Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Itoophiyaa: Ergaa eembasiiwwaniifi miidiyaalee hawaasaa irratti mootummaan Itoophiyaa maal jedhe?
Mootummaan Itoophiyaa dhaamsi eembasiiwwan biyya alaa dhaamaa jiran qajeelfama dippiloomasii kan sarbuu jedhe, miidiyaaleen hawaasaas madaala eegaa hin jiran jechuun balaaleffate.
Torban xumuramaa jiru kana keessa Embasiin biyyoota alaa hedduun lammiileen isaanii Itoophiyaatii akka bahan ajajuun isaanii ''qajeelfama dippiloomasiin aladha'' jedhe mootummaan Itoophiyaa.
Waraanni Kaaba Itoophiyaa erga eegalee eembasiiwwan biyyoota alaa bakka waraanni jabaan jira jedhamutti lammiileen isaanii akka hin imalle kanneen achi jiranis nageenyi isaanii haala weegamu keessa akka turan waamicha gochaa turan.
Torban kana keessa garuu eembasiin US Finfinneetti argamu lammiileen isaa gara Itoophiyaa akka hin imalleefi kan achi jiranis bahuu akka yaadan akeekkachiisa baasuu hordofee biyyoonni biroo hedduunis lammiilee isaaniif akeekkachiisa wlafakkaatu dabarsaniiru.
Embaasiin Ameerikaa ibsa Jimaata baaseen ammoo lammiileen isaa atattamaan biyyattii dhiisanii akka bahan gorsa dabarse.
''Haalli nageenyaa Itoophiyaa keessa jiru haalaan kan geggeeddaramaa jira'' kana jedhuufi hidhattootni gara magaala guddootti duuluuf jiru kan jedhu sababa eembasichi kaahedha.
Mootummaan Itoophiyaa ibsa guyyaa lama dura baasee tureen ''eembasiiwwan tokko tokko akka Finfinneen waan marfamte fakkeessuufi karoorri isaanii akka galma gahu hojjettootni eembasiiwwan isaanii akka bahan gochaa jiru'' jechuun kun ''qeelfama dippiloomasiin ala'' jedheera.
US dabalataan biyyootni akka, Saawdii Arabiyaa, Kuwaataraa, Israa'eel, fi Raashiyaa lammiileen isaanii gara Itoophiyaa isaanii gara Itoophiyaa akka hin imalle hubachiisaniiru.
MM Abiy Ahimad dhaamsa gama miidiyaalee hawaasaa itti dhimma bahaniin dabarsaniin ''michuuwwan dachaa michoota keenya fuula nutti gargalfatanii arganneerra'' jedhaniiru.
Miidiyaalee hawaasaarri yaada mootummaa
Feesbuukiin torban dabarsine keessa maxxansi MM Abiy maxxansan faallaa imaammata isaa ta'uun, hokkoora kakaasa jechuun haqu beeksiise.
Tiwiitarris akkasuma maxxansi MM Abiy qajeelfama isaa amala miidhaa geessisuu qabu (abusive behaviour) maxxansa isaanii guyyaa shan duraa haqeera.
Ministeerri tajaajila kominikeeshinii mootummaa maxxansi feesbuukii Muummicha Ministeeraa ilaalchisee amma dura ibsa baase keessatti tarkaanfii dhaabbatichaa mormeera.
Tiwiitar 'trend' ykn ta'iiwwan Itoophiyaa agarsiisan yeroodhaf cufuu isaa Jimaata beeksiseera.
''Jeequmsa ykn gocha namummaa xiqqeessu kakaasuun faallaa seera keenyaati... miidhaa qaamaa qaqabsiisuuf sodaan jiru guddaa waan ta'eef yeroodhaaf trend Itoohiyaa cufneerra'' jedhe dhaabbatichi.
Qaamoleen mootummaa Itoophiyaa tarkaanfiin kun yaada deeggartoota mootummaa ukkaamsuudha jedhu.
Hoogganaa Itti aanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa obbo Yonaataan Tasfaayee ''tokko taanee yaada keenya ibsuu eegallaaniifi michootni keenya baayyannaan tarkaanfiin kun fudhatame'' jedhan maxxans isaanii feesbuukiin.
''Itoophiyaa keessatti walitti bu'iinsi akka babal'atu akka jabaatanii kan hojjetan miidiyaaleen hawaasaa akka feesbuuk ergaa MM keenyaa fuulasaarraa haquun deeggartummaa isaa ibseera'' jedha ibsi mootummaa.
Ta'iiwwan kanaan walqabatee miidiyaan hawaasaa kun Itoophiyaa keessatti yeroodhaaf cufamuu mala yaadni jedhu dabalaa dhufeera.
Obbo Yonaatan Tasfaayee fuula miidiyaa hawaasaa isaanii gubbaatti, ''miidiyaaleen hawaasaa madaala isaanii yeroo dhabaniifi dantaa biyyaalessatti yoo bu'an wanti gochuun danda'amu muraasa ykn tokko qofaa'' jedhaniiru.
''Dirreewwan miidiyaa hawaasaa kun diinota keenyaaf haala loogeen murteen murtaa'u hanga dabalaa deemaa jira. Xiyyeeffannoo barbaada. Yookan dirreen kun madaala eeggata yookaan dirree taphaa ta'uun isaa ni oola.''