Filannoo US 2020: Tiraamp gutummaan guututti Tiwitara irraa dhorkame

Madda suuraa, Getty Images
Pireezdaantiin US Doonald Tiraamp guutummaan guututti Tiwiitara isaa akka hin fayyadamne dhorkameera. Kanaaf ammoo sababiin isaan, “yaddoo hokkara dabalataa kakasuu danda’a jedhuun,” akka ta’e dhaabbatichi himeera.
“Maxxaansa akkaawuuntii Doonald, @realDonaldTrump jedhu irratti dhiyeenyaa ba’aa ture gadi fageenyaan ilaaluun booda” murtee kanarra akka ga’ame Tiwiitar ibseera.
Seera baaftoonniifi namootni bebbekamoo waggootii dheeraaf Tiraamp akka Tiwiitara irraa dhorkamuuf gaafachaa turaniiru.
Giiftii dureen duraanii Misheel Obaamaa Kamisa dhabbileen teeknoolojii Silikan Vaalii gurguddoo, “amala hammeenyummaa” Tiraamp eyyaamuu akka hin qabneefi gutuummaatti isa dhorkuu akka qaban Tiwiitar gubbaatti barreessiteetti.
Tiraamp maaliif dhorkame?
Tiraamp Roobii namoota US Kaappitool humnaan seenaniin erga “gootota” jedhee booda sa’aatii 12 qofaaf Tiwitara irraa dhorkamee ture.
Yeroo Kongiresiin US injifannoo filannoo pireezdaantummaa Joo Baayden raggaasisuuf maarirra turanitti deeggartoonni Tiraamp dhibbaan lakkaa’aman gamoo sana humnaan seenaniiru. Hokkora kanaan qondaala poolisii tokkoofi namootni afur lubbuu isaanii dhabaniiru.
Yeroo sanatti Tiwiitarri yoo seera dhaabbatichaa cabse akka “guutummaatti” isa dhorku Tiraampiin akeekkachiise ture.
Murtee kanaaf deebii akkamiitu ture?
Erga Tiwiitarri akkawuntii isaa @realDonaldTrump jedhu balleessetti, Tiraamp akkawuntii Pireezdaantii US @Potus irraatti “gara fulduraatti mala miidiyaa hawaasuummaa ofii keenyaa itti banuu dandeenyu ilaalle: Tiwitaraan mormina jechuun barreesseera.
Ta’us maxxansi isaa kun akkuma maxxanfameen deebi’ee haqameera.
Dhabbileen Teeknoolii biroo Tiraampiifi deeggartoota isaa dhorkan jiruu?
Jiimata Tiwiitarri nama raadiyoo irratti dhiyeessaa ta'e Rush Liimboo fi deeggartoota Tiraamp beekamoo lamaan: qondaala nageenya biyyaaleessa duraanii Maaykel Filiin fi Abukaatoo Sudnuu Paaweliin gutummaatti dhorkeera.
Boodara guyyaama sana Google ammoo miidiyaa hawaasumma Parler jedhamu -kan Tiwiitara morkachuun deggaartoonni Tiraamp hedduun fayyadaman – gabaa intarneeta isaa irraa dhorkeera.
“Waantoota Parler irratti hokkara US kana jajjabeesuun irra daddeebiin maxxanfaman agareerra,” jedha Google.
Kamisa amoo, Feesbuukiin “yeroo hin beekamneef” Tiraampiin dhorkeera. Miidiyaan hawaasuumma Twitch jedhamuus chaanalii Tiraamp kan inni hokkara guyyaa sana ittiin dabarsuuf fayydame yeroo hin beekamneef dhorkeera. Miidiyaan hawaasumma Snapchat jedhamuus murtee kana fudhateera.
Seenaan gabaabaan Tiraamp inteerneetarra ture lama torban kana dhaabbata daldala intarneetaa e-commerce jedhamuun cufameera. Jimaata irra ammoo Reddit fuulaa “donaldtrump’ jedhamu deeggartoota isaaf qophaa’e cufeera.
Tiraamp Tiwiitara morkattoota isaa arrabsuuf, deegartoota isaa jajuuf, qondaaltota ari’uuf, “oduu sobaa” isa jedhu haaluuf, akkasumas komii isaa dhageessisuf fayyadamaa tureera.
Bara 2017 irratti Dippaartimantiin Haqaa US wanti Tiraamp Tiwiitara irratti barreessu “yaadaa Pireezdaantii Yunaayitid Isteetidha” jedhe ture.















