Tigraayitti erga waggaan haaraa seenee haleellaa qilleensarraan yoo xiqqaate namoonni nagaa 108 ajjeefamaniiru-UN

Tigraayitti erga waggaan haaraa seenee haleellaa qilleensarraan humna qilleensaa Itoophiyaan gaggeeffame jedhameen yoo xiqqaate namoonni nagaa 108 ajjeefamanii, 75 kan ta'an ammoo madaa'uu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) ibse.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dubbi himtuun Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Liiz Tiroosel ibsa Jimaata dhimma Itoophiyaa ilaalchisuun Genevaa irraa kennaniin, "gabaasaalee danuufi rifaasisoo ta'an namoonni nagaa ajjeefamuufi qabeenyi namoota nagaa manca'uu agarsiisan bahaaniin yaaddofneerra," jedhan.

Akka ibsa dubbi himtuu kanaatti, haleellaan qilleensarraa Roobii gaggeeffame lubbuu maanguddoo umuriin isaa waggaa 72 kan galaafate yoo ta'u gaafa Amajji 11 irra haleellaan haabbata Leenjii Tekinikaafi Ogummaa mootummaa irratti gaggeeffame ammoo namoota sadii galaafatee 21 madeesseera. Wixata gaafa Amajji 10 haleellaa qilleensarraa dirooniin mana baabura midhaan daakutti namoonni walitti qabamanii daanksifataa jiranitti gaggeeffame jedhameenis namoonni nagaa 17 ajjeefamanii 21 kan ta'an madaa'aniiru jedhan dubbi himtuun kun.

Gaafa Amajji 7 akkasuma haleellaa qilleensarraa kaampii Daddabiit baqattoonni keessa dahatanii jiran irratti raawwatameen yoo xiqqaate namoonni 56 ajjeefamanii namoonni biroo 30 ta'an mada'aniiru kan jettu Liiz Tiroosel, booarra kanneen madaa'an keessaa sadii hospitaala keessatti lubbuun isaanii darbuun walumaagala namoonni haleellaa kaampiirratti raawwatame kanaan 59 ajjeeffamaniiru jechuun isbsite.

Torban darbe keessa haleellaawwan qilleensarraa baay'een gaggeeffamuun isaa akka gabaafame eeruun, konkolotaa miiniibaasii kan dhuunfaa Adi'eetirraa gara magaalaa Aksumitti imalaa ture, buufata xiyyaaraa Shiree, kaampii baqattootaa Maayi-Ayiniifi bakkeewwan biroos rukkutameera jedhan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti dubbi himtuun Komishinara Olaanaa Mirgoota Namoomaa Liiz Tiroosel.

Haleellaa qilleensarraa Tigraay keessatti torban lamaan darban keessa raawwataman jedhaman kana ilaalchisuun mootummaan Itoophiyaa wanta jedhe hin qabu.

Haleellaawwan qilleensarraa kanaan dura gaggeessaa tureen garuu mootummaan Itoophiyaa buufataawan gareen fincilaa TPLF meeshaa waraanaa itti suphhatuufi kuufatu, akkasumas loltoota itti leenjifaturratti akka xiyyeeffate ibsaa tureera.Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarri Olaanaa Mirgoota Namoomaa ibsa baase kanaan, qaamoleen waraana kana keessatti qooa qaban akka seera idil-aunyaatti namoota nagaafi qabeenya isaaniif eegumsa taasisuuf dirqama qabu jechuun, kana gochuu hanqannaan akka yakkawwan waraanaatti gaaffachuusuu ni danda'a jedheera.

Tarkaanfii mootummaan aanga'oota paartii mormituu jajjaboo ji'ootaaf hidhaa turan dabalatee namoota bebbeekamoo dhiyeenya gadhiise waan gaarii akka ta'e kan kaase ibsi Komishiniin Olaanaa Mirgoota Namoomaa UN kun, ammas haalli namoota hedduu haala rakkisaa ta'e keessatti hidhamanii osoo mana murtiitti hin dhiyyaatiin jiran yaaddoodha jedheera.

Odeeffannoo biroo kana waliin deemaniif: