Suurri seena-qabeessi Tiraamp mana hidhaa Atilaataatti kaafame ifa ta'e

Madda suuraa, FULTON COUNTY SHERIFF'S OFFICE
Suurri pirezidantii duraanii ameerikaa Doonaadl Tiraamp seena-qabeessa jedhame Atilaantaa, Joorjiyaatti erga hidhameen booda poolisiin isa kaase gadhiifame.
Tiraamp filannoo bara 2020 kutaa bulchiinsa Atilaantaa, Joorjiyaa keessatti gaggeeffame bu’aa filannoo jijjiiruudhaaf shira xaxaniiru jedhamuun himatamanii hidhamee ture.
Tiraamp mana-hidhaa Atilaantaa jirutti erga to’atameen booda wabii maallaqaa dolaara kuma 200 dhiyeessuun gadhiifameera.
Erga hidhaatii ba’een boodas murtichi “haqa sobaa” jechuun ibseera.
Tiraamp yakkaan shakkamee to’annoo jala yeroo oolfamu ji’a shan keessatti kun si’a afraffaa yoo ta’u, poolisiitiin suura yeroo ka’u garuu isa jalqabaati.
Tiraamp boodarra X(tiwiitar) irratti erga bara 2021 as yeroo jalqabaatiif barreeffama qoodeera.
Barreeffama qoode irrattis teessoo marsariitii isaaniifi suura poolisiin isa kaaseen walqabsiisee “Giddu-seentummaa filannoo! Tasa harka hin kenninu,” jedhe.
Pirezidantiin duraanii ameerikaa kun himannaa irratti dhiyaate siyaasa jechuun mormeera.
Tiraamp akka jedhetti, filannoo pirezidantummaa bara dhufu gaggeeffamu Dimokiraat kan ta’e pirezidant Joo Baayidan morkachuudhaaf dorgommii Rippabilikaanotaa dursaa waan jiruuf himata irratti banamedha jechuun ibsaniiru.
Pirezidantii duraanii Ameerikaa yeroo jalqabaatiif yakkaan himatame Donaald Tiraamp, Kamisa waaree booda jeettii dhuunfaasaatiin Niiwujarsiirraa imala dhaqaa galaa taasiseera.
Tiraamp gara mana-hidha Fultan Kaawonsii kan geeffame kan kanaan dura ta’een addatti dabaalamanii ture.
Mana-hidhcihaa keessas daqiiqaa 20f tureera. Deeggartoonni isaa hedduunis karra irratti walitti qabamanii eegaa turan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Odeeffannoon marsariitii mana-hidhaa sanarratti bahe Tiraamp, bifti isaa adii, saalli isaa dhiira, ulfaatinni isaa kiiloogiraama 97, refeensi/dabbasaan isaa bifa warqee, iji isaa ammoo cuquliisa akka ta’e ibseera.
Mana-hidhaattis lakkoofsi adda baastuu hidhamaa PO1135809 kennameefii ture.
Tiraamp wabii maallaqaan hidhaatii gadhiifamee osoo gara manasaatti hin deebi'iin dura gaazexeessitoota buufata xiyyaaraatti bu’aa filannoo mormuuf mirga akka qaban dubbateera.
Yeroo baayyee filannoon bara 2020 akka waliin dhahame kan dubbatu Tiraamp, “dogongorrin hojjedhe hin jiru. Filannichi kan waliin dhahameefi hatamedha jedheen yaada. Kana jechuuf ammoo mirga guutuun qaba,” jedhe.
“Akkuma beektan Hilaarii Kilintanis ykn kaadhimamaan duraanii kutaa Joorjiyaa Siteesiy Abrahaams ykn namoonni biroo hedduun waggoota darban wantota walfakkaatan gochaa akka turan ilaalaa jirtu,” jechuun gaazexeessitootatti dubbatan Tiraamp.
Tiraamp kanneen biroo 18 waliin himanni kan irratti dhiyaate torban darbe ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Tiraamp dabalatee namoonni 19 mana-murtiitti akka dhiyaatan eegama.
Tiraampiifi himatamtoonni biroo filannoo bara 2020 gaggeeffame irratti Baayidan bu’aa Joorjiyaatti gaggeeffamerratti akka hin mo’anneeefi bu’aan biraa akka dhufuuf shira xaxaniiru jedhamuun himanni irratti dhiyaateera.
Tiraamp aanga’aa Rippablikaan Joorjiyaa irraa ta’e Biraad Raafiinsipireegar waliin bilbilaan haasaa taasiseen yeroo sagaleen lakkaa’amutti sagaleewwan kuma 11 fi 780 akka barbaadan osoo gaafatanii dhaga’ameera.
Pirezidantiin Ameerikaa aangoorra jiru ykn aangoorra ture himanni yakkaa sadii yeroo irratti dhiyaatu Tiraamp isa jalqabaati.
Inni garuu yakka tokkollee hin hojjenne jedhee falmuun himannaawwan irratti dhiyaatan kunneenis dhiibbaa fedhii siyaasaa qabu jedha.
Pirezidantiin duraanii kun Rippabilikaanota dursaa kan jiru yoo ta’u, filannoo bara 2014 gaggeeffamu kan Baayidan irratti hirmaatanirratti morkata ata’ee dhiyaachuu danda’a.












