Namootni hokkora Kaapital uumuun suurri isaanii hedduu qoodame himataman

Jeek Chaansilii nama yaada ragaan hin deeggaramne dhiyeessuun beekamudha

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Jeek Chaansilii nama yaada ragaan hin deeggaramne dhiyeessuun beekamudha

Hordofaa beekamaa yaadota raga malee dhiyaatan tarkaanfachiisuun bekamu ‘QAnon’ jedhamuu namni ta’e kun hokkora Paarlaamaa US ‘Capitol’ irratti ka’een himatame.

Jaakoob Antoonii Chaansilii, maqaa Jeek Anjeelii jedhamuun beekamu kun humnaan cabsanii seenuufi hokkoraan himatame.

Namni ‘QAnon Shaman’ jedhee of waamu kun, fuula halluun dibame, koofiyyaa rifeensaafi gaafa qabu uffachuun Roobii darbe Kaappitaal keessatti suuraa irratti mul’atedha jedhama.

Tiraampi shoora hokkora kanarratti gumaataniif angoorraa buqqisuuf ammas yaaliin taasifamaa jira.

Dimokraatonni hokkora namoota shan galaafate kana jajjabeessaniiru jechuun pirezidanticha himatu.

Biiroon Qorannoo Federaalaa (FBI)namoota achirratti hirmaatan ummanni akka saaxiluuf waamicha dhiyeessaa jira.

Abba Chaansiliin himatasaarratti ammallee ifatti yaada hin kennine.

Ibsi Abbaa Alangaa Waliigalaa Waashingitan Diisii akka jedhetti, ‘‘Namni kun eeboo faana jaha dheeratu qabachuun qara eeboo sanaarra alaabaa US hidhee mul’ateera."

Namni Filooriidaarraa dhufe biraan wal-tajjii Naansii Peeloosii Mana Maree Bakka bu’ootaa keessaa baatee osoo ba’uu suuraa irratti mul’ates hidhamuu ibsi poolisii beeksiseera.

Namoota hokkara Kaapital irratti hirmaata keessaa tokko

Madda suuraa, Getty Images

Namni ganna 36 Adaam Joonsan hanna qabeenya mootummaafi humnaan cabsanii seenuudhaan himatame.

Warreen himataman keessaa Seenaatarri Varjiiniyaa Deeriik Eevaansi ni argamu. Namni kun deeggartoota Tiraampi waliin dhaabbatanii viidiyoo mul’isu erga maxxansanii booda gara gamoo sanaatti seenaniiru jedhame.

Isaanis himatuma humnaan paarlaamaa biyyattii cabsanii seenuudhaan himatamani, akka Ministeerri Haqaa jedhetti.

Namoonni kurnaniin lakkaa’aman hokkora guyyoota muraasa dura mudateen wal-qabatee himatamaniiru.

Abba Tiraampi guyyoota 10 booda angoo kan gadhiisan ta’us, Dimokraatonni mana marichaa to’atanii jiran nama kana sana dura angoorraa buqqisuuf yaalaa jiru.

Dubbi himaan Waayit Haawus tokko akka jedhanitti, Tiraampiin yeroo kanatti angoorraa kaasuun darna biyyattii qoqqooda.