Facebook maxxansa MM Abiy lammiileen finciltoota akka 'awwaalaniif' ittiin gaafatan haqe

Facebook maxxansa Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) maxxansan faallaa imaammata isaa ta'uun, hokkoora kakaasa jechuun haqu beeksiise.

MM Abiy guyyaa Dilbataa lammiilee meeshaafi humna qabanii ka'anii finciltoota Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) karaa kaabaatiin naannoolee ollaa keessatti babal'ifataa jiru akka dhaabaniif waamicha taasisan.

Humnootiin TPLF waraana waggaa tokko darbeef humnootii mootummaa waliin gaggeessaa tureen, dhiheenya kana magaalota murteessoo ta'an to'ataa jira.

Dhaabbanni Facebook kanaan dura hokkara kakaasuuf wayita akka meeshaatti hojiirra oole dhaabsiisuuf hojjii gahaa hin hojjannee jedhamuun qeeqamaa ture.

MM Abiy maxxansa isaanii dhiyeenyaatiin, finciltoonni lafa to'atan babal'ifachuun, ''biyyattii gara hin taanetti dhiibaa jiru'' jechuun, lammiileen ka'anii ''ofi ijaaranii dandeettiifi meeshaa qabaniin karaa seeraa kamiinuu garee shororkeessaa TPLF akka ittisan, deebisaniifi awwaalaniif,'' gaafatan.

Dhaabbatni Facebook, kan dhiheenya kana maqaasaa Meta jechuun moggaase karaa dubbi himaa isaatiin BBCtti akka himetti, ''Maxxansa Ministira Muummee Itoophiyaa maxxansan erga hubanneen booda imaammatawwan keenya hokkara kakaasuufi deeggaruu dhorkan waan cabseef haqneerra,'' jedhan.

''Nuti warri Meta, eenyuunuu yoo ta'e, qabiyyeewwan namoota dhuunfaa ykn dhaabbilee ulaagaalee Hawaasaa keenya cabsan ni haqna.''

Sanadawwan dhoksaan baatii darbe keessa baheen, Facebook gareewwan hidhatan kan Itoophiyaa keessatiin saboota lakkoofsaan gadaanaa ta'an irratti hokkora kakaasuuf akka meeshaatti fayyadamaa jiraachu akeekkachisni kennamuuf ifa taasifameera.

Baatii Onkolooleessaa keessa hojjattuun dhaabbata Facebook duraanii, Firaansiis Hagen Seeneetii US irratti haasaa taasifteetti, kubaaniyichi biyyoota waraanni itti gaggeeffamu kan akka Itoophiyaa keessatti sababii tajaajilawwan isaa USn alaa sirriin hinto'anneefuu ''dhugaatti hokkoora sabummaa cimsaa jira'' jechuun ishee ni yaadatama.

Miidiyaan hawaasaa guddichi, Meta, Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi qabiyyeewwan isa leellisan kaan feesbuukiirraa haquu addatti BBC'f dhiyeenya mirkaneessee ture.

Dhaabbatni Feesbuuk Waraana Bilisummaa Oromo tarree ''dhaabbileefi namoota hamoo'' jedhu jala waan galcheef guutummaatti Feesbuukiitti fayyadamuu akka hin dandeenye ugguruu hime.

Waraana Itoophiyaa keessatti namoonni kumaatamaan lakkaa'aman yoo ajjeeffaman, kanneen miiliyoonotaan lakka'aman ammoo bakka jireenyaa isaaniirraa buqqa'u UN beeksiiseera.

Waraanni naannoo Tigraay waggaa har'aa Sadaasa 04, 2020 wayita MM Itoophiyaa Abiy Ahimad raayyaan ittisa biyyaa hmnootii naannoo Tigraay irratti tarkaanfii akka fudhatan ajajan kan eegale ture.

MM Abiy tarkaanfiin kunis deebii haleellaa humnootiin naannoo Tigraay, looltoota biyyaaleessaa kan kaaba biyyatiitti buufatanii ture irratti raawwatan ta'u himan.