MM Abiy waliin kan mariyatan Ministirri UK carraaqqii mootummaan nagaa buusuuf taasisaa jiru dinqisiifatan

Ministira Mummee Abiy Ahimad (PhD) waliin kan mariyatan Ministira UK kan dhimma Afrikaa, Laatiin Ameerikaafi Kariibiyaan kan ta'an Viikii Foord carraaqqii mootummaan nagaa buusuudhaaf taasisaa jiru dinqisiifataniiru.

De'eetaan Ministiraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Rediwaan Huseen Amajji 20, 2020 Aadde Viikii Foord waliin dhimmoota waqtaawaa yeroo ammaa Itoophiyaa keessa jiruufi hariiroo biyyoota lamaan gidduu jirurratti akka mariyatanis ibsi Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa mul'iseera.

Ministirri UK kun marii aanga'oota Itoophiyaa waliin taasisaniin, "waraanni rakkoo hamaa ibsuudhaafillee nama rakkisu qaqqabsiise kun dhaabbachuu qaba," jechuun akeekkachiisaniiru.

Viikii Foord gara Itoophiyaa deemanii MM Abiy Ahimad, De'eetaa Ministiraa Dhimma ALaa Ambaasaaddar Rediwaan Huseeniifi Ministira Maallaqaa Ahimad Shidee waliin mariyachuu isaanii marsariitiin mootummaa UK fuula isaarratti baaseera.

Itoophiyaa keessa nagaan akka jiraatuuf murtoo mootummaan Itoophiyaa humnoonni waraanaa isaa akka naannoo Tigraay hin seenneef fudhate dinqisiiachuu ministira UK kanas himeera Ministeerichi.

Ministira Muummee Itoophiyaa Aby Ahimad (PhD) waliin mariyachuu kan ibsite Viikii Foord gamasheetiin, Itoophiyaa keessatti nagaan waaraaa akka bu'u abdii qabaachuu dubbataniiru.

Marii MM Abiy waliintaasifte kanaan Viikiin yaaddoo UKn walitti bu'insa Kaaba Itoophiyaa ilaalchisuun qabdu kan ibsiteef yoo ta'u, tarkaanfii mootummaan dhiyeenya kana namoota mana hidhaatuu baasuuf fudhateefi sochiin marii biyyaalessaa gaggeessuuf itti jiru ammoo kan jajjabeeffamu ta'uu himaniiru.

Erga fuula Tiwiitara isheerratti baasaniin ministirri UK kun michummaa bara dheeraa biyyoonni lamaan waliin qaban cimsuufi dhimma deebisanii ijaaruu ilaalchisuunis mariyachuu eeranii jiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaas marii Miikii Foord waliin taasifame ilaalchisuun ibsa baase kana keessatti UKn invastimentii dabalatee dhimmoota hedduu irratti biyyattii waliin hojjechuuf fedhii akka qabdu kaasuun, kana dhugoomsuuf ammoo nagaatu dursa jechuu ishee ibseera.

Waraana ji'oota 14 ol lakkoofsise kanaaf fala Gamtaan Afrikaa barbaadaa jiru mootummaan UK akka deeggaru Viikii Foord dubbataniiru.

"Hundeeffamuu Komishinii Marii Biyyaalessaas waatan gaarii akka ta'etti ilaalla. Hidhamtoonni siyaasaa hiikamuunis tarkaanfii gaariidha," jedhan Ministirri UK kun.

Sababa waraanaa Kaaba Itoophiyaatiin alatti kutaaleen biyyattii gara garaa keessatti rakkoon namoomaa hamaa muachuun akka isaan yaaddesse kan himan Viikiin, mootummaan UK hongee Kibba Itoophiyaatti dhalateef deeggarsa Paawondii miliyoona 5 akka deeggartu waadaa galaniiru.

Dabalataanis sababa walitti bu'insaan lammileen miidhamaniifi dhiyeessa fayyaafi barnootaa manca'e deebisanii ijaaruuf kan oola Paawondii miliyoona 5, akkasumas hojii nagaafi mirgoota namoomaa eegisisuudhaa kan oolu maallaqa dabalataa Paawondii miliyoona 4.5 mootummaan UK ramaduun ibsameera.

Maallaqani kun kan mootummaan UK rakkoo namoomaa waraana waliin walqabatee naannoo Tigraay, Amhaaraafi Affaar keessatti uumame gargaaruuf Paawondii miliyoona 75 ramadeen alatti dabalataan kan kennamudha jedhameera..

Itoophiyaa balaa hongee waggoota kudhan keessatti hin argamnetu mudate waan ta'eef yeroo rakkisaa akkasii kana keessa UKn Itoophiyaa waliin akka dhaabbattus himameera.

Isaan kun odeeffannoo dabalataati: