miidhaan yeroon iskiriinii irratti dabarsan gaa'ila irratti qabuufi dhiibbaan hojii qabu akkaataa hiriyoonni gaa’elaa itti ilaalan irratti garaagarummaatu jira.
''Garaagarummaa dhiiraafi dubartoota irraa eegamu argaa jirra,'' jedha Viinsent Istiraaub.
Sirna koorniyaa dubartoota duubatti deebisaa jiru
Maartaa Baa'oon umuriin ishee waggaa 30 yoo ta'u, magaalaa Shaangaayitti humna namaa irratti hojjetti. Garee dargaggoota Chaayinaa saffisaan guddachaa jiran kan No Parenthood jedhan keessaa tokkodha.
Bara 2019tti Chaayinaa keessatti namoota umuriin isaanii waggaa 30 gadi ta’e keessaa 4.5% ijoollee hin barbaadan turan. Waggaa lama booda lakkoofsi sun dachaa ol dabalee 9.5% ta’eera.
Istaatistiksii sun dubartootaafi dhiirota adda hin baasan, garuu Maartaan hiriyyoonni ishee dubaraa irra caalaan isaanii daa'ima godhachuu akka hin barbaanne kan dubbattu yoo ta’u, dhiironni hundinuu ni barbaadu.
Chaayinaa keessatti ba'aan daa'imman kunuunsuu akkasitti haadholii irratti yeroo kaa'amu waan nama ajaa'ibu miti jetti.
''Mucaa guddisuu jechuun itti gaafatamummaa baay'ee fudhachuu jechuu waan ta'eef fudhachuu hin barbaadu jedheen yaada. Bilisa ta'uun barbaada,'' jechuun ibsiti.
Maaltu furmaata?
Sababni biraan sadarkaan dhala godhachuu gadi bu'eef, mariin dhimma dhalaan wal qabatuu guutummaatti dubartoota irratti kan xiyyeeffate ta'uu isaa ta'uu Straub fi Hadley kan akeekan.
Imaammattoonni dhimmicha furuuf qophaa’an kamiyyuu walakkaa isaa dagataniiru.
Straub akka dhimma fayyaa dhiirotaatti dhala dhabuu irratti xiyyeeffannee faayidaa kunuunsa abbootii irratti mari’achuu qabna jedhee amana.
''Gamtaa Awurooppaa keessatti dhiiroota 100 keessaa tokko qofatu daa'ima kunuunsuuf hojii irraa boqonnaa fudhata, dubartoota sadii keessaa tokko qofa,'' jedha.Suniyyuu utuu daa’ima guddisuun fayyaa dhiirotaaf gaarii akka ta’e ragaaleen hedduun jiruti.
Roobin Haadliin, “Daataa fooyya’aa nu barbaachisa” jedha. Hanga dhala dhiirotaa galmeessinutti, guutummaatti hubachuu hin dandeenyu – ykn dhiibbaa inni fayyaa qaamaa fi sammuu isaanii irratti qabu ragaan deeggaruu barbaachisa.
Akkasumas marii dhala irratti dhiironni jiraachuu dhabuun isaanii galmee caalaa.
Dargaggoonni waa’ee dhala isaanii yaaduu akka qaban amma hubannoon guddaan yoo jiraatellee, haasawa dargaggoota gidduutti taasifamaa jiru miti.
Dhiironnis yeroo baayoloojii qabu jedha Hadley, "qorannoo isparmiin dhiiraa waggaa 35 booda bu'a qabeessummaa isaa akka hir'atu agarsiisa.Sunis waan dargaggoonni hedduun hubachuu qabu jedhee yaadudha."
Kanaafuu garee ijaan hin mul’anne kana akka mul’atu gochuun karaa dhala dhabuu hawaasummaa ittiin ittisan keessaa isa tokkodha. Kan biraa immoo hiika maatii irratti ta’uu danda’a.
Qorattoonni waa’ee ijoollee dhabuu yaada kennan hundi namoonni ijoollee hin qabne ammallee isaan guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qaban akeekuuf fedhii guddaa qabu turan.
Ogeeyyiin ikoloojii amalaatiin alloparenting jedhama jechuun Anna Rotkirch ibsiti.
Jijjiirama keenya keessaa harka caalu keessatti daa’imni tokko kunuunsitoota kudhan ol barbaada
Dhiirota ijoollee hin qabne Dr Hadley qorannoo isaa keessatti dubbise keessaa tokko maatii kilabii kubbaa miilaa naannoo isaanii jiru keessatti yeroo hunda wal argan ibseera.
Pirojektii mana barumsaa tokkoof ijoolleen dhiiraa xixiqqoo lamaan akkoofi akaakayyuun isaan barbaachisa ture. Garuu tokkollee hin qaban turan.
Waggaa sadiif akaakayyuu bakka bu’aa isaanii ta’ee gidduu seene sana booda kubbaa miilaa irratti yeroo isa argan “Hi grandad” jedhu turan.
"Haala kanaan beekamtii argachuun baay'ee nama gammachiisa ture," jedhan.
"Namoonni ijoollee hin qabne baay'een kunuunsa gosa kanaa keessatti hirmaatu jedheen yaada, hin mul'atu, galmee dhalootaa keessatti hin mul'atu, garuu dhuguma barbaachisaa dha," jedhu Piroofeesar Rootkirch.












