Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Waraana dhaabuuf tattaaffiin abdii namatti horu taasifamaa jira - A. Gutereez
Waraana Kaaba Itoophiyaattti adeemsifamu dhaabuufi nagaa buusuuf carraaqqiin taasifamaa jiru akka isaan gammachiise Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Gutereez himan.
Gutereez gaafa Roobii Gaanfa Afrikaatti Bakka Bu'aa Olaanaa Gamtaa Afrikaa kan ta'an Oliseguun Obasaanjoo haala Itoophiyaa keessa adeemaa jiruurrati erga bilbilaan mari'atanii booda ibsa baasaniinin kan kana jedhan.
Waraanni Itoophiyaa keessatti waggaa dura eegale dhaabbatee rakkoon mariin akka furamu carraaqqiin kana dura taasifame ija hin godhanne.
Antooniyoo Guteereez rakkoo Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee ''Mana Maree Nageenyaa dhaabbatichaa gidduutti qoqqoodiinsi jiraatus,'' furmaanni garuu dhiyaataa jira jedhan.
Aab Guteereez gaaffii fi deebii BBC Africa waliin addatti taasisaniin, rakkoo Itoophiyaaf furmaata barbaaduun hawaasa idl-addunyaaf ulfaataa ta'aa dhufuu himan.
Kanaafis sababa wayita kaa'an, mootummaan federaalaa, magaalaa Finfinnee jiru, biyyoonni alaa ''dhimma kiyya keessa seenan'' jechuun himachuu waan itti fufeef, hawaasa idil-addunyaa ofirraa dhiiba jedhan.
''Taateen Itoophiyaa keessatti dhalate kun hirmaannaa hawaasa idil-addunyaan salphaatti waan furamu natti hin fakkaatu. Itoophiyaan yeroo mara keessa seentummaa qaama alaa himatti,'' jechuun rakkoon Itoophiyaa walxaxaa ta'uu ibsan.
Dhimmi Itoophiyaa Mana Maree Nageenyaa keessattillee qoqqoodiinsa uumeera kan jedhan qondaalli olaanaan UN kun,''haalli kun ammoo salphaatti hojii keenya akka hin raawwanne gufuu nutti ta'eera,'' jedhan.
''Ministira Muummee Itoophiyaa waliin dubbadheera, TPLF waliinis akkasuma. Obasaanjoo fi Uhuruu akkasumas aanga'oota addunyaarra jiran hedduu waliin dhimma kanarratti dubbadheera. Garuu gara furmaata dhiyaachuuf carraan akka jirutu natti mul'ata.''
Dubbiin Qondaala olaanaa UN kuni yeroo dippilomaatonni olaanoo US lama gara Itoophiyaa imaluuf jiran dhagahame.
Pirezidantiin duraanii Naayijeeriyaa kuni torban darbe Finfinneefi gara Maqalee imaluun qondaaltota mootummaa federaalaa fi TPLF waliin mari'achuun isaanii gabaafameera.
Qaamoleen waraana keessa jiran lamaan waraana dhaabuuf sochii taasisaa jiran bakka bu'aa gamtichaarraa dhagahuu isaanii Gutereez ibsaniiru.
Dabaluunis, Obasaanjoon walitti bu'iinsa waggaa caalaa tureef furmaata siyaasaafi dippilomasii qabatamaa argachuuf carraan akka jiru abdii akka qaban itti himuu isaanii himan.
Waraana badii guddaa geessiseefi biyyoota ollaa yaaddesse kana dhaabuufi nagaa buusuuf carraaqqiin qabatamaa akka taasifamaa jiru ibsuun kanaanis gammaduu isaanii ibsan.
Walitti bu'iinsa bakkeewwan Itoophiyaa tokko tokkotti adeemsifamaa jiru jedhan nagaa buusuuf danqaa ta'u kan ibsan Gutereez, kunis ''qaamolee waraana keessa jiran gidduu tarkaanfii walamantee fiduuf taasifamu balleessa,'' jedhan.
Gutereez qaamoleen waraana keessa jiran dhukaasa akka dhaabaniifi dhaabbanni isaanii Itoophiyaa keessatti marii hunda galeessa, nagaa akkasumas adeemsa araaraa taasifamu deeggaruuf qophii ta'u ibse.
Adeemsi waraanni karaa nagaan akka xumuramu sochiin gama Gamtaa Afrikaan taasifamu abdii horuus haalli namoomaa ''yaaddessaadha,'' jechuun ibsan.
Deeggarsa dhiheessuuf hunduu carraaqqii taasifamu akka deeggaran dhaaman.
Bakka Bu'aan Olaanaa Gamtaa Afrikaa torban darbe ALI Kibxata Amajjii 03, 2014 gara Tigraay imaluun hogganoota TPLF waliin ''marii gaarii'' gochuu isaanii Dubbi Himaan TPLF Getaachaw Radaa himanii turan.
Obasaanjoon eegasii gara Finfinneetti deebi'aniiru. Ta'us, dhimma daawwannaa isaanii irratti addatti wanta ibsan hin qabani.
Oliseguun Obasaanjoon alatti Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US Jeefrii Feltimaan qaamoleen waraana keessa jiran mariitti akka deebi'an carraaqaa turaniiru.
Dhihoo isaan erga ergamni isaanii xumuramee booda bakka bu'aa biraan bakka buufamaniiru.
Guyyaa har'aas Ergamaan Addaa US haarawni Deevid Saatarfildiifi Waajjira Dhimma Alaa US'tti Gargaartuun I/Aantuu Dhimma Afrikaa Mooli Fii Finfinnee seenu jedhamee eegama.
Turtii isaaniinis marii bilbilaa ''bu'aa qabeessa'' MM Abiy Pirezidant Baayidan waliin taasisan bu'uura gochun akka mari'atan eegama.
Akka ibsa Ministeera Dhimma Alaa US'tti haleellaan qilleensaa akka dhaabatu, dhukaasni akka dhaabatu, hidhamtoota akka hiikaman, mariif bu'uurri akka toluufi dhimma deeggarsa namoomaa ni kaasu.
Waraanni Kaaba Itoophiyaatti dhalate lammiilee hedduu galaafatee miliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqisuun isaa ni beekama.
Dhaabbileen fayyaa Tigraay keessa jiran qoricha gahaa dhabuun rakkachaa jiraachuu dhihoo ibsuun isaanii ni yaadatama.