Filannoo US 2020: Dimokiraatonni keewwata ittiin Tiraampiin aangoorraa buqqisan dhiyeessuuf

Madda suuraa, Reuters
Dimokiraatonni US keeyyata Pireezdaant Doonaald Tiraampiin ittiin buqqisan dhiyeessuuf karoorfataa jiru.
Af-yaa'iin Mana Maree Naansii Peloosii, Tiraamp atattamaan aangoo gadi hin dhiisu taanaan gara buqqisuuttin deema jette.
Himannaan "hokkara kakaasuu" Dimokiraatota Mana Maree keessa jiraniin Wixata irratti dhiyaachuuf jira.
Dimokiraatonni hokkara Roobii darbe uumamee lubbuun namoota shanii akka darbuuf sababa ta'e kakaaseera jechuun himatan.
Pirezedaantiin filatame Joo Baayidan ammoo Tiraampiin buqqisuun murtee Kongireesiiti, garuu, "Tiraamp silaayyu itti-gaafatama bakka sanaa bahachuuf gahumsa akka hin qabne yeroo dheeraaf" yaadaan ture jedhan.
Yeroon aanoo Pirezdaantiin US Doonald Tiraamp hafte guyyoota 11 taatus, Dimokraatiin Seeneetii olaanaa garuu erga deggartoonni isaa Roobii humnaan gamoo Kaappitool seenanii jeeqanii booda hatattamaan aangoon pireezdaantummaa isaa akka buqqifamu gaafachuun keewwata dhiyeessuuf jiru.
'Guyyaa tokkoofuu aangoorra turuu hin qabu'
“Wanti (Roobii) US Kaappitol keessatti raawwate, kakaasa pirezdaantiin fincila US irratti taasifamedha. Pirezdaantiin kun guyyaa tokkoofi aangorra turuu hin qabu,” jechuun Seeneetar Chak Shuumer ibsaniiru.
Dabaluunis Itti-aanaan Pireezdaanti Maayik Peensi Ameendimaanti (keeyyata foyya’aa) 25ffaa fayyadamuu qaba jedhaniiru. Keeyyati kun aangoon pireezdaantii irraa gara itti-aanaa pireezdaantiitti yeroofis ta’e akka darbu kan eeyyamudha.
“Itti-aanaa pireezdaantiifi kaabineen yoo ejjennoo fudhachuu baatan, Kongiressiin pireezdaanticha aangoorraa kaasuuf deebi’ee mari’achuu qaba,” jedhan.
Diimokraatooni Mana Maree Bakka Bu'ootaatti Koree Dhimma Seera Hiikaa keessa jiranis, Doonald Tiraamp gocha fincilaa kakaase “dimookraasii keenya xiqqeessuu’ irratti hojjeeteera jechuun akka aangoo irraa isa kaasuuf Itti-aanaa Pireezdaantii Maayik Peensitti, xalayaa barreessaniiru.
Kun akkamiin hojjata?
Ameendimantiin 25ffaa yeroo pireezdaantiin itti-gaafatamummaa isaa ba’uu dadhabutti, fakkeenyaf sababa dhibee qamaan ykn sammuun hojjachuu yoo hin dandeenye, itti-aanaan pireezdaantii yeroof akka aangoo pireezdaantummaa fudhatuuf kan eeyyamudha.
Qaamni ameendimanticha mari’atamaa jiru isa afuraffaadha. Kun itti-aanaan pireezdaantiifi harki caalaan kaabinee Pireezdaant Tiraamp itti-gaafatamummaa isaa ba’uu dadhabuusaa akka beeksisaniif kan eeyyamudha!
Mana Maree Bakka Bu'ootaafi Seeneetiitti pireezdaantichi bulchuu waan hin dandeenyeef ykn “aangoofi itti- gaafatamummaa waajjiirichaa” hojjachuu akka hin dandeenyee xalayaa mallatteessanii erguu qabu. Yeroo kun ta’u Itti-aanaan Pireezdaantii Maayik Peens battalumaan aangoo fudhata.
Pireezdaantichi carraa deebii isaa barreessee kennuun ni keennamaaf, yoo moorme ammoo murteen Kongiresiif kennama.
Pireezdaantichi akka buqqifamuuf sagaleen Seneetiifi Mana Maree Bakka Bu’ootaan kennamu kamuu calmaa harka sadii keessa lamaa argachuu qaba.
Hanga dhimmichi furamutti Itti-aanaan pireezdaantii bakka pireezdaantichaa bu’ee hojjata.
Mariin Ameendimaantii 25ffaa fayyadamuu Onkololeessa bara darbe yeroo Pireezdaant Tiraamp Covid-19 qabametti, yaaddoo dhukkubsatee tajaajilu hin dand’u jedhuun ka’ee ture.
Yerooma sana keessa Af-Yaa’ii Naansii Peloosii Amendimantii 25ffaa irratti hundaa’uun sirna komiishinii pireezdaantiin aangoo isaaf ga’aamoo miti jedhu uumte turte.
Kana dura hojiirra oolee turee?
Ameendimantiiin 25ffaa kan raggaasifame pireezdaant Joon F Kenedii ajjeefamee wagga afur booda bara 1967tti yoo ta’u, yaaddoo yoo pireezdaantiin itti-gaafatamummaa isaa ba’uu hin dandeenye aangoo eenyu fudhata jedhu furuuf ture.
Sababa kanaaf, pireezdaantonni hedduun ameendimaantii kana fayyadamaniiru- keessumaa kutaa isa sadaffaa- kan akka isaan yeroof aangoo itti-aanaa pireezdaantii isaaniif dabarsaniif eeyyamu.
Bara 2002 fi 2007tti Pireezdaanti Joorji W Buush yeroo wallaansaa Kolonskooppii isaa yeroo yeroof qoricha of wallaalsisu kennameefitti itti-aanaa pireezdaantii isaatti aangoo dabarsee ture. Akkuma kana Pireezdaant Roonald Reegan bara 1985tti yeroo wallaansa baqaqsanii yaaluu kaansarii argachaa ture yeroof aangoo dabarsee ture.
Hanga ammaatti garuu, pireezdaantii gutummaan guututti Ameendimantii 25ffaa fayyadamuun aangoorraa kaafame hin jiru.
Pirezdaant Tiraamp mala biroon akkamiin aangoorraa kaafamuu danda’a?
Pireezdaant Tiraamp akka aangorraa kaafamuuf si’a lamaffaaf waamichi godhameera.
Miseensi Kongireesii Dimookraatic Minisootaa Ilhaan Omaar akka inni aangoorraa kaafamuuf gabaasaa qopheessaa akka jirtu erga beeksistee booda Dimokraatonni biroos deeggarsa isaanii dhageessisaniiru.
Kana dura Donaald Tiraamp Muddee 2019tti himannaa carraa deebi’ee filatamuu isaa fooyyeessuuf jecha Yukireen irraa karaa seeraan alaan gargaarsa gaafatee ture jedhamuun aangoorra akka buqqifamuuf dhiyaatee ture.
Himannaa lamatu irratti dhiyaate -aangoo qisaaseessuufi sirna Kongiresii cabsuu – ta’us garuu boodarra Seeneetii Rippaablikaanootaan durfamuun himannaan isaa haqameera.
Tiraamp seenaa keessatti pireezdaanti US akka aangoo irraa kaafamuuf dhiyaatee isa sadaffaadha.
Buqqifamuu jechuun dhaddachii akka banamuuf himannaa gara Kongiresiitti fiduu jechuudha.
Heera US keessatti pireezdantiin “aangoorraa kaafamuu kan dana’u yoo himannaan biyya ganuu, malaammaltummaafi yakkoota gurguddoo biroo irratti mirkanaa’eedha.”
Adeemsa yakkaa caalaa kun adeemsa siyaasaadha.
Sadarkaa lamaan rawwata – gabaasni gara Mana Maree Bakka Bu’uutaatti dhiyatee, yoo darbe, dhaddachaaf gara Seneetiitti dabarfama.
Asitti garuu pireezdaanti aangoorraa kaasuuf sagalee harka sadii keessa lama argamuu qaba – seenaa US keessatti garuu kanarra ga’amee hin beeku.
Yoo Pireezdaant Tiraamp adeemsa aangoorra kaafamuu kanaan bakka buufame, Itti-aanaan Pirezdaantii Maayik Peens gara wajjira Pireezdaantii (Oval Office) seena jechuudha.
Kana dura pireezdaantii yeroo tajaajila isaa keessatti akka aangorraa kaafamuuf si’a lama dhiyaate hin jiru.
Gaaffiin amma jiru Pireezdaant Tiraamp maarsaan isaa Amajjii 20 dhumee filataamaan Pireezdaant Joo Baaydan aangootti dhufutti, Tiraampiin aangoorraa kaasuuf yeroon ga’aa jiraa isa jedhudha.















