Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Facebook Itoophiyaatti oduu sobaafi ergaawwan hokkara kakaasan dhaabsisuurratti hin hojjenne'
Icciitii Facebook kan saaxilte hojjettuun duraanii dhaabbatichaa Firaansiis Hagen, Facebook Itoophiyaa dabalatee biyyoota biroo keessatti oduuwwan sobaafi ergaawwan walitti bu'insa kakaasan akka hin dhaabsisiin himte.
Koree Seera Baastuu Ameerikaatiif yaadashee kan kennite Firaansiis, Itoophiyaafi Miyaanmaar keessatti walitti bu'insa ka'aniifi odeeffannoowwan karaa Facebook tatamsa'aa ture gidduu walitti dhufeenya jiraachuun mul'ateera.
"Tarkaanfiin fudhatamuu baannaan gochawwan finxaalessummaa yeroo ammaa argaa jirru itti hammaachaa deemu jedheen sodaadha. Wantota nuti Itoophiyaafi Miyaanmaar argine gara sadarkaa hamaa ta'eetti kan ce'an, seenaa sodaachisaa boqonnaa jalqabaa ta'u," jetteetti.
Facebook odeeffannoowwan sobaa, ergaawwan walitti bu'insawwan kakaasan, akkasumas haasawwan jibbinsaa tatamsaasuurraa dhaabsisuu akka hin dandeenye Koree kanatti himteetti.
Bara 2018 keessa hokkara Miyaanmaar keessatti ka'ee tureen walqabatee haasawwan jibbinsaa akka hin tatamsaane gochuu keessatti hanqina akka agarsiise Facebook amaneera.
Isaan boodas haasaawwan jibbinsaafi ergaawwan walitti bu'insa kakaasan gahumsaan dhaabsisuudhaaf waadaa galee ture.
Dubartiin umuriin ishee wagga 37 taateefi duran hojjettuu Facebook turte kun Kaappitol Hiilitti dhiyaachuun yeroo yaadashee kennitu dhaabbatichi cimsee balaaleffateera.
Dhaabbileen akka Facebook, fuula isaanirratti ergaawwan qama sadaffaa baasaniif itti-gaafatamummaa akka hin fudhanneef seera dhowwu keessatti keewwata 230 irratti jijjiiramni akka taasifamu Firaansiis gaafatteetti.
Facebook ergaawwan maxxanfamaniif itti-gaafatamummaa akka fudhatu taasifamuu akka qabu haasaa Koree Seenatiif taasisteen eertee jirti.
Facebook itti-gaafatamaa taasisuun tatamsa'ina odeeffannoo sobaa akka dhaabsisu, darbee ammoo walitti bu'insi akka hin kaane akka dhorkus dubbatteetti.
Facebook abbootii hirreefi dhaabbileen shororkeessitoota ta'aniin faayidaarra oolaa akka jirus haasaa taasiste kanaan saaxilteetti hojjettuun duraanii dhaabbataichaa.
Qaamoleen kunneen akka itti fayyadmaa jiranis Facebook mataan isaayyu quba qabaachuus ibsiteetti.
Fayyadamtoonni Facebook 'Like' fi 'Share' akka godhaniif, akkasumas yaada akka kennaniif barreeffamoota kakaasan fuula isaarratti akka ol bahee mul'atu taasifama jechuun dubbatte.
"Ergaawwan akkasii biyya akka Itoophiyaa sabaan wal qooanii raafamaa jiran keessatti walitti bu'insa kaasisaa jiru," jechuun addeessiteetti.
Odeeffannoowwan fuula isaarratti maxxanfaman fayyaalessa ta'uu akka qabanis hubachiifteetti.
Facebook ergaawwan walitti bu'insa kakaasan dhorkuudhaaf hoj-maatawwan gara garaa diriirsullee rakkoo jiruun tarkaanfiin kun gahaa akka hin taaneefi ergaawwan Ingliffarraa kan hafe afaanota birootiin barreeffaman gama qulqulleessuutiin qaawwi akka jiru dubbatteetti.
"Facebook fayyadamtoota akka fuula isaarra turan ergaawwan godhan waliigalatti gara fuula isaa duraatti fiduun isaa sirrii akka hin taane dubbateera. Biyyoota akka Itoophiyaa walitti bu'insi keessatti ka'an sababiiwwan barreeffamoota kanaatiiniha. Ergaawwan kunneen madaalamuu kan qaban qabiyyee isaaniitiidha," jechuun ibsiteetti.
Haasaa hojjettuun duraanii Facebook Firaansiis taasiste hordofee dhaabbatichi deebii haasawa sana gatii dhabsiisu kenneera.
Dubbi himaan Facebook Andii Istoon fuula tiwiitara isaarratti akka jedhetti, Firaansiis dhaabbticha keessa kan hojjette waggoota lamaaf qofa ta;uu isaarra darbee karaan gabaasawwan kallatttiin ittiin argattu hin qabdu.
"Walga'iiwwan murteewwan irratti dabarfaman irratti ammoo hirmaattee hin beektu. Dhimmoota Koree seera baastuu kanaan gaaffiin irratti ka'e ilaalchisees ittin dhiyeenyaan akka hin hojjennes dubbatteetti," jedhe dubbi himaan kun.
Facebook waa'ee hojjettuun isaa duraanii dubbatte kanaan akka walii hin galles dubbi himaan dhaabbatichaa himeera.