Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Facebook maqaasaa 'Meta' jechuun geeddarate
Feesbuukiin maqaasaa gara maqaa Meta jedhutti geeddaruun qaama akka haaraatti of beeksisuuti jedheera.
Jaarmiyaan teeknolojii kuni maqaa geeddarachuu kora injinaroota dhaabbatichaa waggaa taa’amerratti beeksise. Maqaan haaraa waan dhaabbatichi yeroo ammaa dalagu bakka bu’a jedheera.
Karoora metaverse jedhamu- addunyaa onlaayinii kan namoonni keessatti heedseetii VR jedhamu fayyadamuun taphachuu, hojjechuu fi haasa’uu isaan dandeessisuus ifa godheera.
Jijjiiramni maqaa kuni kan dhufe hojjettuun duraanii sanada dhaabbatichaa saaxiluun waa’ee Feesbuukii oduun gaarii hin taane erga tamsa’een booda dha.
Frances Haugen dhaabbatichi ‘’eegumsa onlaayinii namootaarra bu’aadhaaf dursa kenna'' jechuun himateetti.
Bara 2015tti Google dhaabbata haadhoosaa Alphabet jedhee waamuun jijjiirama caasaa taasisus, namoota biratti garuu maqichi beekamaa tahuu hin dandeenye.