Waraana Kaaba Itoophiyaa: Haleellaa qilleensarraa Allaamaaxaatti gaggeeffameen namoonni ajjeefamuun gabaafame

Haleellaa diroonii fi xiyyaara waraanaan magaalaa Kibba Tigraay Allaamaaxaa keessatti mootummaan raawwateen namoonni 28 yoo ajjeefaman, hedduun madaa'uu finciltoonni Tigirayy himan.

Suuraalee namoota haleellaa kanaan ajjeefamaniiti jechuun reeffa namoota daandiirratti ajjeefamanii hedduu TV naannichaa agarsiiseera.

Haleellaa Kamaisa raawwate jedhame kanaan daa'ima ganna 7 hanga manguddoo ganna 70 kanneen ajjeefaman keessa jiraachuu gabaasni miidiyaa naannichaa ni hima.

Gabaasni TV Tigraay haleellaa qilleensarraa yeroo jaha bakka gabaa fi manneen barnootaa, akkasumas dhiyeenya mana amantaatti diroonii fi xiyyaara waraanaan raawwatameen namoonni 28 yoo ajjeefaman 78 kan ta'an ammoo madaa'uu hima.

Ambulaansiin kanneen mada'aan yoo kaastuu fi hospitaala keessatti wal'aansi yoo goodhamuuf viidiyoon TV Tigraay mul'iseera.

Dubbi himaan TPLF Getaachoo Raddaa ergaa tiwiitara irratti barreesseen haleellaan diroonii Allaamaaxaatti gaggeeffame namoota baayyee ajjeeseera jedhe.

Himannaa kana BBCn qaama walabaa irraa mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Naannicharraa interneetiifi komunikeeshiniin bilbilaa citee, miidiyaaleenis wanta naannicha keessatti deemaa jiru akka hin gabaasne waan dhorkamaniif himannaa kana qaama walaba ta'erraa qulqulleeffachuun hin danda'amu.

Mootummaan federaalaa haleellaa kana ilaalchisee wanti jedhe hin jiru.

TPLF amma duras mootummaan Itoophiyaa haleellaa qilleensaan lammilee nagaa ajjeesuu yoo himatu, mootummaan garuu haleellaawwan qilleensarraa magaalaa Maqalee dabalatee bakkeewwan hedduutti raawwateen buufataalee leenjii fi suphaa meeshaalee waraanaa finciltootaa qofa irratti xiyyeeffachuu himaa ture.

Torbanoota darban MM Abiy Ahimad gara adda waraanaa duuluu hordofee magaalota ijoo akka Daseefi Kombolchaa dabalatee bakkeewwan to'annoo finciltootaa jala turan hedduun harka mootummaatti deebi'anii jiru.

Haata'u malee, magaalaan seena-qabeettii Laalibalaa humnoota mootummaan qabamtee guyyoota muraasa booda to'annoo finciltootaa jalatti deebiteetti.

Guyyoota darban aanga'ootni TPLF humnoota mootummaa hedduu barbadeessuu yoo himan gama mootummaan wanti haaraan dhagaahame hin jiru.

Mudde 16 dhaabbileen idil-addunyaa mirga namoomaaf falman lama Lixa Tigraayitti ajjeechaafi dararaan marsaa haaraa raawwachuu ibsa baasaniin beeksisaniru.

Aministii Intarnaashinaaliifi Hiyuumaan Raayits Waach qorannoofi ibsa waloon baasaniin Lixa Tigraayitti hidhaan, dararaafi ajjeechaan dhalattoota Tigraayirratti hammaachaa jiru ''humnoota naannoo Amaaraatiin' raawwatamaa jira jedheera.

Manni Maree Mirga Namoomaa UN, 'sarbama mirgoota namoomaa hamaa Itoophiyaa keessatti raawwata jira' jedhe ilaalchisee har'a [Jimaata] kora taa'uuf akka jiru beeksiseera.

Mootummaan Itoophiyaa garuu murtee kora kanaan darbu akka hin fudhanne beeksiseera.

Odeeffannoo biroo kana waliin deeman: